06/08/2026
○○ . ○○
✅ QABAMANII/JIRAACHUU.
Eenyutu jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree?
🎚 Rom -8:35
Waaqayyo jaalala guddaa hangas hin jedhamne nu jaallateera,kanas karaa ilmasaa yesuus kirstoosiin nuuf mirkanesseera. Yoh/3:16. “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.”
🎚1Yoh/4:9
Waa'een jaalala Waaqayyoo jechoota nuti itti gargaaramnun olidha; sababni isaa jaalalichatu jaalala addaati.
□ Jaalala Waaqayyoo wanti Adda godhus;
1) Jaalala barabaraa ta'uu isaati. “Ammas Waaqayyo fagootti anatti mul'atee, saba kanaan, "Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi'eesse;”
🎚Er 31:3
Jaalalli Waaqayyo ittiin ilmaan isaa jaallate kan hin jijjiramne ykn hin geeddaramnefi kan barabaraati.
2) Jaalala dhiigaan akkasumas lubbuu kennuun mirkanaa'edha.
Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu kan karaa Yesuusiin nuuf mirkanaa'e kun, kan gatii dhiigaatif lubbuu kennisiisu ture. “Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna.” 🎚Yoh/10:15
3) Jaalala haala irratti hin hundoofne ta'uu isaati
“Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.” 🎚Rom/3:24 Egaa Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu guddaadha, kanaaf kan jaallatamne kun jaalala Waaqayyoo kanaatti qabamnee jiraachuu nu barbaachisa. Akkuma ergamaan phaawulos kutaa kana kessatti dubbatu jaalala waaqayyootti kan gargar nu baasu jiraachuu hin qabu.
Addunyaan nuti Amma kessa jiraachaa jirru kun wantoota jaalala Waaqayyo nama dagachiisanin ( irraanfachiisanin) duroomtuudha. Sababni isaa gaafuma gooftaan jaalalaa dhufee isheerratti dhalatu gooftaa jaalalaa kanaf hin taane turte.
“Erga jarri biyya isaaniitti sokkanii immoo, kunoo, ergamaan gooftaa tokko abjuutti Yoseefitti mul'atee, "Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxiitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!" ittiin jedhe.” — Mat/2:13
Wantoonni jaalala Waaqayyo nama dagachiisan
1) Qabaachuu
2) dhabuu
3) Billaa ( du'a)
4) Beekumsa daangaa hin qabne. “Eenyutu jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree?" — Rom/8:35.
Wantoota armaan olitti heeraman kana hundumaayyu iddoo guddaa kennuufii dhiifne gooftaa barabaraan nu jaallate kana jaalala isaatti qabamnee osoo iddoo keenyaa hin socho'in jiraachutu nuuf ta'a.
《 FOCUS WKU || DS TEAM 》