03/12/2025
Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanoot akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti
Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot isaan armaan gadiiti;
Bitootessa 24 :- Guyyaa itti garaatti baataman (Mudde 24 bara 1196 Dh.K.B)
Mudde 24 :- Guyyaa itti dhalatan (Mudde 24 bara 1197 Dh.K.B.)
Sadaasa 24 :- Luboota Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel waliin fooniin osoo jiranii Teessoo Sillaasee kan itti ulan
Amajjii 4 :– Guyyaa itti miilli isaanii baay’isanii dhaabbachuu irraa kan ka’e guyyaa itti cite (Amajjii 4 bara 1289 Dh.K.B) ta’us garuu guyyaa boqonnaa isaanii waliin wal qabatee Ji’uma Amajjii gaafa guyyaa 24 ni kabajama.
Hagayya 24 :- Guyyaa itti boqotan (Hagayya 24 bara 1296 Dh.K.B)
Caamsaa 12 :- Guyyaa Filsataa Foon ykn Ekeraa isaanii (Caamsaa 12 bara 1353 Dh.K.B)
Akkasumas akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ji’a ji’aan gaafa guyyaa 24 guyyaa yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot ta’ee ni yaadatama, ni kabajama.
Eebbii fi Araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot nurra haa bulu!
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!