16/09/2026
🌿 በጅማ ቤቴል ሲኖዶስ የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት ስልጠና ተሰጠ
የኢትዮጵያ ወንጌላዊ ቤተክርስቲያን መካነ ኢየሱስ (ኢ/ወ/ቤ/ክ/መ) የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት መምሪያ፣ በጅማ ቤቴል ሲኖዶስ ለሚገኙ የሲኖዶሱ መሪዎችና የልጆችና ወጣቶች አገልጋዮች ስልጠና ሰጠ።
📍 ቦታ፦ ጅማ ከተማ፣ የጅማ ቤቴል ማ/ም
🎯 የስልጠናው ርዕስ፦ “ሁለንተናዊ ዕድገት ለልጆች እና ወጣቶቻችን”
ስልጠናው በልጆች እና ወጣቶች አገልግሎት መምሪያ በኩል በወንጌላዊ ጋዲሳ ረጋሳ እና በቄስ ወንድማገኝ ኡዴሣ የተሰጠ ሲሆን : ልጆችና ወጣቶች በመንፈሳዊ፣ በአእምሯዊ፣ በማኅበራዊና በአካላዊ ዘርፎች ሁለንተናዊ ዕድገት እንዲያገኙ፤ የተፈጠሩበትን ዓላማ እንዲለዩ፤ እግዚአብሔር በውስጣቸው ያስቀመጠውን ልዩ ተፈጥሯዊ ችሎታና መንፈሳዊ ጸጋ በመጠቀም ለትውልድ በረከት እንዲሆኑ ለማገዝ: እና ወጣቶችን ለመሪነት አገልግሎት ማዘጋጀት ላይ ያለመ ነበር።
በስልጠናው ላይ ከጅማ ቤቴል ሲኖዶስ ፕሪስቢቴሪዎችና ማኅበረ ምዕመናን የተውጣጡ ቄሶች፣ ወንጌላውያንና የልጆችና ወጣቶች አገልጋዮች ተሳትፈዋል።
📚 ከስልጠናው ጎን ለጎን ለልጆችና ወጣቶች አገልግሎት የሚያግዙ የልጆች መጽሐፍ ቅዱሶች፣ የወጣቶች ማስተማሪያ መጽሐፍት እንዲሁም የቤተክርስቲያኒቱን ሥነ-መለኮታዊ አስተምህሮ የሚያጠናክሩ የተለያዩ መጻሕፍት ለተሳታፊዎች በድጋፍ መልክ ተሰጥተዋል። ይህም በእያንዳንዱ ማኅበረ ምዕመን ቤተ-መጻሕፍት ለማቋቋም የታቀደውን ራዕይ ለማሳካት የሚያግዝ ነው።
የልጆችና ወጣቶች አገልግሎት መምሪያ ዳይሬክተር ቄስ ወንድማገኝ ኡዴሣ፣ ለቤተክርስቲያኒቱ መንፈሳዊ መጻሕፍትን ድጋፍ ያደረጉ ተቋማትን አመስግነው፣ ተሳታፊዎች በስልጠናው ያገኙትን እውቀት ወደ ተግባር በመቀየር ለልጆችና ወጣቶች አገልግሎት ትኩረት እንዲሰጡና ለሁለንተናዊ ሚኒስትሪ ፓኬጅ ስኬት የድርሻቸውን እንዲወጡ አሳስበዋል።
የጅማ ቤቴል ሲኖዶስ ፕሬዚዳንት ቄስ አለማየሁ ከበደ በበኩላቸው፣ ስልጠናው የልጆችና ወጣቶች አገልግሎትን ወቅቱ በሚፈልገው መልኩ ለማሳደግ አስፈላጊና ወቅታዊ መሆኑን ገልጸው ሰልጣኞችም ከስልጠናው ያገኙትን እውቀት ወደ ተግባር እንዲቀይሩ አጽንኦት ሰጥተው መልዕክት አስተላፈዋል።
#ልጆችናወጣቶች
===
🌿 Sinoodoosii Beeteel Jimmaatti Leenjiin Geggeessitootaa fi Tajaajiltoota Ijoollee fi Dargaggootaaf Kenname🌿
Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa (WKWWMYI) Sinoodoosii Beeteel Jimmaatti, mata duree “Guddina Hundagaleessa Ijoollee fi Dargaggoota Keenyaaf” jedhuun leenjii geggeessitootaa fi tajaajiltoota ijoollee fi dargaggootaaf kennameera.
Leenjichi ijoollee fi dargaggoonni keenya karaa qaamaa, sammuu, hafuuraa, hawaasummaa fi dandeettiiwwan isaanii hundaan akka guddatan, kaayyoo Waaqayyo isaan uumeef adda baafatanii, kennaa fi dandeettii Waaqayyo isaaniif kenneen dhalootaaf eebba akka ta’an, akkasumas dargaggoota gara hoggansaatti guddisuu irratti xiyyeeffateera.
Leenjichi karaa Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggootaa (QTID-WKWWMYI) tiin qophaa’ee, karaa Luba Wondmagegn Udessa fi HW Gaaddisaa Raggaasaa tiin kan kenname yoo ta’u, geggeessitoota, tajaajiltoota ijoollee fi dargaggootaa, luboota, hojjettoota Wangeelaa, pirisbiteroota fi bakka bu’oota waldaalee amantootaa Sinoodoosichaa irraa hirmaattonni irratti argamaniiru.
Hirmaattotaafis tajaajila ijoollee fi dargaggootaa cimsuuf, akkasumas Manneen Kitaabaa Waldaa Amantootaa keessatti jalqabsiisuuf, hojii dubbisaa fi barnoota hafuuraa jajjabeessuuf, Kitaabota Qulqulluu ijoollee, kitaabota tajaajila dargaggootaa fi kitaabota barsiisa bu’uura amantii Kiristaanaa deeggaran karaa Qajeelchichaatiin gumaachamaniiru.
Daarektarri Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggootaa, Luba Wondmagegn Uddeessaa, dhaabbilee kitaabota hafuuraa fi tajaajila ijoollee fi dargaggootaa deeggaran galateeffachuun, leenjifamtoonni barumsa argatan hojii irra oolchuun dhaloota haaraa kan ta'an irratti xiyyeeffannoo guddaa akka kennan ergaa dabarsaniiru.
Pirezidaantii Sinoodoosichaa kan ta'an Lubni Alamaayyoo Kabbadaa, leenjichi tajaajila ijoollee fi dargaggootaa akka yeroon gaafatutti guddisuuf barbaachisaa fi yeroosaa kan eeggate ta'uu ibsuudhaan, leenjifamtootni leenjii fudhatan kana hojii qabatamaatti akka hiikan jajjabeessuudhaan cimsanii ergaa dabarsaniiru.
───
───
🌿 Children and Youth Ministry Training Held at Jimma Bethel Synod 🌿
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) Children and Youth Ministry Department conducted a training for leaders and Children and Youth Ministry leaders of Jimma Bethel Synod.
📍 Location: Jimma City, Jimma Bethel Congregation
🎯 Theme: “Wholistic Development for Our Children and Youth”
The training was facilitated by Rev. Wondmagegn Udessa & Ev. Gadissa Regassa, from the EECMY Department of Children & Youth Ministry. It focused on nurturing children and youth in their spiritual, intellectual, social, and physical development, helping them discover their God-given purpose, natural abilities, and spiritual gifts, and preparing young people for leadership and ministry.
Pastors, evangelists, and Children and Youth Ministry workers from the presbyteries and congregations of Jimma Bethel Synod participated in the training.
📚 Ministry Resources Distributed
As part of the support provided by the Department, participants received children’s Bibles, youth teaching materials, and theological books to strengthen Children and Youth Ministry and support the vision of establishing libraries in each congregation.
Rev. Wondmagegn Udessa, Director of the Children and Youth Ministry Department, expressed appreciation to the organizations that have supported the Church with spiritual and ministry resources. He encouraged participants to put their learning into practice, give greater attention to children and youth, and contribute to the success of the Wholistic Ministry Package.
Rev. Alemayehu Kebede, President of Jimma Bethel Synod, emphasized that the training was timely and essential for strengthening Children and Youth Ministry. He encouraged the trainees to put what they had learned into practice in their respective ministries.
https://t.me/eecmyyouthministry
https://t.me/MYSundaySchool
EECMY Youth Ministry EECMY Children Ministry - MY Sunday School