FOCUS AMU

FOCUS AMU Dubbii waaqayyoo isa jiraata waaqayyoo ittin tokkummaa keenya ebbisun walin ebbifamna!

sagalee waaqayyoo isa haxxummaa of keessan qabneen dargagoota dhufa misirichatti ga'o ta'an arguu

34 Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaa...
19/05/2026

34 Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. 35 Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedhe.

WAAMICHA DEEGGARSA MENTARBOO MANA WAAQEFFANNAA 🎤🙏Nuti Focus AMU Main Campus keessatti argamnu, mootummaa Waaqayyoo babal...
18/05/2026

WAAMICHA DEEGGARSA MENTARBOO MANA WAAQEFFANNAA 🎤🙏

Nuti Focus AMU Main Campus keessatti argamnu, mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf, dhaloota mootummaa Waaqayyoo ijaaruu fi hojii waaqeffannaa keessatti tajaajila hafuuraa gaggeessaa jirra. 🏛✨

Mana waaqeffannaa keenya keessatti yeroo dheeraaf itti fayyadamaa kan turre Mentarboon (Speaker) keenya miidhamee hojii irraa dhaabateera. 🛠 Sababa kanaan yeroo waaqeffannaa, kadhannaa, sagantaa barnootaa fi walga’ii hafuuraa keessatti rakkoon guddaan nu mudachaa jira.

Sagaleen qulqullinaa fi sirrii ta’e hojii waaqeffannaa keessatti gahee guddaa waan qabuuf, mentarboo haaraa bitachuun dirqama ta’eera. 🎤✅ Garuu yeroo amma kana sababa qaala’insa jireenyaa fi hanqina maallaqaa irraa kan ka’e, qarshiin nu harkaa jiru fedhii kana guutuu hin dandeenye. 💸📉

Kanaafuu obboloota keenya, michoota keenya, mootummaa Waaqayyoo jaallattan hundumaa kabajaan fi gad of qabnee isin gaafachuu jaallanna—Adaraa, hanga dandeessan nu bukkee dhaabadhaa. 🤲🙏

Gumaachi keessan xiqqaa ta’us hojii guddaa keessatti bu’uura ta’a. Qarshii, meeshaa, yookiin deeggarsa kamiyyuu taanaan, waaqeffannaa keenya itti fufuuf humna guddaa nuuf ta’a. 💪✨

Namni mootummaa Waaqayyoo keessatti facaasu mootummaa lafaa qofa osoo hin taane eebba samii irraa argata. 🌌 Har’a harka keessan nuuf diriirsuun, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti mootummaa bara baraa irratti hirmaachuu dha.

“Namni arjaa ta’e ni eebbifama; keessaa isaas Waaqni ni guuta.” 📖

Waaqni hojii gaarii fi gumaacha jaalalaan taasiftan hundumaa dachaan isiniif haa deebisu! 🌱❤️

Focus AMU Main Campus 🏫
Mana Waaqeffannaa ⛪️.
CEB BANK ACCOUNT: 1000511444172 FOCUS AMU MAIN CAMPUS CHRISTIAN TEAM.

Ayyaanni yaadannoo Du'aa ka'u Kani bara 2018E.c Haala kanaani kabajameera.
13/04/2026

Ayyaanni yaadannoo Du'aa ka'u Kani bara 2018E.c Haala kanaani kabajameera.

12/04/2026

sagantaani keenya karaa fuula TikTok keenya live darbaa Waani jiruuf seenaa nu hordofaa

Ergichi, “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin ...
11/04/2026

Ergichi, “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka.
Mul-2:19.

Waaqayyo nu gargaaree guyyaa kaleessa Barattoonni Focus Arbaminch University mooràa guddicha magaala Arbaminch keessatti yaadannoo Ayyaana du'aa ka'uu sababeefachuuni love sharing ykn waani qabnu warreeni kaaniif qooduuni ,karaalee garaa garaa :uffata ,qarshiifi nyaata gumaacha gochuun walumaa galatti tilmaama qarshii :87,270 oli Kani tahuni
namoota karaa irra jiraataniif deeggarsa gochuu dandeenyeera ,dabalataani lubbuuni tokkosi gooftaa keenya Yesuus kiristoosiini Fayyisaa lubbuu ishee godhattee fudhateetti.
Warreeni hojii kana keessatti hirmaanna gochaa turtani martuu eebbifama waaqayyo sinaa eebbisu!

❤️❤️WAAQAYYOOF NANI LIQEESSA!❤️❤️ 💙 LOVE SHARING TEAM 💙🎤Nagaafi Araarri Waaqayyoo siniifaa baay'atu,baga jala bultii yaa...
09/04/2026

❤️❤️WAAQAYYOOF NANI LIQEESSA!❤️❤️
💙 LOVE SHARING TEAM 💙
🎤Nagaafi Araarri Waaqayyoo siniifaa baay'atu,baga jala bultii yaadannoo Du'aa ka'u Kani bara kanaani sini gahe jechaa ayyaana kana sababeefachuuni obboloota keenya karaa irratti kufanii jiraniifi harka qal'eeyyiif hanga humna keenyaa :
👉 yeroo itti uffataan
👉 yeroo itti nyaatafi
👉 yeroo itti jaalala keenya isaaniif qoodnee jajjabeessinu waani taheef kanneeni iddoo garaagaraa teessanii nu hordoftani illee gama keesaniini waani dandeesaniini hojii kanatti akka hirmattaniifi namoota Kani illee itti hirmaachiftani isiniini jechuu jaallanna.
“Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqayyo immoo waan inni kenne sana isaaf deebisa.”
Fak-19:17
✨ Jaalalli dhugaan gochaan mul’ata
? koottaa waliini taane haa qoodnu, waliin haa ijaarru, waliin haa gammannu!
📢 Odefannoo dabalataf:
📞 +251 909 849 643
💳 Account: 1005114444172
🏦 Focus AMU Main Campus Christian Team
📲 Nu hordofaa fi nu waliin ta’aa:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok
🔥 Har’a qooda kee bahii — jireenya nama tokko jijjiiri!

29/03/2026

sagantaani keenya karaa fuula tiktok keenya live darbaa waani jiruuf seenaa nu waliini eebbifamaa

Nagaafi Araarri Waaqayyoo isiniifaa baay'atu Dilbata fuuldura keenya jiru gaafa guyyaa 20/07/2018Ec sagantaani addaa obb...
27/03/2026

Nagaafi Araarri Waaqayyoo isiniifaa baay'atu
Dilbata fuuldura keenya jiru gaafa guyyaa 20/07/2018Ec sagantaani addaa obboloota keenya GC 2026 tiini qophaa'ee waani jiruuf hundi keessanuu irratti akka argamtanii kabajaani afeeramtaniittu
kanneeni qaamani argamuu hin dandeenyeef guyyaa sana live karaa TikTok keenya waani dabarsinuuf gamanumaani akka hirmaattuu eebba keenya akka taatani isiniini jenna

136 likes, 18 comments. “ FocusAmu”

Qajeelummaan ishee akka biiftuu ganamaa hamma ol ba'utti, fayyinni ishees akka guca bobba'uutti hamma ibsutti, ani waa'e...
26/03/2026

Qajeelummaan ishee akka biiftuu ganamaa hamma ol ba'utti, fayyinni ishees akka guca bobba'uutti hamma ibsutti, ani waa'ee Xiyooniif calluma hin jedhu, waa'ee Yerusaalemiif hin boqodhu. 2 Sabni lafa irraa qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee in argu; maqaa haaraa isa Waaqayyo ofii isaatii siif kenneen in waamamta; Isa-62:1_2

Obboleessa keenya jaallatamaa GC 2025 E c. Baqqee nu jidduutti argamuuni waani nu jajjabeesiteef Waaqayyo barakee haa eebbisu eebbifami!

Address

Arba Minch'

Telephone

+251923383404

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FOCUS AMU posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share