08/09/2026
Galli Achittuu jedhe Abbaan koo!( Galli hin jiru jechuu dha)
*****************************************************
Eyyeen Si jaalanna, Baay’ee Si jaalanna.
Haadha Keenya, Haadha Oromoo Nagaatti.
Biyyeen galabaa miti walirraa hin xaragan, duuti immoo heera Uumaati. Du’a hin oolani.
Ati garuu bara baraan jirta. Nuti hanga lubbuun jirrutti, dhaloonni dhufu immoo yeroo hundaa si yaadachaa siin dhaadachaa fi fakkeenya si godhachaa jiraata.
Bohichii fi fokkorsi, jeekkarrii fi oofaniin osoo nama kan galchu ta’ee situ gala ture. Garuu kun hin ta’u. Galli achittuu jedhe Abbaan koo!
Amboon kee inni ati filatte, inni ati itti dhaammattee deemtee tokkichi isaa manatti hin hafne.
Kaan Lafoon, kaan Fardaan, kaan immoo gamtaan bahee xuruurfatee siif boohe, siif garmaame, siif fokkore.
Situ darbe malee seenaan kee tulluu caala.
Hin jigu, hin dabu, hin dagatamu, Rirmi hin nyaatu.
Bara baraan Oromoo waliin jiraata