06/08/2026
โKAN AMAJJII DUUTE, HAGAYYA AWWAALAMTEโ
โ๏ธ Dn. Masgabuu Kefiyaalehu
Akka sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti, soomota akka soomaman ajajaman keessaa tokko Sooma Filsataa dha.
Soomni Filsataa Hagayya 1 irraa eegalee Hagayya 16tti xumurama. Sooma kana jalqaba kan sooman duuka buutota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos turan. Sababni isaan Sooma Filsataa soomaniis boqochuu Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam wajjin walqabata.
Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam waggoota 64 lafa kana irra erga jiraattee booda, Amajjii 21, fedha Waaqayyootiin lubbuun ishee qulqulluun foon ishee irraa adda baate.
Yeroo kana duuka buutonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos foon Qulqulleettii Dubroo Maariyaam awwaaluuf baatanii gara Geetesemaanii yeroo deeman, Yihudoonni isaan argan. Isaanis, โKanaan dura Ilma ishee Iyyasuus Kiristoosiin fannoo irratti fannifnee ajjeefnee turre. Amma immoo duuka buutonni Isaa โGuyyaa sadaffaatti duโaa kaโe, guyyaa afurtamaffaattis gara samiitti ol baโe, lammatas deebiโee ni dhufaโ jedhanii lallabuun uummata nu harkaa baasaa jiru. Amma immoo bakka awwaala Isaattis dinqiin adda addaa raawwachaa jira. Kanaaf foon haadha Isaas yoo callisnee dhiifne, โakka mucaa ishee duโaa kaatee ol baateโ jedhanii nu jeequโ jechuun yaadan.
Kanaaf foon Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gubuu yaadanii itti kaโan.
Isaan keessaa namni Taawfaaniyaa jedhamu, foon Haadha keenya gubuuf yeroo sankoorii siree sana harkaan qabatu, ergamaan Waaqayyoo seefii ibiddaatiin harka isaa lamaan irraa kute. Harki isaa lamaan citee sankoorii siree sana irratti rarraโee hafe.
Taawfaaniyaan waan taโeef gaabbee gara Qulqulleettii Haadha keenya Dubroo Maariyaamitti booyee, dhimmicha Qulqulluu Pheexroositti himte. Qulqulluun Pheexroosis kadhannaadhaan harka isaa fayyiseef.
Yeroo sana Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Gabriโeel, foon Haadha keenya Dubroo Maariyaamii duuka buโaa Qulqulluu Yohaannis wajjin ol fudhatee Gannata keessa, muka jireenyaa jala kaaโe.
Yeroo muraasa booda Qulqulluun Yohaannis gara duuka buutotaa dhufee, foon Haadha keenya Gannata keessa kaahee akka dhufe itti hime. Duuka buutonni foon Haadha isaanii argachuu dhabuu isaaniitti baayโee gaddanii, Hagayya 1 irraa eegalee soomaafi kadhannaa jalqaban.
Subaaโee lamaaf, jechuun guyyoota 14, soomaafi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti booโanii erga turanii booda, Hagayya 14, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon Qulqulleettii Haadha keenya Dubroo Maariyaam fidee duuka buutotaaf kenne.
Duuka buutonniis weedduufi faarfannaadhaan deemanii bakka Geetesemaanii jedhamutti awwaalan.
Akkuma Mootichi Daawit dursee Afuura Qulqulluudhaan guutamee, โGara boqonnaa keetti kaโiโ jechuun raajii dubbate (Faar. 131:9), Haati keenya Dubroo Maariyaamis awwaalamtee guyyaa sadaffaatti, Hagayya 16, akkuma Ilma ishee duโaa kaatee gara samiitti ol baate.
Daawit Faarfannaa isaatiin:
โUffata warqee uffattee, aguuggattee, mootittiin mirga kee dhaabbattiโ jechuun akkuma faarfate (Faar. 44:9), Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam gara samiitti ol baatee mirga Ilma ishee teesse.
Kanaaf Qulqulluu Yaareed kitaaba isaa Digguwaa jedhamu keessatti:
โแฐแแแแต แฅแ แแตแญ แแ แ
แจ แแ แจแต แแแตแ แแแณ แ แจแแ แ แฅ แแแแแต แ
แฑแตโ
jechuun:
โDurboon lafaa gara Samiitti ol baate; samii irrattis Ilma ishee wajjin, mirga Abbaa fi Afuura Qulqulluu teesseโ jedhee ishii faarfate.
Hiikni Sooma Filsataa maali?
Nutis Sooma duuka buutonni dursanii sooman kana fakkeenya taasifannee Hagayya 1 irraa eegalee Hagayya 16tti soomna.
Dhiphuu fi rakkina gola keenyaa, yaaddoo fi gadda keenya mara Haadha keenya Dubroo Maariyaamitti himanna. Soomaafi kadhannaadhaanis gara Waaqayyo keenyaatti booโanna.
Akkuma Gooftaan keenya dhiphuu duuka buutota Isaatiif deebii kenne, nutis amantii fi kadhannaadhaan yoo gara Isaa deebine, rakkina keenya mara nuuf fura.
Kanaaf, Sooma Filsataa soomuun qofa osoo hin taane, qalbii jijjiirrannaa, kadhannaa, araara, jaalalaafi hojii gaarii waliin soomuu qabna.
โKan Amajjii duute, Hagayya awwaalamte.โ
Araarri Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya wajjin haa taโu!
Ameen!
โ๏ธ Dn. Masgabuu Kefiyaalehu