WDB Yaa'ii Barattoota Dhaabbata Barnoota Olaanoo

WDB Yaa'ii Barattoota Dhaabbata Barnoota Olaanoo Fuulli kun kan kutaa hordoffii miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa dhaabbata barnoota olaanoo koolleejj

Waldaan Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa lixaa Damee Kakuu Araaraa barattoota DHBO koorsii barsiisaa tureef sagantaa geggee...
19/07/2026

Waldaan Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa lixaa Damee Kakuu Araaraa barattoota DHBO koorsii barsiisaa tureef sagantaa geggeessaa taasiseef.

Barattoota DHBO Wdb wiirtuu Sabbataa kolleejjii garaa garaa irra eebbifaman.
16/07/2026

Barattoota DHBO Wdb wiirtuu Sabbataa kolleejjii garaa garaa irra eebbifaman.

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Sabbataa jalatti barachaa kan Turan barattoonni Dhaabbata Barnoota olaanoof miseensonni wa...
12/07/2026

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Sabbataa jalatti barachaa kan Turan barattoonni Dhaabbata Barnoota olaanoof miseensonni waldichaa koorsii barachaa turan guyyaa harraa mana Waaqayyoo keessatti eebbifamaniiru.

Baga Waaqayyo guyyaa gammachuu kanaan isin ga'e. Kan ittiin firii soddoma jaatamaaf dhibba buufattan isiniif haa ta'u.

  si eebbise" Far_118:26 . .!!!Sagantaa Eebbifamtootaa,Barattootaa Qoormaata biyyoolessaa bara kana Fuudhatanii fi Barat...
28/06/2026

si eebbise" Far_118:26
.
.!!!
Sagantaa Eebbifamtootaa,Barattootaa Qoormaata biyyoolessaa bara kana Fuudhatanii fi Barattoota boqonnaaf gara maatiitti galaniif qindeessummaa WDB Wiirtuu Aanaa Walmaraa (Hoolataa)ttin qophaa'e Mana Kiristaanaa Tulluu Edoom qulqulluu Gaabri'eeli Hoolataatti bifa bareedaadhaan Gaggefameera.

Milkaa’ina Addaa: Barataa Shimallis Lammii Nugusee Badhaafamaa Qabxii Olaanaafi Goota Tajaajila Hafuuraa Yuunivarsiitii ...
27/06/2026

Milkaa’ina Addaa: Barataa Shimallis Lammii Nugusee Badhaafamaa Qabxii Olaanaafi Goota Tajaajila Hafuuraa Yuunivarsiitii Odaa Bultum
​Miseensonni Waldaa Duuka Bu’ootaa (WDB) barattoota dhaabbata olaanaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum waggaa waggaadhaan barattoota qaxaleefi dandeettii addaa qaban oomishanii gumaachuun seenaa boonsaa itti fufsiisanii jiru.

Haaluma kanaan, barataan keenya Shimallis Lammii Nugusee, Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti muummee saayinsii Seeraa barachaa kan ture yoo ta’u, gama barnootaatiin jabaatee qo'achuun qabxii seeraa olaanaa fi adda ta'e fiduudhaan badhaafamaa ta'ee jira.

Shimallis gama barnoota qofaaniin osoo hin taane, karaa jireenya hafuuraatiinis si'aayinaafi onnee guutuudhaan Mana Kiristiyaanaa keessatti Walitti Qabaa WDB barattoota dhaabbata olaanaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum ta'uun tajaajileera; akkasumas, akka Wiirtuu Harargee Lixaatti fi barattoota dhaabbata olaanaa gidduutti hojii hafuuraa hammana hin jedhamneefi baay'ee fakkeenya ta'e hojjachuun kan beekamudha.

Barnoota addunyaafi jireenya hafuuraa wal bira qabee madaallii isaa eegee milkaa'uun akka danda'amu kan agarsiise goota keenya kanaan "Baga Gammaddan" jechaa, tajaajilaafi jireenya hojii isa gara fuulduraaf eebbaafi milkaa'ina guutuu hawwina!

WDB wiirtuu Harargee Lixaa Ciroo irraa

Barsiisaa keenya Dn Misgaanuu Yaadasaa, akkasuma baratoonni har'a yuunivarsiitii gara garaa irraa eebbifamtan baga gamma...
27/06/2026

Barsiisaa keenya Dn Misgaanuu Yaadasaa, akkasuma baratoonni har'a yuunivarsiitii gara garaa irraa eebbifamtan baga gammaddan.Eebba milkii isiniif hawwina.

Ayyaana yaadannoo Qulqulluu Mikaa'el isa Waxabajjii
18/06/2026

Ayyaana yaadannoo Qulqulluu Mikaa'el isa Waxabajjii

“Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” (Dan 12:1)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

Baga Mikaa'ela Waxabajjiin isin gahe.

Hiikaan jecha Mikaa’eeli jedhu, “kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuudha. Ergamaa qulqulluu Mikaa’eel, ergamoota jiran hundumaaf hangafa ta’ee kan muudameedha. Ergamaan kun kan Luba Iyyaasuu gargaare (Iyyaasu 5:13), kan Isra’eloota yemmuu Misraadhaa gara Kana’aanitti imalan masakaa/gaggeessaa ture dha. Ergamaan kunis, naannoo warra Amooriyaanotaa kuma saddeettama ajjeesuun, Hizqiyaasin kan gargaaredha (Isa 37:36). Raajaan Daani’eelis, waa’ee ergamaa kanaa dubbateera akkas jedhee; “Kunoo warreen hangafoota jajjaboo keessaa tokko, Mikaa’eeliin na gargaaruuf dhufe (Dan. 10:13). Akkasumas, “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” jedhamee barraa’eera (Dan 12:1). Ergaa Yihuudaa irrattis (Yihudaa lakk.9), hangafti ergamootaa Mikaa’eel garuu, yemmuu Diyaabiloos waliin wal mormu; waa’ee foon Musee yemmuu dubbatu “Gooftaan si haa ifatu” jedhe malee; jecha arrabsoo dubbachuuf hin feene jedhee, waa’ee obsa qabeessummaa ergamaa kanaa dhugaa baheera.

“Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7)

Waxabajjii 12: Guyyaa kana qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha. Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulullu Mika’eliin ni kennu ture. Abban warra Afoomyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.

Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhateetti. Yeroo kana Sexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seena waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiru sanatti waamte, yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif. Ammas, wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargaaru hin jiru, horii kee of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.

“Ammas, koottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf, koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajjeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristanaa miti” jetteen. Isheenis, “Koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase, “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi “jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti, Qulqulluu Mikaa’eel fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee, halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheenii, gara manaa isheetti ol seene. Waaqayyos, baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis, “Ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eel dha, yeroo darbe Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa waan deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.

“Ammas, naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabne ree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree, seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’eel dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga adunyaan kun darbutti na hin balleessin”, jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate.

Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii, fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.

Guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijjiiree gara jireenyaatti kan deebisefidha (Seenaa isaa guutuu kitaaba "YAADANNOO QULQULLOOTAAI" irraa dubbisaa

Galatni Waaqayyoof haa ta’u; sugni ergamaa qulqulluu Mikaa’elis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

03/06/2026

“Waa’ee keetiif yeroo hundumaa nu ajjeesu; akka hoolota qalamaniis taanee jirra.”
(Roomee 8:36)

Ibsa gaddaa Waldaa Dukaa Bu’ootaa irraa kenname.

Ajjeechaa suukanneessaa Kiristaanota Godina Arsii Bahaa aanaalee garaa garaa keessatti irra deddeebiin Kiristaanota Ortodoksii irratti raawwatamaa jiruun gadda ulfaataa nutti dhagaahame ibsachaa, mirgi lubbuun jiraachuu kiristaanota Ortodoksii akka kabajamu ni gaafanna.

Iyyiifi boo’ichi Kiristaanota Godina Arsii Bahaa irraa deddeebiin dhaagahamu birmannaa dhabuu isaa irraan kan ka’e ajjeechaa suukanneessaan qaamolee hidhataniin Kiristaanota irratti raawwatamu itti fufee jira.

Gabaasni Miidiyaa biyya lallaba Arsii Bahaa irraa arganne akka mul’isutti Caamsaa 23/2018 BA irraa eegalee biyya lallabaa Arsii Bahaa aanaa Asakoo, aanaa Shirkaafi aanaa Honqooloo Waabee jedhamanitti ajjechaa suukanneessaan qaamolee hidhataniin Kiristaanota Ortodoksii 13 irratti raawwatamee jira.

Qaamoleen hidhatan kun lubbuu Kiristaanota kanaa baasuu qofa osoo hin taane Mana Kiristaanaa qulqulluu Gabri’eelii Xalataa Caffaa umrii waggaa 101 lakkoofsise barbadeessanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Mana Kiristaanaa Fayyisaa Addunyaa karra Kufteenaa irrattis saamichi kan raawwatame yommuu ta’u qabeenyi Mana Kiristaanichaas barbadeessanii jiru. Kiristaanota naannoo sanaas godaansaaf saaxilanii jiru.

Kiristaanota Ortodoksii Godina Arsii Bahaa aanolee garaa garaatti sababa amataasaaniif duuti isaan irratti labsamee yeroo garaa garaatti xoofoo du’aa dhandhamaa jiran kana caasaan bulchiinsa Mana Kiristaanaa keenyaa Sinoodosii irraa hanga kutaa biyya lallabichaatti jiru xiyyeeffannoo addaa itti kennuun caasaa qaamolee mootummaa nageenya lammilee akka eeganiif biyyattiin imaanaa itti laatte waliin mari’achuun Kiristaanota Godina Arsii Bahaa gaaddidduu du’aa jala jiran kanneen akka baraaran ni gaafanna.

Miseensonni Waldaa Duukaa Bu'ootaa akkasumas hawaasni Kiristaanaa biyya keessaafi biyya alaa obboloota keenya sababa Amantaa isaaniif wareegamaa jiraniif sagalee ta'uun isaan waliin akka dhaabbannus waamicha obbolummaa isiniif ni dhiyeessina.

Waaqayyo lubbuu Obboloota keenyaa sababa Amantaa Ortodoksii hordofaniif qofa wareegamummaan nu biraa darban kanneenii Mootummaa Isaa bara baraatti nuuf haa simatu; maatii isaanii gadda ulfaataarra jiran kanaas Afuura Isaan nuuf haa jajjabeessu.

Waldaa Duukaa Bu’ootaa
Caamsaa 24/2018, Finfinnee

WDB Yaa'ii Barattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Yuunivasiitii Ambootti Kaampaasii Maammoo Mazammir Gudar!
01/06/2026

WDB Yaa'ii Barattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Yuunivasiitii Ambootti Kaampaasii Maammoo Mazammir Gudar!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WDB Yaa'ii Barattoota Dhaabbata Barnoota Olaanoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share