05/07/2026
Waaqeffannaa Guyyaa Dilbata
1Qor. 3:10-14
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennameetti, akka nama mana ijaaruu beekuuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu.
Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos.
Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara.
Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti in baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta'e, ibiddi qoree in mul'isa.
Hojiin namicha isa irratti ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii isaa in fudhata.