18/08/2026
𝑻𝒖𝒍𝒍𝒖𝒖 𝑻𝒂𝒂𝒃𝒐𝒓
📌“Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi tulluun Hermoon maqaa keetti in ililchu.” — Far. 89:12
✍️Ayyaanni Dabra Taabor kun Ayyaanota Gooftaa Gurguddaa keessaa isa tokkoodha.
✍️Ayyaanni kun amantoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti 'Buhe' bakka tokko tokkotti immoo 'Ukee' jedhamuun beekama. Tulluun taabor maqaan gaara yoo ta'u tulluun galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeelawwan kitaaba kakuu haaraa irratti kan ibsame tulluu dheeraa jedhamu👉 “Guyyaa ja'a booddee, iyyessus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.” — Mat. 17:1; irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan yaa'ii duuka bu'oota irrattidha. Haa ta'u garuu kakuu moofaa keessatti waa'ee Tulluu taabor mul'inaa dubbatame jira (Mac. Abboota Firdii 4:6-14). Qulqulluun Daawiitiis waa'ee tulluu kanaaf dursee raajii akkas jedhu dubbateera. 👉“Tulluun Taaborii fi tulluun Harmooniyaa maqaa keetti in ililchu. Irreen kee humna kee waliini dha, harkii kees ni jabaatte mirgi kees ol ol jette”( Faar. 88/89:12-13) jechuu raajiin dubbatameeraaf.
✍️Gooftaan keenya Qisaariyaati “Namootni dhala namaan eenyuu jedhanii waamuu?” jedhee erga gaafate guyyaa jaha booda bartoota kaaniin tulluu jalatti dhiisee bartoota sadii: Pheexiroos, Yaaqoobiif Yohaannisiin qabatee gara tulluuttu ol-bahee. Tulluu irras yeroo turanitiis fakkiin gooftaa keenyaa akka aduu ifee, huccuun isaas akka cabbii adii ta’e. Yeroo kanas ifa waqummaa isaafi aangoo gooftummaa isaa ibseeraf(Luqaas 9:29)
✍️Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti kan fudhatame ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane isaan hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse jira. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa, kabaja Isaa,
✍️Walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee waamee jira( 2phex 1:17-18).
✍️Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Keessattu bara qormaanni baay'ate kanatti, bara bahanii galuun ulfatee kana caalaatti bakka sana turun gaariidha.
✍️Taateewwan Guyyaa Ayyaanichaa taasifaman keessa :-
⏩ ijoolleen qaccee tolfachuun karaatti bahanii ni iyyisiisuu , Kunis Sagalee Waaqumma guyya sanaa mul'ate fi balaqqeessa guyyicha raawwatamee yaadachiisuuf akka ta'e abboonni mana kiristaanaa keenya ni barsiisuu.
⏩ Gaafa guyyaa buhee halkan isaa ibsaan ni ibsama, kuniis ifa Waaqumma tulluu taaboor irratti muldhateef fakkeenya dha.
⏩Kana malee naannoo tokko tokkotti immoo daabboo Mulmulii qopheessu ayyaanicha ni yaadatu , Kunis gaara taboor irraattii gooftaan yeroo mul’atu Ifa tulluu iratti mulate irraa kan ka’e Tiksoonni dirree keessa tiksaa jiran akka galgalaa’e hin barre ture. Yericha hadhooliin Ijoollota isaanii fi Tiksitoota isaaniif daabboo Mulmulii fudhatanii deemuu isaanii yaadachuuf tolchiinee ayyaana kana irratti dhiyeeffama.
✍️Egaa Ayyaanni kun Waaqummaan isaa Abbaa wajjin kan wal qixxaatu, ijoollee Addaam fayyisuudhaaf samii teessoo kabaja isaa irraa bu'ee dubaroo maariyaam irraa dhalatee foon yoo uffatellee inni gooftaa gooftotaa kan addunyaan guutuun aangoo isaatiin uumame ta'uu isaa kan itti agarsiisedha. Namoonni aangoo waaqummaa isaa shakkuudhaan, kuun isaanii inni eeliyaas, kuun immoo inni museedha jechuudhaan dubbii ganumsaa kan dhaloota gufachiisee hiree isaanii miidhu afarsaa waan turaniif (👉“Isaan yommus deebisanii, "Kaan 'Inni Yohannis cuuphaa dha' jedhu, kaan inni Eliyaas', kaanis inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko jedhu" jedhan.”
— Mat. 16:14)
✅Gooftaan keenya garuu:- Waaqa Musee, waaqa Eeliyaas, waaqa Abrahaam... Addunyaa guutuu uumee kan hoogganu, biyya lafaa kana hunda dabarsee ofii isaatiif bara baraan kan jiraatu ta'uu isaa guyyaa haala dinqisiisaa ta'een itti addunyaadhaaf ifa baasedha.
🙏Waaqa guyyaa kanaan nun gaheef galatni haa ta'uu Ameen🙏❤
🙏🙏🙏Baga Geessan!👏
🙏Ayyaana Gaarii! ❤🙏