13/08/2026
WAAMICHA SAGANTAA WAAQEFFANNAA FARFANNAA WWWMYBB
Kabajamtoota miseensota, jaallatamtoota, deeggartoota fi hirmaattota Waaqeffannaa hundumaaf
Ayyaanni Waaqayyoo isiniif haa baay’aatu jechaa gaafa guyyaa 10/12/2018 Waaree Booddee Sa’aatii 8:00 irraa eegalee Sagantaa Waaqeffannaa garee worship WWWMYBB qophaa’eera. Kanaaf, namoonni hundi keessan saganticha irratti maatii fi hiriyoota keessan waliin akka dhuftan kabajaan isin waamna.
Sagantaan kun carraa addaa itti Waaqa keenya galateeffannu, kadhannaa fi sirna Waaqeffannaa keenya gaggeessinu, aadaa fi duudhaa keenya dhaloota irraa dhalootatti dabarsinu, akkasumas miseensota fi jaallattoota keenya waliin wal arginee hariiroo keenya itti cimsinuudha.
Maaliif saganticha irratti argamuu qabna?
Aadaa fi duudhaa Waaqeffannaa keenya beekuufi kabajuuf.
Sirna Waaqeffannaa keessatti hirmaachuufi Waaqa galateeffachuuf.
Dhaloota keenyaaf eenyummaa fi aadaa keenya dabarsuuf.
Obbolummaa, tokkummaa fi walitti dhufeenya keenya cimsuuf.
Namoota haaraa waliin wal baruu fi hariiroo gaarii uumuuuf.
Muuxannoo, beekumsa fi yaada walii qoodachuuf.
Sagantaa keenya keessatti qooda fudhachuufi deeggarsa keenya agarsiisuuf.