16/08/2026
SAGANTAA DILBATAA (SUNDAY PROGRAM SERVICE)
βοΈ KABAJA AYYYAANA DAA'IMMANII(MUCOOLII) KAN BARA 2018.
πEgaan guyyaa har'aa akka waldaa keenyaatti kabaja ayyaana daa'immanii kabajaa turreerra.
βοΈWaaqayyoo kallattii garaa garaan nu tajaajilaa tureera.
βοΈ Keessattu kara Daa'imman(Mucoolii) keenyaa Waaqayyoo nuu faarfatamaa,waaqeffamaa,kadhatamaa fi nu barsiisaa... tureera.
π Guyyaa kana sababeeffachuun sagalee Waaqayyoo kara garaa garaa soorrachaa turre, muraasa yoo isiniif qoodne...
βοΈ KUNUUNSA MAATII.
πEgaan "maatiin" dhaabbata guddaa Waaqayyoo biyya lafaa kana irratti hundeesse dha.
βοΈ Dhaabbata kanas dhiiraa(Addaam) fi dhalaa(Hewwaan) gidduutti hundeesse.
βπ UMA 2:21-24
π Kanaaf hundeessaan dhaabbata kanaa Waaqayyoo dha.
βοΈ Dhaabbanni kun immoo kan yeroof hundaa'ee diigamu utuu hin ta'iin walittii fufiinsa kan qabuu dha.
π Maarree dhaabbanni kun akka itti fufuuf hundeessaan dhaabbata kanaa Waaqayyoo dhaabbata kana ni eebbise.
βοΈ Dhaabbanni kun itti haa fufuuf kallattii garaa garaan eebbiseera.
π Eebba kana keessaa inni hangafnii fi ol-aanaan Dhalaan ykn Ijoollee dhaan dhaabbata maatii jedhamu kana eebbise.
βπ FAR 127:3, UMA 4:1-2, UMA 1:28
βοΈ Egaan macci hamma kana baay'atu har'a addunyaa kana keessa jiran hundi maddi isaa eebba Waaqayyo dhaabbata kana eebbise irraa dhufee dha.
βπ UMA 1:28
βοΈ Kanaaf hundaa ol Addunyaa kana kunuunsuu gaafa yaadnu bakka nuti irratti xiyyeeffachuuf dursa kennuuf qabnu dhaabbata "Maatii" jedhamu kana ta'uu qaba jechuu dha.
βοΈ Egaan Waaqayyoo dhaabbanni kun akka kunuunfamuu fi akka itti fuufiinsa qabaatuuf itti gaafatamummaa guddaa waliin kan inni itti kenne keessaa muraasa yoo ilaalle:-
1,Maatii(Abbaa fi haadha)
π Egaan hundaa ol maatiin ga'ee guddaa qabu.
βοΈ Keessattuu dhaabbanni maatii jedhamu kun
" Daa'imman" Waaqayyoo kennaa godhee nuuf kenne kunuunsuun isa ol-aanaa dha.
βπ QOL 3:18-21
βοΈ Keessattu kan nuti dagachuu hin qabne Daa'imman keenyaaf uffata,nyaata fi foon isaaniif waan barbaachisu guutuun dirqama maatii irraa eegamu akkuma ta'e.
π Fakkeenyummaa gaarii Ijoollee Waaqayyoo kennaa godhee nuuf kennetti agarsiisuun ga'ee keenya ba'uu qabna. Sababni isaa waan nuti itti himnu caalaa waan nuti goonu hordofu waan ta'eef.
π Akkasuma Daa'imman kun waa'ee isa uumaa isaanii ta'e Waaqayyoon akka hubatan, beekan gochuun barsiisuun kadhachuuniif gorsuun hubannaa sagalee Waaqayyo akka qabaatan itti gaafatamummaa guddaa Waaqayyoo maatiitti kenne dha.
βπ FKN 22:6
2, Waldaa Kristiyaanaa.
π Egaan hundaa ol Waldaan Kristiyaanaa dhaabata maatii jedhamu kana dubbii sagalee Waaqayyoon sooruun,barsiisuun, qajeelchuun,kadhachuufiin.... kunuunsuu fi itti fuufsiisuuf ga'ee guddaa fi itti gaafatamummaa guddaa Waaqayyoo itti kennee dha.
βπ 2Xim. 2:2
3, Hawwasaa fi Biyya.
π Hawwasaa fi Biyyi isaan keessa jiraatanis ga'ee guddaa qabu jechuu dha.
βπ 1Sam 2:26, Luq 2:40
βοΈ Kanaaf walumaa galatti Dhaabbata kanaaf kununsaa fi itti fuufiinsa akka qabaatu gochuun, egereen maatii,Waldaa Kristiyaanaa fi addunyaa kanaa itti fufee akka jiraatuuf dirqamaa fi itti gaafatamummaa guddaa nu jira.
πππ