20/03/2026
الحمد لله الصلاة والسلام على رسول الله
وبعد:
Kabajamtoota Hawaasa Muslimaa Magaalaa naqamtee irra deebi'uun baga Ayyaana waggaa kan bara 2018/1447tiin Rabbi isin gahe jechaa guyyaa hardhaa namuusaa fi tasgabbii olaanaa duudhaa amantii islaamaa argisiisuun sirna Ibaadaa keenyaa daran waan miidhagsitaniif Guddaa,Xiqqaa,Dhiira,Dubartii,Dargaggoo fi shamarran hundi keessanuu galatoomaa,rabbi Anaaf hojjettan isiniin haa jedhu.
Akkasumas Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Masarat Haayluu fi itti Gaafatamaa Paatii Badhaadhinaa Gargaaraa porofeeseraa Obbo Malaakuu Geetahuun Guddaa Guddaa galatoomaa .
Haaluma kanaan Itti Gaafatamaa Bulchiisaa fi Nageenya Magaalaa Naqamtee Obbo Abiyoot Kiisii fi waa'illan isaanii hanga uummanni keenya nagaan bahee salaatee galattu eegumsaaf deggerasa garaagaraa taasisaa oolan galatoomaa jechaa warra Uwwisa Miidiyaa tiin numiidhagsan galatoomaa, qamoonni garaagaraa Ayyaana keenya nuwaliin dirree baatanii numiidhagsitan galatoomaa.
Keessummaa gareen Dargaggootaa Faaris Muusaa fi Muzammil Qaasim iin gurmooftanii sagantaa salaata iidaa keenyaa nuuf qindeessitan baayyee baayyee galatoomaa.
Miindaan keessan jaalala Rabbii fi Jannata Ol Aana akka ta'u Rabbirra isiniif kajeella, Jechaa qur-aana jecha rabbii irraa Aayata tokko qofa isiniifis ta'ee ofii kootiifis dhaamsa gochuun ergaa koo xumura.
وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا ۖ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا وَبِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَالْجَارِ ذِي الْقُرْبَىٰ وَالْجَارِ الْجُنُبِ وَالصَّاحِبِ بِالْجَنبِ وَابْنِ السَّبِيلِ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ مُخْتَالًا فَخُورًا﴾
[ النساء:
Kabajamtoota Ilma namaa hundi keessan.
1,Rabbi tokicha gabbaraa isa bira homaa hin qabinaa(hin qindeessinaa)
2,Haadhaa fi Abbaa keessan itti tola oolaa.
3,Fira keessanitti tola oolaa.
4,Ijoollee Abbaa hin qabne kunuunsaa.
5,Harka qalleeyyii warra qabeenya hin qabne garaagaraa.
6,Ollaa isa fira keessan ta'etti tola Oolaa.
7,Ollaa isa fira keessan hin ta'inittis tola oolaa.
8,Haadha warraa keessan(hiriyyaa keessan)nitti tola Oolaa.
9,Nama karaa(Emala keessa jiru,keessummaa karaa darbutti)tola Oolaa.
10,Warra hooggansa keessan jala jiraatan tola itti Oolaa,
Ijoollee ,Dubartoota,namoota mana keessan jiraatanii fi Beelladoota illee haqa isaanii eeggadhaa..
Rabbiin warra boonuu ykn kooruu fi Oftuulu hin jaallatuu ,boonaa fi oftuuluu irraa faagaadha.
Nagaa tahaa.
nagaa yaadaa.
nagaa hojjedhaa.
Tokkummaa keeessan cimsadhaa,wal hubadhaa,qindoomaa,dhiifama waliif godhaa,wal gargaaraa,wal jaalladhaa.
Bara kana wanti kayrii isin yaa yaaddan hundi isiniif haa milkaa'u.
Waan sharrii hunda Rabbi najaa isin haa baasu.
والسلام عليكم ورحمة الله وبركاته.