Ecclesia Mana Kiristaanaa

Ecclesia Mana Kiristaanaa 1.manneen amantaa baadiyyaa jajjabeessuu.
2.afaan ummanni beekuu sagalee waaqayyoo barsiisu.
3.Amantii O/tawaahidoo dogmaa fi qannoonaa ishe eegsisu,eegu

Hayyuu Afaanii Luba Badhaasaa Tolaa aangoon dabalamuufii baay'ee namatti tola. Garuu erga ol guddatanii, akkuma durattii...
24/08/2026

Hayyuu Afaanii Luba Badhaasaa Tolaa aangoon dabalamuufii baay'ee namatti tola. Garuu erga ol guddatanii, akkuma durattii tajaajilicha lafa qabsiisuudhaaf dhama'aa jiru? warreen akkasaanii duratti hacuucama juraniifoo Sagalee ta'aa jiruu? Abboota Isaan waliin turanii dararaa guddaa keessa jiraniif maal utubani? Moo....??? Wakabaa Soshalmidiyaa fi garee of ijare qofaa, Warreen akka...hunda dubbachuun gaari miti.
Baay'ee dadhabaniiru Dadhabbii isaanii garuu....

Teessoo gaari!

👍Aangoo fi Beekkamtiin Keenya Amantii Keenya gadi.Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo. Dhugaa tokko walitti himna. _Har'...
23/08/2026

👍Aangoo fi Beekkamtiin Keenya Amantii Keenya gadi.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo.
Dhugaa tokko walitti himna.
_Har'a miti Mana Kiristanaa dhaquu kan Eegalani.
_Kalleessas dheengaddas Galmee Kadhannaa isaanii qabatanii Kakuu Araara Ambootii Yeroo mara tajaajilamu.
_Fayyisaa Addunyaa Faarisii Ambootti Halkan guutuu dhaabbatanii Tajaajilaa bulu.
_Maatii isaanii Daa'ima qorrobsiisaa, Jireenya Kiristanaa tokkoo jiraachuudhaan Sirritti isaan beekna.

Nuti dhimma Siyaasaa dubbachuuf miti
Ergama isaas hin qabnu.
Garuu dhimma gidduu Kana ob. Jawaar Mohaammad akka waan ob. Hacaaluu Gammachuu reefuu Mana Kiristanaa deemeetti waan barreesseef dhugaa jiru Uummanni akka hubatuufi.

Nagaan biyya keenyaaf!

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO AMEEN!“Biftisaas Fuula Isaanii Duratti Ni Jijjiirame. Fuulli Isaa...
19/08/2026

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO AMEEN!

“Biftisaas Fuula Isaanii Duratti Ni Jijjiirame. Fuulli Isaas Akka Biiftuu Ife. Uffanni Isaas Akka Ifaatti Addaate” Maat.17:2

TV Sagalee Dhugaa: Hagayya 13,2018 B.A.

TULLUU TAABOR (DABRA TAABOR)

Tulluu Taabor (Dabra Taabor) jechuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatewoos 17:1-13 irratti:- Yaa’iiqoob, Yohaannisiifi Pheexiroosiin fudhatee gara Tulluu Taaboritti erga isaan geessee booda, achitti Ifa Waaqummaasaa kan itti mul’ise, akkasumas Museefi Eeliyaasiin waamee Waaqa warra jiraatotaafi warra du’anii ta’uusaa kan itti mul’ise, ayyaanota gurguddoo Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos saglan keessaa tokkodha. Mana Kiristaanaa keenyattis sirnoota gara garaa raawwachuudhaan nikabajama.

Ayyaana Dabre Taabor irratti sirnoota amantiifi aadaa dhalootaa irraa dhalootatti darbu keessaa, kanneen akka:-Buheefi Qaccee Iyyisiisuu; Guca bobeessuufi Daabboon maal jechuu akka ta’eefi maal akka agarsiisan haa ilaallu.


Buhee jechuun ifa calaqqisaa jechuudha. Akka hiika maqaa isaarraa hubannutti, ayyaanni kun guyyaa Gooftaan keenya Ifa Waaqummaasaa itti mul’ise waan ta’eef, maqaan Buhee jedhu kan ifaafi calaqqisa jedhun hiikaama.

Dabalataanis, Buhee jechuun yeroo Bonaafi Gannaa gidduu ce’umsa ta’ee, dukkanni Gannaa darbee yeroo ifni Birraa itti dhufu, samiinis duumessaafi dukkanarraa gara ifaatti jijjiiramu waan ta’eef, Buhee yookaan Ifa jedhameera.


Seenaa Daabboo qopheessuu, guyyaa Gooftaan keenya Ifa Waaqummaasaa itti mul’ise, naannoo Tulluu Taaboritti tiksoonni Ifa Gooftaa keenyarraa ka’ee guyyaan waan hin dukkanoofne isaanitti fakkaatee, Gooftaan keenya naannoo sanaa hanga Tulluu Armooniyeemitti ifaan guutee waan tureef, looniifi hoolota isaanii tiksaa achuma turan.

Maatiin isaanii yeroon darbee dhi’uusaa yeroo arganii, Guca Ifu qabatanii ijoollee isaanii bira dhaqan; akkasumas daabboo isaan nyaatan qabatanii akka isaan bira dhaqan kan lallabudha. Kanaaf, nutis fakkeenyota kana yaadachaa ayyaana kana kabajna.

Akkasumas, ijoolleen akka Duuka Bu’ootaa ta’anii:- oduu gammachiisaa nutti himuuf, Wangeela nutti lallabuuf, balbala keenya irra dhufanii “Faaruu” ni faarfatu, daabboo isaan nyaatan ni kennamaaf. Kunis bu’uura Kitaaba Qulqulluu qaba. Gooftaan keenya bartootasaa, “Mana kamiyyuu yeroo galtan, waan isiniif dhiyaatu nyaadhaa” jedhee isaan barsiiseera (Maat.10:12).

Kanaaf, yeroo ijoolleen ayyaana Gooftaa labsuuf dhufan daabboo kennuun aadaa qofa osoo hintaane, hiika Afuuraafi bu’uura kitaaba qulqulluu qaba. Ijoolleen kunis fakkeenya bartoota Gooftaati. Faaruun isaan faarfatan immoo fakkeenya Wangeela oduu gammachiisaati. Akkuma Duuka Bu’oonni biyya seenan hundatti barsiisanii, cuuphan; ijoollee faarfatanii, galata galchu.

BOBEESSUU
Gucni: Ifa Waaqummaa Gooftaa keenyaa kan agarsiisudha. Gooftaan keenya Tulluu Taabor irratti Waaqummaasaa yeroo mul’isutti, ifni naannoo sana guutee ture. Kana yaadachuufis yeroo galgalaa’utti guca qabsiifnee, Waaqa keenya galateeffanna.


Ayyaana Tulluu Taabor irratti qaccee fo’anii sagaleesaa dhageessisuun:-
Tokkoffaa: Yeroo sagalee Qaccee sana dhageenyu, dhugaa ba’umsa Abbaa waa’ee Ilmasaa dubbatedha. Kana malees, yeroo Gooftaan keenya ulfinasaa mul’isetti sagalee akka bakakkaafi qaqqaweessi guddaa dhaga’ame sana nu yaadachiisa. Lammaffaa: Gooftaan keenya guyyaa Jimaataa reebicha, gidiraafi dhiphina isarra ga’e akka yaadannu nutaasisa.

Walumaagalatti
Ayyaanni Tulluu Taabor: barumsa icciitiifi hiika afuuraa akkasii qabu kun, dhalootarraa dhalootatti aadaafi amantaa keessatti daddarbaa dhufe har’a ga’eera. Nutis aadaafi amantaa kana osoo hindhiisin dhaloota itti aanuuf dabarsuun nurra jira.

Eebbi Ayyaana Tulluu Taabor hunda keenya waliin haata’u!
Galannii Waaqayyoof haata’u! Ameen!

17/08/2026

Kakuun Araara araarsummaa isheetiin nu haa yaadattu!

Hojii Gaggeessaa Mana Luubummaa Biyya Lallabaa Jimmaa.
09/08/2026

Hojii Gaggeessaa Mana Luubummaa Biyya Lallabaa Jimmaa.

Waaqayyoon Subaa'ee Qalbii ittiin jijjirrannu, Kan Dhiifama itti argannu nuuf haa taasisu. Ameen
07/08/2026

Waaqayyoon Subaa'ee Qalbii ittiin jijjirrannu, Kan Dhiifama itti argannu nuuf haa taasisu. Ameen

 Kutaa Lallabaa Shawaa Kaabaa  Gadaamii guddaa Debre Mitmaq Tsadqaanee Qulqulleetti  Maariyaamitti maaltu tahe?Kutaa Lal...
03/08/2026


Kutaa Lallabaa Shawaa Kaabaa Gadaamii guddaa Debre Mitmaq Tsadqaanee Qulqulleetti Maariyaamitti maaltu tahe?

Kutaa Lallaba Shawaa Kaabaa Gadaamii Qulqulleetti Maariyaamii qajeeltoota gaara Cuuphaa keessatti balaa tasaa sochii lafaa (raafama lafaa) fi lafti sigigaatuun uumameen lubbuun namoota 14 darbuu, namoota 5 irratti miidhaan cimaa ga’uu isaa kutaan Lallabicha beeksise
Kutaa Lallabaa Shawaa Kaabaa Gadaamii guddaa Debre Mitmaq Tsadqaanee Qulqulleetti Maariyaamii(Gadaamii Qulqulleetti Maariyaamii qajeeltoota gaara Cuuphaa ) keessatti, yeroo gannaa seenuu waliin walqabatee rooba cimaa fi sagalee bakakkaa booda raafama lafaa fi lafti sigigaatuun balaa cimaa uumameera.

Namoonni ijoollee fi jaallattoota Tsadqaanee Maariyaamii ta’an, kadhannaa, suba’ee fi daawwannaa qulqullaa’aa (ziyaaraa) irratti hirmaachuuf kallattiiwwan afran irraa walitti qabaman irratti balaa tasaan kun ga’uu isaa fi gadda guddaa nama rifachiisu ta’uu ibsameera.

Balaa kanaan:

Lubbuun namoota 14 darbuu,

Namoota 5 irratti miidhaan cimaa,

Namoota 2 irratti immoo miidhaan salphaan ga’uu ibsamee

Fayyisaan Addunyaa Ji'aan nu haa gahu. Ameen.
03/08/2026

Fayyisaan Addunyaa Ji'aan nu haa gahu. Ameen.

Waanti hunduu waan gaariidhaafi jechuun Kunoo kanaafi.Waaqayyoon Karaa ittiin si gargaaru mataasaa qaba. Namni garuu hin...
25/07/2026

Waanti hunduu waan gaariidhaafi jechuun Kunoo kanaafi.Waaqayyoon Karaa ittiin si gargaaru mataasaa qaba. Namni garuu hin hubatu. Namni gocha fokkisaa harmee kanaarratti ta'e ilaalee hin gaddine, hin dhukkubfanne hin jiru. Waaqayyoon garuu Kunoo akkasiin ishii gonfuuf waan badaa sana, Wanbadootaan irratti raawwatame.
"Yeroo qaba wanti hunduu Yeroo qaba'.

Address

Oromia
Ambo
CHURCH

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ecclesia Mana Kiristaanaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share