Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council

  • Home
  • Ethiopia
  • Ambo
  • Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council

Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council This page is aimed at sharing up to date info about Islam and Muslims in accordance wiz Sunnah!

26/05/2026

BAGA AYYAANA IID AL-ADAHAA (ARAFAA) WAGGAA 1447FFAA NAGAAN ISIN GAHE!

Hordoftoota Amantaa Muslimaa Maraaf,
Ayyaanni kabajamaan kun kan nagayaa, gammachuu, araaraa, obbolummaa fi rahmataa nuuf haa ta’u. Rabbiin hojii gaggaarii keenya, qalbii qulqulluu fi ibaadaa keenya irraa nuuf haa qeebalu.

Guyyaan kun qalbii keessatti jaalala, wal kabajuu fi waliif birmachuu akka dagaagsu hawwina. Hundi keenya gammachuu fi milkii keessatti akka wal arginu Rabbiin nu haa godhu.

Rabbiin keenya irraa nuuf haa qeebalu, dilii keenya nuuf haa araaramu, jireenya keenya keessatti nagayaa fi milkaa’ina nuuf haa kennu.”

Majliisa Godina Shawaa Lixaa

EID MUBAARAK!

━━━━━━━━━━━━━━

06/01/2026
04/01/2026
Sagantaa Sirna Eebba Barattoota Markaza Hifzii Godina shawaa lixaa Aanaa Iluu Galaan Magaalaa ijaajjitti Markazni Umar i...
04/01/2026

Sagantaa Sirna Eebba Barattoota Markaza Hifzii Godina shawaa lixaa Aanaa Iluu Galaan Magaalaa ijaajjitti Markazni Umar ibnul Khaxxaab Haafizoota qur'aanaa Shamarran dabalatee bakka jilli I/A Pireezdaantii Majlisa Oromiyaatiin durfamutti Sheik Taajuddiin Kadiir jiranutti eebbisiisaa jira.

Mudde 26/2018

Godina shawaa lixaa Aanaa iluu galaan magaalaa ijaajjitti kan argaamu markazini Umar ibnul Khaxxaab barattoota qur'aana haffazan marsaa 10ffaaf 50 37 Ida'ama 87ebisiisee jira.

Sagantaa kana irratti I/A/pirezidaantii majlisa oromiyaa sheekh Taajuddiin khadir ergaa hawaasa muslimaatiif Xiyyeeffannoon Barnoota Irratti xiyyeeffannoo guddaa akka barbaaduu ergaa dabarsanii jiru.

Hoggansi Majlisa Oromiyaa I/G/ Damee Da'iwaafi gaahumsaa sheekh Sa'iid Muhammad, I/G/damee galiifi misoomaa Ustaaz Naasir Tamaam fi Pirezidaantii kaawunsilii Dargaggootaa Oromiyaa Ustaaz Shu'ayib Shamsuu akkasumas Daa'ii biyyoolleessaa beekkamaa biyyattii Abu Yaasir Sheikh Abdulmannaan Kabbadaa, Dura bu'aa majlisa Godina shawaa lixaa sheekh Ahmad Ayyalaa dabalatee bakka keessummoonnii fi Hawaasni Muslimaa baay'een jirutti eebbisiisaa jira.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°•••••°°°°°°°°°°°°

Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis

Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council

Jilli hoggantoota Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Lixaa Sheekh Abdulaziz Abdulqaadiriin (B/B Dura taa'aa)...
25/12/2025

Jilli hoggantoota Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Lixaa Sheekh Abdulaziz Abdulqaadiriin (B/B Dura taa'aa) durfamu Hoggantoota Majlisa Aanaa Daannoo fi Hawaasa Islaamaa bal'aa waliin Marii hubannoo murteessaa ta'e gaggeesse.

‎Muddee 16/2018/Rajaba 5/1447

‎Jilli Hoggantoota Majilisa Godina Shawaa Lixaa, Affeerraa Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Daannoo Obbo Sisay Mulugeetaa Komii achi ture hiikuuf kutannoo qabanirraa ka'uun godhaniin, bakka hoggantoonni Aanichaa argamanitti hubannoo Kenneera.

‎Itti Aanaa Dura taa'a Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Lixaa kan ta'an Sheekh Naasir Huseen, hawaasni Islaamaa bakka hundatti, wal hubannaa fi wal dhageettiin inni qabu, galma gahumsa isaa boruuf bu'uura ta'uu kaasanii ammas duudhaan Kun jabaatee itti fufuu akka qabu dhaamanii, Hanqinoolee walirraa lakkaa'uu hambisuun dhadhaabbata waliif ta'uu akka qabu dhaamaniiru.

Barreessaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Ismaa'il Usman dhimma hawaasni kaaseen wal qabatee, wal qixxummaan mirkanaa'uu akka qabu, Majliisni qaama kamiifuu aantee ykn diina kan hin taane ta'uu, caasaa dhimma Islaamaa kamirrattillee aangoo bulchiinsaa kan qabu ta'uu himanii Jaarmiyaa cimaa barbaadamu kana ijaaruu keessatti hunduu gaheesaaa akka bahatu, dammaqinaan akka hirmaatu dhaamsa hawaasaa dhaamaniiru. Komiin hawaasaan ka'aa tures, kana hanqinoota akka jaarmiyaatti qabnurraa kan madde, kana ammoo rakkoo hubannoo fi rakkoo Namoonni dhuunfaa uuman ta'uu hubatamee kana furuuf furmaanni wal sakaaluu caala wal tumsuun fala akka ta'e Jala muranii dhaamaniiru. Kana dura Hanqinoolee qabnu lakkoofnee hamilee cabuu osoo hin taane, haalaa fi yeroo eeggannee bakka wal bu'aa Jaarmiyaa cimaa barbaadamu ijaarree dhaloota dhufuuf dabarsuun qabna jedhaniiru.
Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Majliisa Godina Shawaa Lixaa/West Shoa Zone Islamic affairs Council:

Shortcuts

Share