19/08/2026
Hojiin waaqayyoo dinqiidha.
Oolmaa Tajaajila waldaa EPG Buraayyuu Maaraamii roobii guyyaa guutuu Gooftaan yeroo dinqii nuuf kenne.
Galanni dachaan waaqayyoof haa ta'uu.
========//=/========
Mata duree:_ yeroo waaqayyoo.
Gaafa yeroo waaqayyoo Isa gogetu lata, isa gu'etu mirgisa, isa cufametu banama, isa dukkanaa'eetu ifa. Isa badetu deebi'ee gala.
Yeroon waaqayyoo siif haa ga'uu.
___________________________
Yoh. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Kana booddee garuu Yesus, "Mee kottaa ammas biyya Yihudaa in dhaqnaa!" jedhee bartoota isaatti in dubbate.
⁸ Bartoonni isaa immoo, "Barsiisa! Dhi'oo kana Yihudoonni dhagaadhaan si dha'uu barbaadan; ati immoo ammas achi dhaquu yaaddaa?" jedhaniin.
⁹ Yesus garuu deebisee, "Ifni guyyaa tokkoo sa'aatii kudha lama qaba mitii ree? Namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu.
¹⁰ Namni halkaniin adeemu garuu, ifa of keessaa waan hin qabneef in gufata" jedhe.
¹¹ Yesus kana erga dubbatee booddee, "Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa" isaaniin jedhe.
¹² Kana irratti bartoonni isaa, "Yaa gooftaa yoo rafeera ta'eo in fayya" jedhaniin.
¹³ Yesus akka Alaazaar du'e isaanitti dubbate, isaan garuu waa' ee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fakkaate.
¹⁴ Kanaaf Yesus mul'inumatti, "Alaazaar du'eera;
¹⁵ isin amanuu akka dandeessaniif, baga ani achi hin jiraatin; amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa!" isaaniin jedhe.
¹⁶ Toomaas inni "Diidimos" jedhame immoo, "Egaa kottaa in dhaqna, nuyis barsiisaa wajjin in duunaa!" jedhee bartoota warra kaanitti dubbate.
Waldaa EPG buraayyuu maraami sheer godhaa.