16/07/2026
Light Of Christ Ambo Church Page
(Seera Uumamaa 37 )
------------
3 Yaaqoob inni "Israa'el" jedhame ilma dulluma isaa jala argate waan ta'eef, Yoseefin ilmaan isaa hundumaa caalaatti in jaallate; qoloo dheeraa harka qabu in hojjechiiseef.
4 Obboloonni isaa garuu akka abbaan isaanii obboloota isaa hundumaa caalaatti isa jaallate yommuu argan isa in jibban; nagaas isatti dubbachuu hin dandeenye.
5 Yoseef abjuu abju'atee, obboloota isaatti yommuu hime, ittuma caalchisanii isa in jibban.
6 Inni, "Abjuu ani abju'adhe kana dhaggeeffadhaa!
7 Kunoo, nuyi maasii gidduudhaa bissii in hiina turre; kunoo, bissiin koo ka'ee ol qajeelee dhaabate; bissiin keessan immoo isatti naanna'anii bissii kootiif in gugguufu turan" jedheen.
8 Obboloonni isaas deebisanii, "Ati dhuguma mootii nu irratti taataa? Yookiis dhuguma aboo nu irratti qabaattaa?" jedhaniin; akkasitti waa'ee abjuu isaatiif, waa'ee dubbii isaatiifis ittuma caalchisanii isa in jibban.
9 Ammas abjuu tokko abju'atee obboloota isaatti himee, "Kunoo, ani abjuu kan biraa tokkos abju'adhe, biiftuun, ji'i, urjoonni kudha tokkos anaaf utuu gugguufanii argeera" jedhe.
10 Yeroo inni abbaa isaa fi obboloota isaatti himetti garuu, abbaan isaa isa ifatee, "Abjuun ati abju'atte kun maali? Dhuguma anii fi haati kee obboloonni kees dhufnee hamma lafa geenyutti siif gugguufuuf jirra moo?" jedhe.
11 Kana irratti obboloonni isaa isatti in hinaafan; abbaan isaa garuu dubbicha yaadatti in qabate...
12 Ergasii obboloonni Yoseef bushaayee abbaa isaanii tiksuudhaaf, gara Sheekem in dhaqan.
13 Israa'el yommus Yoseefiin, "Sheekem lafa obboloonni kee bushaayee tiksaa jiranitti sin ergaatii kottu!" jedhe; inni immoo deebisee, "Kunoo, ani asan jira!" ittiin jedhe.
14 Abbaan isaas, "Amma dhaqii, obboloonni kee fi bushaayeen nagaatti akka jiran ilaalii, hafuura isaanii anaaf fidi!" jedheen; akkasitti dachaa Kebroon keessaa isa erge, innis gara Sheekem dhufe.
15 Inni bakkee keessa asii fi achi utuu jooruu, namichi tokko isa argee, "Ati maal barbaadda?" jedheen.
16 Yoseef immoo, "Ani obboloota koon barbaada, hadaraa lafa isaan bushaayee tiksan anatti himi!" jedheen.
17 Namichi deebisee, "Isaan, 'Dootaan dhaqna' utuu waliin jedhanii dhaga'eera, kanaaf asii adeemaniiru" jedheen; Yoseef obboloota isaa faana dha'ee, Dootaanitti isaan argate.
18 Isaan garuu utuma inni isaanitti hin dhi'aatin fagootti isa arganii, isa ajjeesuudhaaf irratti koratan.
19 Isaan walii isaaniitiin, "Kunoo, abbaan abjuu sun dhufeera;