13/10/2022
Deebi'ee Dhufuu Ilma Namaa
Luq. 17
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²² Itti fufees bartoota isaatiin, "Yeroon isin itti guyyoota ilma namaa keessaa guyyaa tokko illee arguudhaaf hawwitan in dhufa, hin argitanis.
²³ 'Iaa inni achi jira; yookiis inni as jira' isiniin jedhu, isinis immoo hin dhaqinaa duukaas hin fiiginaa !
²⁴ Balaqqeessi bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti balaqqeessa'ee akka ibsu, ilmi namaa guyyaa isaatti akkasuma in ta'a.
²⁵ Haa ta'u iyyuu malee, kana dura, harka dhaloota si'anaa kanatti baay'ee dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun isaaf in ta'a.
²⁶ "Bara Nohitti akkuma ta'ee ture, bara ilma namaattis akkasuma in ta'a.
²⁷ Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan.
²⁸ Bara Looxis akkuma kana ta'ee ture, namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.
²⁹ Guyyaa Loox Sodoomii ba'etti garuu, ibiddii fi dhagaan boba'u waaqa irraa isaanitti roobee hunduma isaanii fixe.
³⁰ Guyyaa itti ilmi namaa mul'atuttis akkasuma in ta'a.
³¹ "Guyyaa sanatti namni mana isaa keessaa ba'ee ala yoo jiraate, mi'i isaa immoo mana keessatti yoo duraa hafe isa fudhachuudhaaf manatti ol hin deebi'in; lafa qotiisaa kan jirus garagalee gara booddee isaa hin ilaalii!
³² Haadha manaa Loox yaadadhaa!
³³ Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa hin fudhatama; jireenya isaa kan kennu garuu isa in oolfata.
³⁴ Ani isinittan hima, halkan sana namoonni lama siree tokko irra in rafu, isaan keessaa inni tokko in fudhatama; inni kaan immoo in dhiifama.
³⁵ Dubartoonni lama walii wajjin dhagaa tokkotti in daaku, isheen tokko in fudhatamti, isheen kaan immoo in dhiifamti.
³⁶ Namoonni lama lafa qotiisaatti argamu, inni tokko in fudhatama inni kaan immoo in dhiifama]"jedhe.
³⁷ Kana irratti bartoonni isaa, "Eessatti, yaa gooftaa?" jedhanii gaafannaan, Inni immoo, "Raqni iddoo" jirutti, gogocoroonni wal ga'u" jedhee isaaniif deebise.