Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Wiirtuu Finfinnee

Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Wiirtuu Finfinnee Waldaan kun ergamni ishee Wangeela Kiristoos Labsuudhaan Mootummaa Waaqayyootti namoota waamuudha!

01/09/2026

Museen ammas itti fufee,

“Waaqayyo inni akka Waaqayyo
isa kan Yeshuuruun
tokko illee hin jiru,
inni si gargaaruudhaaf
bantiiwwan waaqaa yaabbatee adeemu,
ulfina isaatiinis duumessa irra
kan taa'u,
Waaqayyo inni bara baraa kun
iddoo jireenya keetii ti;
irreen bara baraas isa jala jira,
inni diinota kee si duraa in oofa,
‘Isaan balleessis!’ in jedha;
Israa'el kophaa isaa
bir'aa malee in jiraata,
sanyiin Yaaqoobis,
biyya midhaanii fi daadhii waynii baasu keessa,
biyya waaqni fixeensa gad itti coccophsu keessas nagaatti in taa'a.
Yaa Israa'el, ati gammadi!
Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche?
Gaachannii kee fi gargaarsi kee isa;
billaan kee inni ulfina-qabeessis,
diinonni kee si dura in quphanu,
ati immoo iddoo isaanii isa ol jedhaa irra
in ejjetta” jedhe.
Kes 33:26-29

01/09/2026

" Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu!”
Yoh 8:12

31/08/2026
31/08/2026

" Inni cabsee karaa banu
isaan dura in ba'a;
isaan cabsanii
balbala kellichaa keessa
darbanii jalaa in ba'u;
mootiin isaanii darbee
isaan dura in adeema,
Waaqayyo isaan dura in bu'a*."
Mik 2:13

30/08/2026

Qajeelummaa Dhugaa & Qajeelummaa Sobaa!
Ergasii Yesus tuuta achi jirutti, bartoota isaattis dubbatee,
“Barsiisonni seeraa, Fariisonnis iddoo Musee bu'anii in barsiisu.
Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'inaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan.
Isaan ba'aa ulfaataa hidhanii gatiittii namootaa irra in kaa'u; ofii isaaniitii garuu qubuma isaanii iyyuu itti hin buusan.
Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuudhaaf hojjetu. Isa yeroo kadhataatti akka kudhaamaa rarraafatanis in bal'isu, shaashara isa ittiin seera Waaqayyoo yaadachuudhaaf uffata isaaniitti hodhatanis in dheeressu.
Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanuu jaallatu.
Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis in jaallatu.
“Isin garuu ‘Barsiisaa guddaa’ ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha; isin immoo hundumti keessan obboloota.
Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.
Geggeessaa amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.
Isin keessaa inni caalaan hojjetaa keessan haa ta'u.
Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama” jedhe.

Mat 23:1-12

30/08/2026

Isin Kristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!
Namni balleessaa hojjetu balleessaa isa hojjetu sanaaf gatii isaa in argata; nama wal caalchisuun immoo isa bira hin jiru.
Qol 3:24-25

29/08/2026

Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!
Fil 4:4

28/08/2026

''Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!

Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu! Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba."

Yaaqob 4:8-10

27/08/2026

Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe.
“Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!” jedhe.

“The time is fulfilled, and the kingdom of God is at hand; repent and believe in the gospel.”
(Mark 1:15)

''But we preach Christ crucified.""Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dh...
24/08/2026

''But we preach Christ crucified."
"Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha. Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Griikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis. Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala, wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra in caala.''

1Qor 1:23-25

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Wiirtuu Finfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Wiirtuu Finfinnee:

Shortcuts

Share