17/06/2026
Qππ‘π‘πππ£π¨π Bππ§ππ
Nama guddaa tokkoo gaafa tokkoo gaafi gaafatani; fuula dura dhaloota kanaa yo akkana laaltuu maanti sittii mullata jennaan - durii jeneraalota Waaqa gugurdoo gati guddoon wengeela nuun dhaqqabdeeti turee jedhee amma ammoo fuula dura dhaloota kanaa yo laaluu warrii akkassi sunin in ka'aa jedhee hin yaaduu jedhee, sababi barii bara hujii ta'uu lakkisee ya bara qilleensa ta'ee jedhee.
Dhuguma barii ya bara Qilleensa ta'ee
* bara durii jannoomi adda waraana jira amma jannii ka social media irratti bahee nama arrabsee hin taane?
*Durii Qaroomi Gaadisa koraa jira amma Qaroon nama Qilleensa kana irratti nama acibarabaruu beekuu hin taane?
*Durii Wengeelaafi gatii baasani hardhaa ammoo maqaa, garaa, gurratti hin dachaane? tana ammoo fulaan ittii bilcheefatan Qilleensuma kana hin taane?
*warrii durii wengeela namatti himee Mootumma Waaqa ballisa, ka ammaa namaa beekkama ( Famous) ta'uu fedhaa Qilleensa irratti wal balleesa, adunyaa Qilleensa ta Qilleensa irrati wal shuumani Qilleensuma irratti wal buusani
*Durii hujii dansaa atin hojjatuuti si hima, amma atin Qilleensa irratti uf himteettii warri si fakkaatuu ammo harka sii dhaana.
*Waan na ajaa'ibee keesaa, dhaloota keenna waan innii mormuufi ka innii deegaruu gargarii hin beekani sababi gaadisuma cufatti gartaa.
Dhugaa ya dhartii lafa irra fudhattee, dhartii wayyaa dhugaa keeyyattee dhugaan naa mircaa ( kuraa) naa dhaa jechuuti jirtii, namilleen guddate ya dhayeefi duuba waan mirkanaa ganni isii gabaaba.
[13] Gaafa akkanaa kana nama wa beekufi qaroolleen incallisa, wanti akanaatifi bari kun hamaa!
Amos.5.13