Ephratah Ministry

Ephratah Ministry As long as I am on earth, I testify that Jesus Christ is the Savior of the world. The sun is setting, and it is nearly the end of time.

Qarshii 1 jettanii hin tuffatiinaa  🥹"Dargaggeessi Ol adeemaan kun   Tolaa Galataa Jedhama. Wallagga Lixaa Aanaa Boojji ...
16/09/2026

Qarshii 1 jettanii hin tuffatiinaa 🥹
"Dargaggeessi Ol adeemaan kun Tolaa Galataa Jedhama.
Wallagga Lixaa Aanaa Boojji Birmajjii ganda Baadiyyaa Didibbee Tuulii jedhamutti dhalate.
Akkuma suura isaa irraa argaa jirtan waggoota 18 tiif maqaan isaa hin beekamin jiruun rakkachaa jira.
Ayyaanaan amma Umuriin isaa waggaa 22.
Maatii harka qalleessa keessatti waan dhalateef manuma yaalaa xiqqaatti malee namni gara Hospitaalaatti geessee yaalchisus hin argamne. Humni isaas hin jiru.
Mana Barumsaa erginaan Haalli dhibee isaatii barattoota faana barsiisuuf rakkisaa waan ta’eef barumsa hin dandeenye.

Mucaan baadiyyaa keessa waan jiraatuuf Iji dhaabbilee fayyaafi Dhaabbilee gargaarsaa mucaa kana argee yaaluuf carraan hin argamne.
Yeroo ammaa kana ammoo dhibeen isaa Umuriisaa duukaa guddachaa waan dhufeef lubbuu isaaf yaaddeessaa ta’eera.

Kanaaf dhaabbileen fayyaafi Dhaabbileen deggersa Namoomaa irratti hojjettan mucaa dargaggeessa kana nu gargaaraa yaalchisaa adaraa jechuun maatiin isaa nutti iyyataniiru.

Lakkoofsa Herrega Baankii

CBE :1000207545833

Awash: 013341579545700

Siinqee: 1028078650101
Ayyaana Tolaa Galeta

Hub. CBE maqaa harmee isaa Jijee Qana’aa or Ayyaanaa Tolaa jedha.

Bilb.
+251 94 158 4177 Bulchaa ( Obboleessa isaa)"

Namicha Waggoota 11 Dura Obboloota Isaatiin Ajjeefamee Boolla Mana Fincaanii Keessatti Awwaalame Irratti Qorannoon Eegal...
15/09/2026

Namicha Waggoota 11 Dura Obboloota Isaatiin Ajjeefamee Boolla Mana Fincaanii Keessatti Awwaalame Irratti Qorannoon Eegalame

Bulchiinsa Magaalaa Hoomaachoo keessatti, namicha waggoota kudha tokko (11) dura, jechuunis bara 2007 (A.L.I) ji'a Sadaasaa keessa obboloota isaa dhiigaatiin ajjeefamee boolla mana fincaanii keessatti awwaalame ture irratti qorannoon eegalamuu poolisiin magaalattii beeksiseera. Akka maddeen keenya Waajjira Komunikeeshinii Magaalaa Hoomaachoo irraa arganne ifoomsanitti, lafee fi haftee qaama namicha ajjeefamee kan ta'e Deetaamoo Eerguudoo, iddoo itti awwaalamee baasuun ogeeyyoota yaalaa foorensiikiitiin qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.

Gocha yakkaa suukkanneessaa kana ilaalchisee adeemsa qorannoo jiruun shakkamtoota torba adda baafaman keessaa ja'a isaanii to'annoo seeraa jala kan oolan yoo ta'u, isaanis Ageezee Eerguudoo, Lagaa (Eercha'imoo) Eerguudoo, Dammaqaa Eerguudoo, Eergeboo Liransoo, Taaddalaa Liransoo fi Aadde Adaanach Eerguudoo dha. Shakkamaa 7ffaan Chaakoroo Eerguudoo jedhamu garuu gara biyya Afrikaa Kibbaatti waan baqateef hanga ammaatti to'annoo jala hin oolle.

Ajjeechaan kun kan raawwatame waamicha yeroo sanaan Aanaa Giibee, ganda Haliilchoo Beeroo yoo ta'u, yeroo ammaa kana Bulchiinsa Magaalaa Hoomaachoo, Ganda Hoomaachoo Kaabaa iddoo addaa Geembee Ol'aanaa jedhamutti ta'uun ibsameera. Akka ragaaleen mul'isanitti, shakkamtoota kana keessaa obboleessi nama ajjeefamee kan ta'e Ageezee Eerguudoo mana murtiitti dhihaatee gochicha raawwachuu isaa amanee jecha isaa kennee jira.

Lafee nama ajjeefamee kana irratti ogeeyyiin yaalaa foorensiikii Hoospitaala Waliigalaa Rifaraalaa Yaadannoo Mootittii Ileenii Mahaammad irraa dhufan qorannoo bal'aa kan gaggeessan yoo ta'u, bu'aan isaa akkuma dhufeen galmee qorannoo waliin qindaa'ee Mana Murtii Ol'aanaa Godina Haadiiyaatti akka dhiyaatu ta'a.

Ajajaa Poolisii Magaalaa Hoomaachoo kan ta'an Itti Aanaa Inispeektar Addisuu Zakkiiwoos hawaasaaf ergaa dabarsaniin, "Yakki raawwatamee yeroof dhokachuu danda'a, garuu ija seeraa fi hawaasaa jalaa yoomiyyuu dhokachuu hin danda'u," jechuun hawaasni gochoota shakkisiisoo yeroon qaama seeraaf eeraa akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Hub. Lubbuun qoosaa miti, Yesustu Iddoo guddaa itti kennee ofii du'ee du'a oolchuuf.
Kanaaf yoomillee lubbuu gatiin lubbuu itti baafame Akka yaallootti ilaaluun Waaqa durattis, Nama durattis yakka dha.

Oduu nama Rifachiistu😭Dargaageessi G/Gujii A/Daamaa tokko NamaQalee woraabbeessaf kenne ture to'atame,   Maqaan isaa Fiq...
15/09/2026

Oduu nama Rifachiistu😭
Dargaageessi G/Gujii A/Daamaa tokko NamaQalee woraabbeessaf kenne ture to'atame,
Maqaan isaa Fiqaaduu Elemaa Dullachaa (Goojjee)jedhama. dargaggeessa A/Daamaa, Ganda Qadhoo Diimtuu keessa jiraatu.

Namni Amma Kan suuraa isi'ii asii gaditti muldhatu Dhalattuu Go/Gujii, A/Booree,Ganda Murii muratooti. barnoota Barattee IT Level four qabdi. Ilmi namaa Jiraachuuf jecha tattaaffii adda addaa godha. isiille Ji'oota lama dura Magaala Shaakkisoootti Safaricom keessa hojjatti. Maantu akka itti dhufe hin beekuu malee Guyyaa tokko namni Ebeluu hin beenne wayii itti dhufee nageya gaafatee jaalala fakkeessee waan tuqeen hin beeku malee qabee badeen. Maatiin waan quba quba hin beeku. intala isaanii Bakka jirtuu dhabanii.... hinuma heerunte jedhaa Akuma Aadaa Gujii San Himoof Mijuu gaafa guyyaa Afraffaa eegataa Turan.

Intala isaanii Guyyaa afraffaa motii Ji'aa Lamaaniittuu Jiraaf Du'aa isi'ii dhaban. Barbaarsa Karaalee Miidiyaa hawaasaa kanaan itti fufan. Ana garuu ka na dhibee dhuguma bara maanii keessa jirra? Abbaan Gadaa Hookkuu dhihoo tana Akkana jedhee lallabate Intalti teessan Mana keessanii ala hin bulin, isinii motii nutti rakkata Jiraan jedhee dhiyoo tana dubbatu dhage'e. Dhugaa isaati.

Maarre, Bisiltuun_Waaree Wanni isii muudate waan dhage'uuf nama jibbisiisu ture. Mucaan Kun dhalataa Aanaa Daamaati. Ilmuma Gujiiti. Intala Jaalala Fakkeessee Irbaata Diinummaatiif qopheesse. Guyyaan Abaarramaan wayii Mucaa kanarra tee'ee intala tanatti dhufe. Intala Barnoota isi'iitti adoo hin foorfatin Kichuu oliif gad fiigdee jireenna isi'iif maatii jijjiiruuf tattaafataa jirtu Guyyaan Abaarramaan Kun Gubbaan Jaalala Uffatee keessan diinummaa Qabatee argate.

Bisiltuun manaa bahuu isi'ii malee waan beettu hin qabdu. Akkamiin akka baate? maaniif akka baate? eennu faana Akka baate? waan beektu hin qabdu. Bisiltuun akkuma taate taatuu jireenna gara Gaa'ilaa ijaarratuutti qajeelte fakkaata. Akkuma manaa baateen bilbilli isi'ii cufameera. 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

 ! 👇" Barii ganamaa lafaa ka'een 'kaaffee' tokko seenee taa'e. Dargaggeessi umurii 20 keessa jiru tokko ana ciinaa taa'e...
15/09/2026

! 👇

" Barii ganamaa lafaa ka'een 'kaaffee' tokko seenee taa'e. Dargaggeessi umurii 20 keessa jiru tokko ana ciinaa taa'ee aduu ho'ifata. Daqiiqaa dheeraaf callisatu nu giddu ture. Carraan argadhe kamittuu misraachoo wangeelaa dubbachuutti waanan gammaduuf gurbichaan "Akkam caamni ganamaa kun ? jedheniin. Dargaggeessichis "Baay'ee gaariidha! Namatti tola." naan jedhe.

Boonkee: "Aduu kana tola eenyu akka sii kenne garuu ni beektaa?"
Dargeessicha: "Hin beeku."
Reinhard Boonkee: Macaafa Qulqulluu'oo ni dubbistaa?
: "Hin dubbisu. Maaliifan dubbisa? Macaafni Qulqulluun macaafa dulloomedha. Akkuma na arga jirtu ani dargageessa. Dhaloota amayyaa'aa jaarraa 21ffaati. Ani waan bara koo faana adeemu, asoosamoota gaggaarii fi falasamaa yoo ta'e malee maalifan waan waggaa 2000 dura barreeffame dubbisa?" jedhe fuula dukkaneessee."

Boonkee: Yeroo muraasaaf nan callise. Boodarra "Ati dargaggeessi jaarraa 21ffaa kun aduu dullomtuu waggaa biliyoona 4.6 dura uumamte teessee ho'ifachuu hin qabdu turte. Waan haaraa, jaarra kee gitu barbaaduu qabda ture. Yeroo kana mucichi deebii waan dhabeef callisee dhaggeffachuun itti fufe. Agartee! aduun umurii baroota dheeraa qabaattus har'a ifa kennuu hin dhiisne. Ho'as ni kenniti. Simboon ishees jalaa hin hir'anne. Qomoo, amantii fi bifaan nama adda osoo hin hiriin wal qixxumaan hundaaf ibsiti.

Waaqayyoos akkasi. Sanyii namaa hundumaaf ni ibsa, ni jijjiira, bilisa namaa baasa, jireenyas kenna. Aduun gara kee dhufuuf maayila miiliyoona 93 deemti. Ati aduu argachuuf garuu fagoo hin adeemtu. Ganama balbala kee yoo bantu ifa argatta. Manaa baatee yoo ala baatu ho'a argatta. Waaqayyos kanuma sirraa barbaada. Yaada garaa kee dhugaa sagalee isaaf yoo bante, ifa hafuura isaafis yoo of kennite jireenya qajeelummaa ni jiraatta." jedheen. Gurbichis fuulli isaa ni ife. Dubbichas gammachuun fudhate.

Egaa har'as “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,” (Ibr. 4:12). Kana malees,“Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.” ( Far. 119:105)

Ebifamaa

Yesuus karaadha
Yesuus dhugaadha
Yesuus jireenya
Yesuus jaalala

Eebbifamaa
Share godhaa

BOR
08/09/2026

BOR

07/09/2026

Abdii Qabdanitti gammadaa, rakkina obsaa, Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!
Luqqisii kanaa ____guuti

05/09/2026

Maaloo Faarfataa kana

20/08/2026

Maalumadha wanti kun, warri isiniif gale naaf ibsaa!

Finxalleeyyiin harmee fi dhala gargar baasteIyyaafannoo! Guyyaa har'aa bakka faannoon uummata fixxe sanatti mucaan xiqqo...
19/08/2026

Finxalleeyyiin harmee fi dhala gargar baaste
Iyyaafannoo!

Guyyaa har'aa bakka faannoon uummata fixxe sanatti mucaan xiqqoo maqaan isaa Ifaa Daandii Gaashuu jedhamu haadha jalaa bade maaloo warri argitan lakkoobsa bilbilaa kanarratti bilbilaa nu beeksisaa!

+251977504443.

Address

Addis Ababa
JESUS

Telephone

+251913999707

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ephratah Ministry posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Ephratah Ministry:

Shortcuts

Share