05/04/2026
Waaqeffannaa Keenya Dilbata Ganamaa 27/7/2018E.C
=================
Geggessuu; Obbo Ibsaa Dhugumaa
Faarfannaa; Worship Team
Lallaba; Darg. Alamuu Firdiisaa
Kadhata; B/sa. Tamasgeen Malaakuu
Mata Duree
===============
Kiristaanummaa Waaqayyoo Biratti Fudhatama Qabu Qabaachuu
Filphiyos 2:5-11
• Kiristaanummaa kiristos biratti fudhatama qabu jechuun filannoo jireenyaa Beekuudha.
Kiristaanummaa Waaqayyoo biratti fudhatama qabu qabaachuudhaf maal goona?
1.Fakkeenya Ta'anii jiraachuudha filphos 2:5
2.Tokkummaan jiraachuudha Filipios 2:2
3.Abboomamuudhan jiraachuu Filiphos 2:8
4.Waan Lafa irraa Salphisanii Ilaaludha
Ibroota 11:24-26
Museen yeroo Guddate Amantiidhan Ilma intala fara'oon jedhamee waamamuu dide.yeroo gabaabduudhaf cubbuu keessa jiraatee Gammaduu irra saba waaqayyoo wajjiin rakkina jala jiraachuu fooyate.
5.Waan isaan irratti Ta'u Homaattu Hin Lakkaayan Daniel 6:19-20tti
Ganama akkuma lafti bariyeen mootichi ka'ee Ariitidhan Gara Boolla Leencota dhaqee ,Gara Boollicha Isa Daaniel Keessa turetti yemmuu dhiyaate immoo sagalee yaaddootin yaa Daaniel Hojjeta Waaqayyoo jiraata Waaqayyoo kee inni ati itti fuftee waaqeessitu afaan Leencota keessa si Oolchuu danda'eera jedhee Guddisee Gaafate .
6.Eenyuf Akka Hojjetan Beekudha Daniel 3:16-18 ,2Ximi 2;3-4
7.Ogummaadhan jiraachuudha Uma 39:7-10,1mot 3:27-28
Ogeessichi Solomon firdii Qajeela kennuu isaa
Ogummaan inni Guddaan immoo Waaqayyoon Sodaachudha.Far 111:10, Qolasiyaas 4:5
8.Waan isaanitti Tolu Duwwaa hin Ilaalan Filiphos 2:4
9.Jajamuu Keessatti Miira isaanii Too'atanii Jiraatu 1sam 18:6-8
Durboonni Israel Yeroo Dawit Gooliyad Ajjeese Gale akkas jedhani Sirban, Saa'ol kumaatama Ajjeefate Dawwit Garuu Kuma kumaatama ajjeefate jedhanii wal harkaa fuudhanii Weeddisu Turan Dubbiin kun Hamaa ta'e Saa'olitti waan mul'ateef Baayisee Isa Aarse
Saa'ol Isa Waaqayyoon Tuffatameedha 1sam 15:10
KIRISTAANUMMAA KEESSATTI FILANNOON JIREENYAA IDDOO GUDDAA QABA
kiristaanummaa keenya akka Hin miidhamneef Maal Goonu?
1.Eenyummaa Yesus kiristos Beekudha mat 16:16-18 ,pheexiros deebisee ati masicha Ilma Waaqayyoo jiraatati jedhe ,ibrota 13:8 Yesuus Kiristoos kaleessa isuma ture Har'as Bara baraanis isuma sana
2.Yaada Waaqayyoo Beekudha mat 15:21-28 Dubartiin kun Dubartii Biyya siidon (kana'aan)
✓ Dubartiin kun Qomoo yihuudi miti Garuu Amantii kana sirriitti beekti mat 15:22
✓ Ilma Daawit jette Maqaa moggaafte
✓ Gooftaa jetten Gooftaan Maqaa waaqa waan ta’eef
✓ Abdi Ilmaan Nama Kakatame Hubatame beekti
✓ Dubartiin kun Hubannoo macaafa kakuu moofa sirritti qabdi
✓ Sagalee Abdii kakuu moofa keessatti warra eeggatan keessa tokkodha
3.Yeroo Akkamiif akka Barbaadaman Beekudha. Aster 4:14 Mootuu ta'uun keeyyuu yeroo akkasiif yaadame ta'a
Nuti Waldaan kiristaana yeroo akkasiif barbaadanneerra Waldaan kiristaana isheen har'a Qulqulluudha fi Dammaqxee Dhufaatii Dhirsa misirroo ishee Isa 2ffaa ishee Eeggattu Ta'uu qabdi mat 25:1-13
4.Qabaa waan Hundumaa Beekudha lallaba 7:18 wanta tokko yemmuu qabattu Isa kaanis lafa hin busin Namni Waaqayyoon sodaatuu Qaba wanta Hundumaa Beeka
5.Biyya lafaa irraa Of eeggachuudha mat 16:6 yesuus immoo ilalladhaa Raacatii warra faarisoota fi Saaduqoota irraas of eeggadha isaanin jedhe kana jechuun isaa barsiisa faarisoota fi saaduqota irra of eeggachiisuu isaati malee waaye Buddeenatiif dubbate miti.
6.Nama Waaqayyoo Ta'uudha 1xim 4:8 Namummaa fooni cimsuyf of qopheessun Wanta mursaaf Nama Gargaara,Nama Waaqayyoo Ta'uudhaf of qopheessun Garuu wanta baay'eedhaf Nama gargaara, Jireenya ammaaf Isa dhufuufis Abdiin isuma keessa jira.
7.ofii keeti fi Barsiisa kee Eeggachuudha 1xim 4:16 ati ofii kee barsiisa kees eeggadhu itti jabaadhu akkas gochuu keetin mataa kees Warra si dhagayanis Gara fayyinaatti ni geessita Birmadummaa arganne Jabaannee eeggachuudha Galatiya 5:1 Birmadummatti akka nuti jiraannuu kiristos birmadu nu baase kanaaf itti jabaadha dhaabbadha ,deebitaniis wanjo Garbuumma jalatti hin Qabamiina jedha
8.Anatu Caala Dhiisuu mat 18:1-5 Bartoonni Gara yesuustti dhiyaatanii Mootummaa Waaqayyoo keessatti inni Caaluu Eenyu jedhani
Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo Gadi of deebisee mootummaa waaqayyootti Kan Caalu Isa
9.Nama Kadhata Ta'uudha Ermiyas 33:1-3 inni Na kadhadhu anis siifan dhagaya wanta guddaa ati qortee bira gahuu hin dandeenye sittan hima