WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa

WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa Fuulli kun kan Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaati.Fuula Telegram Waldaa keenyaa argachuuf 👇👇👇 https://t.me/+81Ze05-EfCs5NGZk

Sagantaa Torbanii Mana Kiristiyaanaa Tulluu Biiftuu Kaatediraala Maariyaamii AdaamaaFulbaana 03/01/2019Dilbata jalqabaa ...
13/09/2026

Sagantaa Torbanii Mana Kiristiyaanaa Tulluu Biiftuu Kaatediraala Maariyaamii Adaamaa
Fulbaana 03/01/2019
Dilbata jalqabaa bara haaraa 2019 BA
Sagantaan Hafuuraa torbanii Afaan Oromoo Dirree Araaraa Kaatediraala Tulluu Biiftuu Maariyaamii Adaamatti gaggeeffamu bara haaraa Dilbata isa jalqabaa bifa hoo'adhaan gaggeeffameera. Faarfattoonnifi Miseensonni Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa, Koreen hoji-raawwachiistuu Waldichaafi hordfoftoonni amantaa Ortodoksii sagantaa kana qooddataniiru.
Sagantaalee keenya hordofuudhaf toora miidiyaalee keenyaa
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0 hordofuu dandeessu. Like, comment & share gochuunis miidyaa keenya guddisaa.

Baga bara haarawa 2019 nagaadhaan geessan.Miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa Sagantaa baga haaraa nag...
11/09/2026

Baga bara haarawa 2019 nagaadhaan geessan.
Miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa Sagantaa baga haaraa nagaan geessanii yeroo gaggeessan.
Barri 2019 kan tajaajila keenyan itti milkoofnu, gaabbii gaallee fooniifi dhiiga Gooftaa keenyaa fudhannee kan itti qulqulloofnu nuuf haata'u.
Miidiyaalee keenya
Facebook: Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0 hordofaa. Follow gochuun maatii keenya ta'aa. Like, comment & share gochuun miidiyaa kana guddisaa. Waan dandeessaniinis tajaajila keenya deeggaraa!

Ati arjummaa keetin baroota ni gonfita.Lafa Onaatis Cooma ni quufu. Faarf. 64:11-12Miidiyaa WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa ===...
10/09/2026

Ati arjummaa keetin baroota ni gonfita.
Lafa Onaatis Cooma ni quufu. Faarf. 64:11-12
Miidiyaa WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
=========+++====+++===========+++++
Miseensonni Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa, hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa biyya keessaafi alaa, baga bara 2018 bara Maariqoosirraa gara bara haaraa 2019, bara Luqaasitti nagaadhan ceetan.
Jijjiiramni baraa gaafa Waaqayyoon uumamtoota samiifi dacheerra jiran uumuu jalqaberraa akka eegale Kitaabni qulqulluun dhugaa baha. Kanas "Dilbata Samiifi dachee, akkasumas Ifa, dukkana, ergamoota, abidda, bishaanifi bubbee uume" jechuun jalqabee "Jimaata ilmoo namaa uumudhaan" goolabuusaa ibsa. Sana boodas ilmoon namaa badii raawwatee yeroo itti murtaa'u guyyaa shaniifi walakkaa booda (Waggaa 5500 booda jechuudha) akka ilmoo ilmoosaatirraa dhalatee akka fayyisuu itti himuun isaatis lakkoofsa baraa kan agarsiisudha. Kanas ta'u baroota dura kan ture, kan jiruufi darbees kan jiraatu Waaqayyo baroota arjummaasaatin ni gonfa. Kanaaf qulqulluu Daawwiit:-
" ወአንተሰ አንተ ክመ
ወዓመቲከኒ ዘኢየኃልቅ" Ati isumadha. Baroonni kees hin dhuman(Faarf. 102:27)" jechuun dubbateera.
Waldaan keenyas, Waldaan Duuka Bu'ootaa baroota jijjiiraman keessatti Waaqayyo barri hin jijjiirrefi ofiif Mootummaa darbaafi dhuma hin qabneen baroota gonfaa, jijjiiraa jiraatu tajaajiluuf Waldaa kutatee ka'eedha. Waldaan kuni Afaan Sabni dhagahuun tajaajiluun kaayyoo isaa yoo ta'u, kanaanis hordoftoota amantaa Ortodoksii hedduu, keessattuu Ummata Oromoo Amantaa Ortodoksii hordofuufi baroota hedduudhaf Wangeela dheebochaa tureef wangeela Afaan isaatin lallabuudhan "kanneen badan akka deebi'an, kanneen of dagatan akka dammaqaniifi kan amantaadhan jiranis akka jabaatan" gochaa jira. Bataskaanota sababoota garaagaraatin cufaman, miidhamaniifi gubatan bansiisuu, damdamachiisuufi deebisee ijaarsisuudhan seenaa boonsaa Waaqayyo fuulduratti gatii qabu hojjechaa jira.
Tajaajila Wangeelaa akka WDB Wiirtuu Shawaa Bahaatti Waldaan keenya kennaa jiruunis bataskaanonni hedduun banamanii, hordoftoonni hedduunis akka afaan dhagahaniin Wangeela barataniifi tajaajila Sirna Qulqulleessaa argatan godhamaa jira. Hojiin hojjetame gahaa jechuu baannus tajaajilli miseensonni Wiirtuu keenyaa kennaa jiran Waaqa fuulduratti aarsaa guddaadha.
Bara kanas tajaajila kana dura kennaa tureen osoo hin daanga'in ammas Bataskaanota Kutaa Lallabaa Shawaa Bahaa keessa jiran hundumaa humna qabu kamiyyuu fayyadamuudhan tajaajila gahaa qaqqabuudhan tajaajila gahaa akka argataniif tumsa barbaachisu ni godhaaf. Keessattuu bataskaanota baadiyyaa rakkoolee garaagaraatin cufaman akka banamaniif miseensota sadarkaa Wiirtuu aanaalefi Dameewwan garaagaraa isaan jala jiran wajjin qindoomudhaan ni hojjetama. Kanaafimmoo dandeettii miseensotaa leenjidhaan gabbisuu, qaaman argamuufi bilbilaan hordoffiifi deeggaraa barbaachisaa itti fufiinsa qabu gochuufi Caasaa mana Kiristiyaanaa sadarkaan jiru faana hariiroo cimsachuun tajaakilaaf haala mijaawaa uumun xiyyeeffannoo Wiirtuu Shawaa Bahaati. Kanaafis dadhabne osoo hin jedhin halaknii guyyaa kan hojjennu yoo ta'u koreen hoji raawwachiistuu Wiirtichaa bara kana itti gaafatamummaa fudhates kutannoo guutudhaan hojiitti galuusaa isiniif ibsuun barbaada.
Kanaafuu isinis miseensonni WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa, abbootin qabeenyaafi caasaalen mana kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sadarkaan jirtan hundinuu hojii WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa hojjechaa jiruufi hojjechuuf karoorfate beekumsa, yaada, qabeenyaafi humna qabdaniin akka tumsitaniifi deeggarsa hafuuraa barbaachisuun akka nu waliin jirtan shakkii hin qabnu.
Barri haaraan 2019 BA, barri Luqaas kan tajaajila keenyan itti milkoofnu, gaabbii gallee fooniifi dhiiga Gooftaa keenyaa kan itti fudhannuufi jireenya keenyan fakkeenya taanee kan itti mul'annu akka nuuf ta'u Waaqayyoo nu haa gargaaru.
Luba Zakkaariyaas Fiqruu(B/saa)...Hoji Gaggeessaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa.
Odeeffannoo dabalataaf miidiyaalee keenya
Facebook: Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0 hordofuu dandeessu.

Qaammee 3/2018Ayyaana Qulqulluu Rufaa'elHordoftoonni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo biyya keessaafi biyya alaa jirtan, akk...
08/09/2026

Qaammee 3/2018
Ayyaana Qulqulluu Rufaa'el
Hordoftoonni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo biyya keessaafi biyya alaa jirtan, akkasumas addatti miseensonni Waldaa Duuka Bu'ootaa baga ayyaana Ergamaa Qulqulluu Rufaa'el nagaadhan geessan. Ji'i amma keessa jirru kuni ji'a isa dhumaa ykn Phaagumee jedhama. Phaagumee jechuun jecha Giriikii "Eppegumeenee" jedhurraa kan dhufe yoo ta'u, afaan Gi'iizitiinimmoo "ወሰከ፣ ተውሳክ" jedhama. Kunis dabale, dabalame, daballii hiika jedhu qaba. Ji'a Qaammee/Phaagumee/ kana manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hiika hafuuraa hedduu kennitiif.
1ffaa Ji'a kana ji'a dhumaa yoo ta'u amantoonni bara haaraa simachuuf yeroo gaabbii itti galaniidha jechuun barsiisti. Kanaafis ji'a amantoonni fedhiidhan sooman dabarsu. Kanaafis Maqaa "Sooma Yoodit" jedhu kennitiif. Seenaa isaa Kitaaba Yooditirraa dubbisaa.
2ffaa Ji'a kana, keessummaa guyyaa 3ffaan guyyaa samiin/balballi Samii itti banamu jechuun barsiisti. Kunis balballi Samii qaama qabaatee banama jechuu osoo hin taane guyyaa addatti kadhannaan amantootaa gara Teessoo Waaqayyootti ol bahuudha. Kunis araarsummaa Qulqulluu Rufaa'eliin yoo ta'u ergamaan kuni kennaawwan adda addaa akka qabu Kitaabni Qulqulluufi Kitaabileen mana amantaa Keenyaa biroos dhugaa bahu.
Rufaa'el jechuun Afaan Ibruutirraa kan dhufe yoo ta'u "Ruufaa" jechuun dawaa, fayyina jechuu yoo ta'u " Eel" jechuunimmoo " Maqaa Waaqayyoo kan ibsuudha. Kanarraa ka'uudhan Rufaa'el jechuun Fayyinaafi Qoricha Waaqarraa ilmoo namaaf kenname jechuudha. Qulqulluu Rufaa'elis "Gadaamessa deessuu banuu, dubartii ulfaa gargaaruu, jaamaa ibsuufi kan rakkate gargaarudhaan" beekama. Ayyaanni ergamaa kanaa Qaammee 3 waggaa waggaadhan bifa hoo'adhaan kabajama. Guyyaa kana samiin ni banama jedhamee barsiifama, guyyaan dhufaatii Waaqayyoos ni yaadatama. Kadhannaan amantootas kallattiidhan gara Waaqatti ol baha jedhamee akka mana amantaa keenyatti ni barsiifama.
Araarri Waaqayyoo, kadhannaan haadha keenya Durbee Maariyaamii, Gargaarsi ergamaa Qulqulluu Rufaa'el hunda keenya wajjin haata'u. Ameen
Miseensa keenya ta'uufi Odeeffannoo dabalaatif fuula Miidiyaalee keenyaa
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0
Hordofuu dandeessu.

16/08/2026
Haagayya bultii 7Yaadannoo guyyaa haati keenya Durbee Maariyaamin garaa haadha isheetti haftee===+++++=======+++++======...
13/08/2026

Haagayya bultii 7
Yaadannoo guyyaa haati keenya Durbee Maariyaamin garaa haadha isheetti haftee
===+++++=======+++++=======+++=====
Abbaan ishee Qulqullui Daawwit " መሠረታቲሃ ውስተ አድባር ቅዱሳን፤ ያበድሮን እግዚአብሔር ለአናቅፀ ጽዮን፤ እምኩሉ ተዓይኒሁ ለያዕቆብ" Bu'uurrishee Tulluuwwan qulqulloota, Waaqayyos Dunkaanota Yaa'iqoob caalaa balbalawwan Tsiyoon ni filata jedheera. Faarf 86:1-3. Bu'uurrishee Tulluuwwan qulqulluudhan kan fakkeeffaman Abrihaam, Yisihaaq, Yaa'iqoob, Iyyaasuufi abbootii duraa kanneen akka Abeel, Seet, Heenoos, Heenook, Noohifi Seem fa'a ta'uu ibseera. Biiftuu dhugaa Dukkana Suukkanneessaa waggoota 5500f addunyaa kana dararaa tureef samii lammaffaa taatee dhalachuuf garaa haadhasheetti hafte. Kunis Maatii eebbifama gaa'ela qulqulluudhan walitti hidhamanirraa yoo ta'u Phaaphaasin biyya Bihiinsaa Abbaa Hiriyaaqoos "አ ድንግል አኮ በፍትወተ ደነስ ዘተጸነስኪ አላ በሩካቤ ዘበህግ እም ሀና ወኢያቄም ተወለድኪ" Yaa Durbee ati Walitti dhufeenya seeratiin garaa haadha keetti hafte malee fedhii foonii ejjaatin kan dhalatte miti jechuudhan Kitaaba Galatoo Maariyaamii irratti ibseera. Haati keenya Fayyisaa addunyaa nuuf dahuuf guyyaa kana garaa haadhasheetti hafte. Abbaa Hiriyaaqoos qulqullummaa ishee yoo ibsu " ስፍሖ ገብረ እምጥንተ ስጋሁ ለአዳም" Foon Addaam isa jalqabaatirraa si uumeera(si tolcheera) jedhe. Kana jechuun isaa foon Addaam kan cubbuudhan dura ture, kan Cubbuu hojjetee sagalee " ati biyyoodhaa garuma biyyootti deebita" jedhu sana hin dhagahiniidha. Qulqulluu Daawwitis "ቀደሰ ማኅደሮ ልዑል" Waaqayyo bultoo isaa eebbiseera jechuudhan dursee Qulqullummaa haadha keenyaa nuuf barreesseera. Jaalalli Waaqayyoo, Eebbi Abbootii keenyaa, Araarsummaan haadha keenyaa nuuf haa baay'atu.
Soomni Filsataa kan eebbaa nuuf haata'u.
WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Odeeffannoo Dabalataaf Miidiyaalee keenya
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0 nu hordofaa.
Follow, like, comment share gochuunis miseensa keenya ta'aa.

Suuqii Kana Mana Kiristaanaa Kaatederaala Tulluu Biiftuu Qulqulleetti Maariyaamii Magaalaa Adaamatti argattu
10/08/2026

Suuqii Kana Mana Kiristaanaa Kaatederaala Tulluu Biiftuu Qulqulleetti Maariyaamii Magaalaa Adaamatti argattu

Ayyaanni Qulqulluu/Qulqulleettii/ Sillaasee guyyaa har'aa bifa hoo'adhaan kabajamee ooleera.Adaamaa; WDB Wiirtuu Shawaa ...
14/07/2026

Ayyaanni Qulqulluu/Qulqulleettii/ Sillaasee guyyaa har'aa bifa hoo'adhaan kabajamee ooleera.
Adaamaa; WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa(07/11/2018)
Akka mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoyoophiyaatti, Adoolessa bultii 7 waggaa waggaadhan Ayyaanni Qulqulluu Sillaasee bifa hoo'adhaan kabajama. Guyyaan kuni guyyaa mana Abrihaam seenanii nyaataafi dhugaatii dhiyaate nyaachudhaan Abrihaamif eebba itti kennan ta'uu barsiifanni mana amantichaa ni ibsa. Seera Uumamaa 18:1 jalqabee seenan kuni kan barreeffame ta'us guyyaan itti taaten kuni raawwatame garuu hin ibsamne. Manni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa garuu guyyaan taaten kuni itti raawwatame Adoolessa bultii 7 ta'uu darbaa darbiifi barsiifata seenaa bu'reffachuun barsiisti. Sillaasen mana Abrihaamitti argamuudhan Abrihaamif umrii dullumaatti akka mucaa argatus waadaa kennaniifii jiru.
Akka baruumsa Dubbii amantaatti Sillaasee jechuun jecha Gi'iizii "Sallasa/ሠለሰ/" jedhurraa kan dhufe yoo ta'u hiiknisaas "sadi ta'e ykn sadi taasise" jechuudha. Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluun sadummaafi tokkummaadhan kan waaqeffaman yoo ta'u kuni Sillaasee jedhamee barsiifama. Manni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa Sillaasen addunyaa kana kan uuman yoo ta'u kanaafis akka haadhatti ibsiti. Ibsi Maqaa "Qulqulleettii" jedhus sababuma kanaan akka kennameefis Kitaabileen mana Kiristiyaanaa keenya ni ibsu. Addunyaa kan uuman Sillaasen uumanii kan dhiisan osoo hin taane uumamaa hundumaaf waan barbaachisu kennuudhan jireenyasaa qajeelchaniiru. Kunis miira haadhummaatin akka isaan waamaman isaan godheera. Sillaasen Bara bara baraan kan jiraatan yoo ta'u bara dhumaas qaamota sadan keessaa tokko Iyyasuus Kiristoos foon uffateen dhufee addunyaarratti ni murteessa. Kunis akkuma Wangeela Yohaannis 5:23 "Murtiin hunduu ilmaaf kennameera" jedhamee barreeffame abbaan addunyaarratti akka murteessuf kan eeyyameef ta'uu manni Kiristiyaanaa keenya ni barsiisti.

Barreefamni kuni akka nama baay'ee bira gahuuf Like, Comment fi Share gochuun nu deeggaraa! Follow gochuunis maatii keenya ta'aa.
Kutaa Miidiyaa WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Odeeffannoo dabalataatif: Miidiyaalee keenya:
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0
hordofuu ni dandeessu.

Fuula keessan duratti....Kan itti fufe..Hojii dinqii Waaqayyootis kan arge yeroo kana akka ta’e barsiifanni mana amantaa...
13/07/2026

Fuula keessan duratti....Kan itti fufe..
Hojii dinqii Waaqayyootis kan arge yeroo kana akka ta’e barsiifanni mana amantaa keenyaa ni agarsiisa. Abrihaam beelan miidhamaa waan jiruuf Sillaasen gara mana Abrihaam deemaniiru. Kanas Maqaa isaatif ulfinni haata’uutii gooftaan keenya Fayyisaan addunyaa Iyyasuus Kiristoos “አብርሃም አቡክሙ ተመነየ ከመ ይርአይ ዕለትየ፤ ወርእየሂ ወተፈስሐ” Abrihaam guyyaa koo kana arguuf baay’ee hawwe, argeetis gammade” jedheera. Yoh 8:56. Sillaasen mana Abrihaamitti argamuudhan eebbisaniiru. Nyaatafi dhugaatii qophaa’e nyaachudhaan Abrihaam akka Sababa keessummaan dhabameef beelan of hin miines gorsaniiru. Kana jechuun Waaqayyo amala isaatin/waaqummaasaatin/ nyaataafi dhugaatii nuti nyaannee dhugnu ni fayyadamuuf osoo hin taane Abrihaam amansiisuf jecha akka raawwatan manni amantaa keenya ni barsiisti. Kanas dhadhaa abiddarratti kufeen fakkeessanii himu. Sillaasen Abrihaamifi haadha warraasaa Eebbifamtuu Saaraa umrii dullumaarra jiraatanis mucaa Yisihaaq jedhamu akka isaan badhaasan itti himaniiru. S/uum 18:9-15.
Akka barsiifata mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti guyyaan kuni Adoolessa bulti 7 yoo ta'u, waggaa waggaadhan bifa hoo’adhaan kabajama. Eebbafi suga Abrihaam argate argachuuf Kiristiyaanonni keessummoota nyaachisu, harka qalleeyyii daara baasu. Kunimmoo duudhaa Wal gargaarsaa hawaasa gidduutti cimsuu keessatti gaheensaa olaanaa ta’uusaati. Bara kanas Ayyaanni Sillaasee Abrihaam Adoolessa 7/2018 Manneen Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo biyya keessaafi alaa jiran hundatti bifa hoo’adhaan ni kabajama. Waaqayyo eebba Abrihaamif kenne hunda keenyaf haa baay’isu.
Ayyaana gaarii isiniif haata’u!
Miidiyaa kana guddisuufi ergaan asii darbu akka nama heddu bira gahuuf like, Share, comment godhaa!
Kutaa Miidiyaa WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Odeeffannoo dabalataaf Miidiyaalee keenya
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram:https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0 Follow gochuu hin dagatinaa

Fuula keessan duratti Simboo argadhe taanan Garbicha keessan nabira hin darbinaaWDB Wiirtuu Shawaa Bahaa(06/11/2018)Hord...
13/07/2026

Fuula keessan duratti Simboo argadhe taanan Garbicha keessan nabira hin darbinaa
WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa(06/11/2018)
Hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa baga ayyaana Waggaa Qulqulluu Sillaasee nagaadhan geessan. Ayyaanni kuni hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti bifa hoo'adhaan kan kabajamu yoo ta'u Sillaasee Abrihaam(አብርሃሙ ሥላሴ) jedhamees waamama. Guyyaa kana Sillaasen mana Qulqulluu Abrihaam seenudhaan eebbisaniiru. Waadaas kennaniifii jiru. Dubbiinsaa akkana.
Biyya Sooriyaa bakka Kaaraan jedhamtu nama Abrihaam jedhamu kan abbaasaa Taaraa jedhamurraa dhalatetu ture jedha Kitaabni seenaa/Sirna/ Uumamaa(S/uuma 11:26). Maqaan isaa jalqabaa Abraam yoo ta’u boodarra Waaqayyo maqaa kana Abrihaamitti jijjiiref. Abrihaam jechuun abbaa Saba baay’ee jechuudha. Waaqayyo Abraamin biyya Kaaran jedhamtuu bahiitii gara biyya ani sitti agarsiisu, dammaafi aannan kan keessaa burqu gara Kana’aan deemi. Achitti sin baay’isa, sin eebbisa. Kan si eebbisan ni eebbifam, kan si abaaranis ni abaaramu jechuudhan akka ajajes kitaabni seera uumamaa 12:1-4 ni agarsiisa. Abrihaam ajaja Waaqayyoo kana fudhachuun gaarummaa Waaqayyoo abdatee gara biyya hin beeknetti deemeera. Biyya deeme sanattis keessummaa simatee kan beelaa’e nyaachisuufi kan daare daara baasuu hojiisaa akka godhate kitaabileen mana kiristiyaana ni barsiisu. Kanaafis namoota keessummaa simachuu jaalatiin akka Abrihaamitti si haa eebbisu jedhu. Keessummoota tokko tokkos “ keessummaa Abrihaam” jechuudhan waamu. Abrihaam biyya deemetti daandii Qaxxaamuraa gubbaaratti Dunkaanii dhaabudhaan keessummaa simachaa osoo jiraatuu gaafa tokko Seexanni hojiisaatti inaafee keessummaan akka gara isaa hin deemne akka godhes barsiifanni mana amantaa Ortodksii Tawaahidoo Itoophiyaa ni agarsiisa. Sababa Kanaan Abrihaam guyyoota afuriif midhaanifi bishaan malee oolee buleera.....Itti fufa.
Odeeffannoo dabalataaf:
Facebook: WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
Telegram: https://t.me/+v2YirxcXHnoxODc0

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa:

Shortcuts

Share