Furee Tv Worldwide

Furee Tv Worldwide fureetvworldwide

 !Tokko si nyaachuufTokko sirraa nyaachuufTokko si wajjin nyaachuufTokko wajjiin si nyaachuufTokkoo si laachuufTokkoo si...
26/08/2026

!
Tokko si nyaachuuf
Tokko sirraa nyaachuuf
Tokko si wajjin nyaachuuf
Tokko wajjiin si nyaachuuf
Tokkoo si laachuuf
Tokkoo sii laachuuf
Tokko si maraachuuf
Tokko si bareechuuf
Si Naanna'anii dhaabbachaa jiruum!

 Furee Tv Worldwide
25/08/2026


Furee Tv Worldwide

  Israa'eloonni dachaa Mo'aabitti guyyaa soddoma Museedhaaf in gaddan, kana booddee yeroon boo'ichaa fi gaddaa in raawwa...
23/08/2026



Israa'eloonni dachaa Mo'aabitti guyyaa soddoma Museedhaaf in gaddan, kana booddee yeroon boo'ichaa fi gaddaa in raawwatame.. Kede 34:8
Waldaa Kristiyaana Furee Dhalootaa Duukam
Furee Tv Worldwide

  Addunyaa kana irraa akka qorannoon agarsiisutti guyyaatti namni 200,000 hanga 300,000 gara du'aa akka adeeman ni beekt...
22/08/2026



Addunyaa kana irraa akka qorannoon agarsiisutti guyyaatti namni 200,000 hanga 300,000 gara du'aa akka adeeman ni beektaa? Tarii haala mijataa waan dhabaniifi jechuu dandeessa. Isayyuu sababiin du'aa isaanii kaan konkolaataa isaaniitiin, kaan xiyyaara isaaniitiin, kaan bashannana irra utuu jiranii, kaan seexanni waan isaan barbaadan kenneefii nagaa harkaa fudhatee akka isaan of ajjeesan gochuudhaan, sukkaaraan, baay'ina coomaan, dhiibbaa dhiigaan, taayitaan, dhiphina humnaa olii waayee qabeenya isaanii yaaduu irraa kan ka'e du'aa oolu. Waan jireenya fakkaatu hin jiru. Warra du'an irra qajeelummaan, ciminaan, ogummaan, caallee as jirra miti, akka jiraannu Waaqayyootu barbaade malee. Galateeffadhu! Ati warra du'an irra waan caaltuuf jirta miti akka ati jiraattu Waaqayyotu eeyyame malee! Siif jireenya kenne. Waan barbaade haata'u jiraachuun in caala. Yaaqoob yeroo ilmaan isaa gibxii galanii Yoseef ilmi kee gibxii irratti muummee ministeeraa ta'ee jira yeroo jedhan waan barbaadettuu haa jiraatu fayyaatti jiraachuun isaa waan guddaadha jedhe.
Israa'el yommus, “Yoseef ilmi koo fayyaa jiraachuun isaa na ga'a, ani utuun hin du'in dhaqee isa nan arga” jedhe.. Uum 45:28

Obboloota koo waan itti jirru hamma ijji hafuura keenya banamee arginittu guungummii keessaa hin baanu, gaafa sana garuu jireenya qofaatti gammaduu eegalla. Lubbuun jiraachuu kennaa guddaa Waaqayyo nama jaallatuuf kennedha. Har'a arguu yaadee utuu hin argiin galgala edaa kan rafee hin ka'iin bule danuudha. Utuu jiraachuu hawwuu du'aan kan mo'amee deemes lakkoofsa hin qabu! Jireenya haalotatti hin madaaliin!
Tulluu nagaa fi gammachuu hin qabne irra dachaa Waaqayyo wajjiiniitu hiika jireenyaati. Waaqayyo nama wal hin caalchisu kaaniif jireenya, kaaniif waan aduu gadii kenna. Kanaafu inni ati qabdu isa ati dhabde irra in caala galateeffadhu.
Garuu warra jiraatan gidduu kan jiraatu abdii qaba; leenca du'e irra saree jiru wayya.. Lal 9:4
Jiraachuun kee sin gammachisu yoo ta'e, waan jireenyaaf barbaaddu yoo argatte illee hin sin sugeessu. Baga jiraatte jiraachuun kee in caala galateeffadhu!
Furee Tv Worldwide
Koorsaa Addunyaa

  !✅Waaree Dura Sagantaa Waaqeffannaa Idilee✅Waaree Booda Leenjii Dargaggootaa Marsaa 7ffaaFuree Tv Worldwide Koorsaa Ad...
22/08/2026


!
✅Waaree Dura Sagantaa Waaqeffannaa Idilee
✅Waaree Booda Leenjii Dargaggootaa Marsaa 7ffaa
Furee Tv Worldwide
Koorsaa Addunyaa

  Waan ani jireenya koo keessatti dinqisiifadhu maal akka ta'e beektaa?  Warri Waaqayyo hin jiru jedhan jiraachuu isaani...
21/08/2026



Waan ani jireenya koo keessatti dinqisiifadhu maal akka ta'e beektaa? Warri Waaqayyo hin jiru jedhan jiraachuu isaanii. Biyya lafaa qajeelonni irra jiraachuu dadhaban kana irra jalloonni nagaatti jiraatu. Sababii kana irraa kan ka'e namoonni Waaqayyo haala koo hin beeku, quba hin qabu, waanan keessa darbaa jiru kana gonkumaa hin hubatu jedhan heddummataniiru. Ilaalchi kun immoo Waaqayyo takkaa uumama uumeera amma garuu dhimma itti hin qabu isa jedhutti geessa.
Gareen lama addunyaa kana irraa waayee Waaqayyo irratti rakkoo qabu.
1ffaan jalloota ykn gowwoota yaadni garaa isaanii hamminaan manca'e jallina yaadni garaa isaanii isaan ajaje raawwachuuf Waaqayyo hin jiru jedhanii of amansiisanii warra jiraatanidha.
2ffaan immoo utuu jiraachuu Waaqayyoo beekwnii yeroo muddaman ilaalcha isaan waayee Waaqayyo irratti qaban shakkii keessa isaan galcha.
Walumaa galatti addunyaa kana irraa dhibba keessaa 67% waayee Waaqayyo irratti rakkoo akka qaban ragaan ni ibsa.

Dhibba keessaa 25% waayeemti Waaqayyo wal na jalaa rukuta naaf hin galuu kan jedhanidha. Waayee isaa hiika itti kennuuf nan rakkadha, naaf hin galu jedhu.
Dhibba keessaa 16% immoo waayee rakkinaa fi haala koo qofaan yaada malee waayee Waaqayyo hin yaadu jedhu. Akkamitti akkan haalaa fi rakkina koo keessaa bahun yaada malee waayee Waaqayyo hin yaadu jedhu. Yaadni isaanii haalota isaanii irra ta'a.
Dhibba keessaa 11% immoo Waaqayyo haala amma ani keessa darbaa jiru kana yoo quba qabaate na dinqa jedhu. Quba hin qabu hin beekuu, utuu beekee an kana keessa hin darbu, biyyi lafaa silaa akkas hin ta'uu inni quba hin qabu jedhu!
Dhibba keessaa 7% kan ta'an jiraachuu Waaqayyo nan shakka jedhu. Akkuma Waaqayyo jiruu iyyuu na shakkisiisa. Sila rakkinnii fi jallinni hamma kana gahu hin dhufu jedhu.
Dhibba keessaa 5% immoo Waaqayyomatti na aarsa, utuuman ijaan arge silaa waanan godhu beeka jedhanii itti dhaadatu.
Dhibba keessaa 3% immoo itti na dallansa garuu waanan godhu hin qabu, hojiin inni hojjetu illee sirrii miti gatuu homaa hin godhu garee jedhanidha.
Dhibba keessaa 33% immoo haalonni hammaachuun hammaa ol akkan Waaqayyotti maxxanu na taasisaa jedhanii ilalacha gaarii Waayee Waaqayyoof qaban ibsu.
Dhibba keessaa 67% waayee Waaqayyo ilaalcha gaarii hin qabani.
Dhibba keessaa 33% ilaalcha gaarii qabu.

Obboloota koo gola jireenyaa Waaqayyo hin beekne hin jiru. Rakkinnii fi qorumsi kam illee jiraachuu Waaqayyo nu shakkisiisuu hin qabu. Taaten guyyaa guyyaan jallootaan ta'u marti Waaqayyo duratti mul'ataadha.
Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.. Iyob 23:20

Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala; hundinuu karaa irraa goraniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru, namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru.. Far 24:1-3
Waaqayyo jira jiraachuun isaas dhugaadha, haala keenyas quba qaba.Page kana follow, share gochuu hin dagatiinaa!
Furee Tv Worldwide
Koorsaa Addunyaa

  Addunyaa kana wiirtuuwwan ishee eenyutu qabatee jiraa? Wiirtuu qaroominaa, wiirtuu tekinoloojii, wiirtuu keessoo dhala...
19/08/2026



Addunyaa kana wiirtuuwwan ishee eenyutu qabatee jiraa? Wiirtuu qaroominaa, wiirtuu tekinoloojii, wiirtuu keessoo dhala namaa ol ka'insa isaa maaltuu seerratee akka jiru sitti ni mul'ataa? Fiixeewwan gaara barbaachisoo addunyaa kanaa to'annoo ofii isaa jala galchee kan jiruu fi of jala galchaa kan jiru waan faallaa Waaqayyo ta'ee fi waan ulfina Waaqayyoof hin malle ta'uun isaa mul'ataadha. Suuta suuta waan gaariin haphachaa akka jiru ta'uun isaa hammam biyyi lafaa umurii ishee akka fixatte agarsiisa. Seenaa gabaabaa dhugaa ta'ee fi dubbii Waaqayyo waliin wal qabsiiseen biyyi, dhaabbanni, namni fi waldaan Waaqayyoof iddoo hin qabne maal akka fakkaattu xiqqon isinif kataba.
Dubartiin Biraazil tokko ijoollee ishee durbaa bashannana deemuuf hiriyyoota isaanii waliin konkolaataadhaan ba’aa jiraniin harka ishee gara isaaniitti raasuun “Ijoollee ko egaa Waaqayyo isin waliin haa ta’u” isaaniim jennaan isaan keessa ishiin tokko “Harmee ko konkolaataan guutuu waan ta’eef ” jette. Ergasii Kiilo Meetira muraasa erga deemanii booda konkolaataan sun bifi isaa wallaalamuutti gaggaragaluun hundii isaanii achi keessatti dhuman.
Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e; angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii (no room for them) waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite... Luq 2:6-7

Seenaawwan armaan olii lammanuu beekamoodha. Namoonni baay'een waan Waaqayyo isaaniif kenneen Waaqayyoof iddoo dhabani. Dhaloonni hedduun har'a iyyuu waan hedduuf laphee isaa keessatti bakka Waaqeffannaa ijaareera. Waaqayyoof iddoo hin qabu. Yesus Waaqa irraa iddoo nuuf kennuuf gara biyya lafaa dhufe. Yeroo muraasaaf fooniin nu bira buufachuu yeroo dhufe garuu iddoo hin arganne. Mootii Waaqaa fi lafaatu mooraa loonii keessa bule. Inni lafa isa ofii isaa uume irraa iddoo dhabe ofii isaa keessa immoo iddoo nuuf kenne. Jireenyi nama baay'ee Waaqayyoof iddoo hin qabu jechaa waan oolu natti fakkaata. Kanaafuu yesus gabatee horiin irraa nyaatu irra jira.


Hubattee beektaa nama barbaacha namaaf dhufee nama biraa iddoo dhabee mooraa horiitti akka dhalate, akka bule. Manni nama baay'ee cubbuun dukkanaa'aadha, Qorichi dukkanaa garuu bakkeedhaa mooraa horii keessaa ifaa jira. Manni, siyyaasni, gaa'elli, jireenyi hafuuraa, waldaan, dhaabbanni, biyyi fkkf har'uma iyyuu rakkoo keessa jiru. Rakkoon isaas waan tokkicha Waaqayyoof iddoo dhabuudha, furmaanni isaas waan tokkicha Waaqayyoof iddoo kennuudha.
Maaliif humni dukkanaa daran biyya lafaa irratti jabaachaa akka jiru beektaa? Waaqayyotu achii iddoo hin qabu. Qaamni tokko Waaqayyoon iddoo gaafa dhowwatu badisa isaatu dhiyaate.

Isiraa'eloonni gaafa Waaqayyo irraa garagalan lolanii mo'achuutu irraa fagaataa ture.
Saa'ol Waaqayyoof iddoo waan dhabeef Waaqayyoon tuffatamee du'e.
Naanawween (Asoor) Waaqayyoof iddoo dhabuu ishee irraa kan ka'e garagalfamtee badde.
Baabiloon Waaqayyoof iddoo waan dhabdeef kufaatii hamaa kufte.
Yihuudonni yesusiif iddoo dhabuu irraa kan ka'e hammw har'aatti ulee adabaa jalaa bahuu hin dandeenye.
Ergaan koo isiniif galeera, Waaqayyoof iddoo haa laannu, isa simadhaa!
Falli waan fala dhabee waan tokkicha innis Waaqayyoof iddoo kennuudha.
Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.. Mul 3:20
Isa gabatee horiin irraa nyaatu irratti dhalate, gabatee laphee keetti ol galfadhu nagaatti jiraatta!
Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus” in jetti... Fak 1:33
Furee Tv Worldwide
Koorsaa Addunyaa

   Furee Tv Worldwide
18/08/2026



Furee Tv Worldwide

 !Ati akka fardaa fi gaangoowarra waa hin hubannee hin ta'in! Faar 32:9Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki!...
17/08/2026

!
Ati akka fardaa fi gaangoo
warra waa hin hubannee hin ta'in! Faar 32:9
Ati garuu waan hundumaatti gara itti gortu beeki! 2Xim 4:5
Dargaggootaa Marsaa 6ffaa.
!
Furee Tv Worldwide

   ✅Milkaa'insi guddaan Waaqayyo namaa wajjiin ta'uudha!✅Waan barbaadan hunda argatanii Waaqayyo keessa yoo hin jiraanne...
16/08/2026



✅Milkaa'insi guddaan Waaqayyo namaa wajjiin ta'uudha!
✅Waan barbaadan hunda argatanii Waaqayyo keessa yoo hin jiraanne akka lakkoofsa tiriliyoona zeeroodhaan baay'ateeti, bu'aan isaa "0" dha.
✅Jireenyi Waaqayyoon alaa hiika hin kennu!
✅Dhabi guddaan Waaqayyoon dhabuudha.
✅Lafti onaan bakka namni hin jirre miti bakka Waaqayyo hin jirredha.
✅Hiyyumni saantima dhabuu miti Waaqayyoon dhabuudha.
✅Qobummaan nama malee miti Waaqayyoon maleedha.
✅Kan Waaqayyo ta'uun keenya Waaqayyo nu wajjiin ta'uun beekama malee waan barbaannu argachuun miti.
✅Ba 33 irratti Waaqayyo Musee fi saba isiraa'eliif isa isaan barbaacha bahan akka kennuuf waadaa galeef
1ffaan kakuu abboota keessanii isiifan keena, in dhaaltu jedheen.
2ffaan ergaamaa koo isin duran erga jedheen.
3ffaan diinota kee hundumaa si duraan arii'a kakuu jedhudha. Kun oduu gaariidha!

👉Garuu an isinii wajjiin hin jiru isin mata jabeessa isinan fixa jedheen.
✅Museen garuu waan isiniifan godha jette hundumaa nu dhowwadhuuti ati nu wajjiin ta'i jedhe.
✅Sabichis deemsa ati keessa hin jirre hin deemnu jechuudhaan gadda irraa kan ka'e uffata miidhaginaa of irraa baasanii gadda taa'an.
✅Gaddi, boo'ichi, miidhamni dhuguma gaafa Waaqayyo nama irraa adda bahudha.
✅Abishaalom Mana mootummaa abbaa isaa Daawit keessa utuu jiruu ija isaa utuu hin argiin waggaa lama erga jiraatee booda ija abbaa koo arguun qaba, yoo na ajjeeses naan haa ajjeesu isa argeen du'a jedhe, waantota barbaachisaa mana mootummaa hundumaa argateera, garuu abbaa isaa dhabe.
✅Daawitis dogoggoraan saba gaafa lakkaa'e dheekkamsi Waaqayyo gaafa boba'e ati na adabi siin naaf wayya jedhe.
✅Namoonni baayeen waan barbaadan argannaan dhimma Waaqayyo hin qabani.
✅Abishaalom garuu nyaataa fi dhugaatii caalaa abbaa isaa barbade!
✅Amantoonni hedduun Okkotee baatee waldaa oola, Waaqayyo garuu yaa'aa bishaan jiraata sana keessa keenyatti baneera.
✅Helloo! Maggallaxii guddaan dhaqii abbaa manaa kee waami! Abbaa manaa shan qabda turte, jahaffaa wajjiin jirta kan jedhu miti, bishaanicha dhugi lammaffa hin dheebottu kan jedhudha malee!
✅Abboo Okkotee guurtanii waldaa hin dhaqiinaa yaa'aa bishaan jiraataa garaa keessaa qabduu isa hubadha deebitanii hin dheebottanii.
✅Waaqayyoon dhabuun keenya qabeenya hedduu nu dhabsiise.
✅Dhaloota akka Musee warra aannanii fi damma irra ija kaasee aannanii fi damma isa kennuu Waaqayyo irra ija kaa'atu nuuf haa oomishu!

Museen deebisee, “Ati ofii keetii nuu wajjin hin adeemtu yoo ta'e asii nu hin baasin! Ati ofii keetii yoo nuu wajjin adeemte malee ani, sabni kees si duratti faara tolaadhaan ilaalamuun keenya attamitti beekama? Anii fi sabni kee saba warra kaan irraa garaagara ta'uun keenya ati nuu wajjin adeemuu keetiin beekama mitii ree?” jedhe... Ba 33:15-16
Abiishaalom deebisee Yo'aabiin, “Kunoo, ani akka ati ana bira dhuftee, mooticha bira dhaqxee, ‘Abiishaalom:- Geshuurii maaliifan dhufe? Hamma ammaatti achi utuun jiraadhee anaaf wayya ture jedha’ jettee mooticha akka anaaf gaafattuufan sitti ergadhe; ani amma mooticha arguu nan barbaada; yakkan qaba yoon ta'e inni ana haa ajjeesu!” jedhe.1Sam 14:32

👉Eebbi Waaqayyoon alaa abaarsa!
👉Jireenyi Waaqayyoon alaas du'a!
👉Gammachuun Waaqayyoon alaa soba.
Milkaa'insi waan barbaadan hunda argachuu miti, isa barbaachisaa Waaqayyo namaa wajjiin ta'uudha malee!
✅Waldaa Kristiyaana Furee Dhalootaattii Barumsa Dilbata Ganamaa Irraa kan Fudhatame.

Furee Tv Worldwide
Koorsaa Addunyaa

Address

Dukem
DUKEM

Telephone

+251917145489

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Furee Tv Worldwide posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Furee Tv Worldwide:

Shortcuts

Share