Christ Witness Fellowship

Big thanks toSenyicho Daba, Gammee Yesuus, Iyasu Yadeta Tasisa, Sennaa Misganaa, Lelo Lema, Diriba Digafe, Tokuma Diriba...
02/02/2026

Big thanks to

Senyicho Daba, Gammee Yesuus, Iyasu Yadeta Tasisa, Sennaa Misganaa, Lelo Lema, Diriba Digafe, Tokuma Diriba, Gamachis Mark, Dawit Zawude Baisa

for all your support! Congrats for being top fans on a streak 🔥!

  duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.  bara isa dhumaa kanatti...
05/12/2025

duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.
bara isa dhumaa kanatti immoo isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.
ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.
Gara Ibrootaa 1:1-3

04/11/2025

Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo isa arguu dhaabaattan iyyuu, isatti in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin dubbatamnee fi gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu.
Fayyina lubbuu keessanii, isa amantiin keessan bira ga'uudhaaf akeekkachaa jiru argachuuttis in gammaddu.
1Phexros 1:8-9

Ibr 7 1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼu...
27/10/2025

Ibr 7
1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise; 2 Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha. 3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata.
4 Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa! 5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja. 6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise. 7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu. 8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama. 9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama; 10 Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
Yesuus Akka Malkiiseedeqiiti
11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii. 12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii. 13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille. 14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne. 15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa; 16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe. 17 Waaʼee isaas,
“Akkuma sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti”*
jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii.
18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera. 19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan; 21 inni garuu yeroo Waaqni,
“Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’
jedhee kakateera;
inni yaada isaa hin geeddaruӠ
isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe. 22 Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan; 24 Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. 25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. 27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii. 28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda.

Garee warra Fariisotaa keessaa amantoota kan ta'an tokko ka'anii, “Dhagna qabachuudhaaf seera Museen kenne eeguu isaan b...
24/10/2025

Garee warra Fariisotaa keessaa amantoota kan ta'an tokko ka'anii, “Dhagna qabachuudhaaf seera Museen kenne eeguu isaan barsiisuu in barbaachisa” jedhan. Kanaaf ergamoonnii fi jaarsoliin dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman. Yeroo dheeraa erga irratti dudubbatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka'ee, “Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta'in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga'anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo'e, ba'eessa gootanii in beektu. Waaqayyo inni garaa namaa beeku, hafuura qulqulluu nuufis immoo akkuma kenne, isaaniif kennuu isaatiin, isaan simachuu isaa mul'iseera.
Inni amantiidhaan garaa isaanii qulleesse malee, nuu fi isaan gidduutti garaagarummaa hin argisiifne. Amma'oo ba'aa abboonni keenya, nuyis baachuu hin dandeenye, gatiittii amantootaa irra kaa'uudhaan maaliif Waaqayyoon qortu? Nuyi garuu ayyaana gooftaa keenyaa Yesusiin fayyuu keenya in amananna; isaan immoo akkuma kanatti in fayyu” jedheen.
Hojii Ergamootaa 15:5-11

18/10/2025

Wanta dubbannu keessaa, “Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna” isa jedhutu hunduma irra caala.
Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta.
Angafa lubootaa kan ta'e hundinuu kennaa fi aarsaa dhi'eessuudhaaf hojii irra in dhaabama; kanaaf inni kunis immoo waan dhi'eessu qabaachuun isaaf in barbaachisa.
Luboonni akka seerichaatti kennaa dhi'eessan waan jiraniif, inni utuu fooniin biyya lafaa irra jiraatee iyyuu luba akka isaanii hin ta'u ture.
Isaan godoo isa akka gaadidduu isa waaqa irraatti garagalfame sana keessatti in hojjetu; fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Museetti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf ka'etti Waaqayyo, “Ammas waan hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjettuuf akeekkadhu!” ittiin jedhe.
Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala.
Ibroota 8:1-6

Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argam...
16/10/2025

Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.
Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.
1Yohannis 5:11-12

03/10/2025

Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera.
Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa.
Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.
Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.
Tiitoos 2:11-14

11/07/2025
22/05/2025

Now

Highlight

10/05/2025

“Namni dorgeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana.”
— 1Qor. 9:25

03/05/2025

Address

Dukem

Opening Hours

08:00 - 22:00

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Christ Witness Fellowship posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share