26/07/2026
βAni Kiristiyaanadha !
β
βHimni ijoon kun sagaleesaa daa'imummaa isa akka dammaa miyaa'u sanaan guyyaa har'aa kana Daa'miticha Qulq. Qiirqoosiin dubbatame.
β
βYeroo tokko qofa osoo hin taane irra deddeebiyamee. Akkuma laayyootti namootaafi bakka baratamaatti osoo hin taane, Bakka ajjeefamuuf loltootaan marfamee jirutti malee. Bakka Mootiin dheekkamsaan ijasaa diimessee tuffiifi dhaadannoo ajjeechaan ifataa jirutti malee.
βBakka duuti durasaa dhaabbatee sekondiin lakka'amaa jirutti, Bishaannis danfee, Summiiwwaniifi Asiidiiwwaan yeroo muraasa gidduutti qaama namaa cicciranii balleessuu danda'anis addunyaarraa barbaadamanii fidamuun bishaan danfifamee sanaan wal makamanii jiranitti. Kun hundumtuu kiristiyaanotni danuun gorra'amanii, kaanis jumlaan ajjeefamanii, Daa'imtichi Qiirqoosiifi Haatisaa Iyyeluuxaan garuu qabamanii kiristiyaanummaa waan jedhamu akka dhiisaniif kana hundumaan doorsifamaa jiru. Daa'imti kun garuu sagaleesaa ol-fudhatee 'Ani Kiristiyaanadha*3' jechuun, warroota ajjeesuuf qophaa'an dura dhaabbatee itti lallabe.
β
βHaatisaallee Bishaanicha arguum sodaattee turte, daa'imti kun garuu Haadhasaaf kadhatee Hafuura Qulqulluun guutamtee akkasheen jajjabaattu godhe. Jajjabeessaa Hafuura Qulqulluun guutamanii Dhugaafi ija-jabinaan amantaasaanii lallabuun Bishaan Danfaafi Summaawaa sanatti darbataman. Ariifataafi Dafee qaqqabaan Qulqullichi Gabri'eeliinis isaan oolchuun gonfoo Wareegamummaa fudhachuun tarree qulqullootaa hiriiruu danda'aniiru.
β
βNutimmoo har'a baay'een amantoota keenyaa beekamtii xiqqoo yoo arganne, kaameraa durattiyuu Fannoo keenya gara duubaatti naanneessina, ykn dursinee ofittii baasna. Fannoo kaa'achuufi Kiristiyaana jedhamuun akka waan nama qaaneessuutti. isaan kun miyaa'inaafi gatii kiristiyaanummaa warra hin galleefiidha.
β
βKaan keenyammoo, Bilbila jijijjiiruun(Sumsung, iphone..) Bataskaanaafi Ayyaana deemnu hundumaatti Fotoo ka'aa oolla. fotoo yaadannoof ka'uun gaariidhuma. garuu kankeenya akkas ta'aa hin jiru. waltajjiirraa sagalee Waaqayyoo isa hundumaan oliitu barsiifama, nutimmoo fotoo kaana yoo ta'e, osoo kadhatamuu waa'ee fotoo ka'uufi eenyuu waliin ka'uu yaanna yoo ta'e, waa'ema 'post, Comment, share...like' yaanna yoo ta'e, Nuti kiristiyaanummaan nurkaa badeera jechuudha. kun hoffaa(duwwaa) ta'uudha.
β
βkiristiyaanummaan qoosaa miti gatii hedduudhaan nu qaqqabe, ittiin jiraachuu keenyaafis gatii tilmaama hin qabne itti argachuuf jirra. gatiin kunis biyyi lafaa osoo hin uumamin ishee ilmaan namootaaf qophoofte Mootummaa Waaqayyooti. Iji keenya yeroo hundumaa calaqqisa Addunyaa ishee darbituufi Nuufimmoo gaddaafi gadadoo malee kanbiraa nuuf qopheessuu hin beekne kanaan osoo hin burjaaja'in; Dhugaafi Hafuuraan galma keenya ishee galgalaa sana Yaaduu qabna. ammas nan jedhaa, "Dhugaafi Hafuuraan."
βWaaqayyo hubannaasaa nuuf haa laatu!
β
βAni Kiristiyaanadha.
β
βEebbi, Sugniifi Kadhannaan isaanii, Eegumsaan Ergamaa guddichaa Qulq. Gabri'eelii nu waliin haa ta'u !
β
Deacon Isiak Bekele