01/09/2026
Har'aa fi borii keessan bareechuuf qophooftanii, egeree keessaniif maatii keessaniif ta'u abjoottanii, waggoota 12 guutuu addunyaa barnootaa keessatti dabarsaa turtanii, ammas addunyaa barnootaa keessatti boqonnaa haaraa eegaluuf qorumsa biyyoolessaa kutaa kudha lamaa(12) milkiin kan goolabdaan, mooraa deemtan filachuurratti kanneen argamtanif, waa'ee mooraa Dirre Dhawaa university fi haalota achi jiru ifa isiniif gochuu jaallanne!
Yuniversitiin Dire Dawaa iddoo itti beekumsaan ijaaramtan, guddina dhuunfaafis ta'e eebba boruutiif bu'uura jabeessitanidha. Magaalaa bareedduu fi jaalatamtuu tti dhufaa jirtu; odeeffannoo barbaachisaa kunoo hubadhaa:
• ☀️ Haala Qilleensaa:
• Qilleensi Dire Dawaa yeroo baay'ee ho'aa yoo ta'ees, saffisaan itti barattanii maatii haaraa waliin jireenya bareedduu eegaluu dandeessu.
•
• 🛣️ Fageenyaa fi Geejjiba: Finfinnee irraa fageenya naannoo 515 km irratti kan argamtu yoo ta'u; Baabura, konkolaataa (Bus) fi xiyyaaraanillee tajaajila geejjibaaf filannoo bal'aa qabdu.
•
• 💰 Jireenya Barataaf Mijaawaa: Baasiin jireenyaa, nyaataa fi gatiin uffataa iddoowwan biroo irraa rakasa ta'uun isaa baajata keessan irratti ulfaatina hin qabu. Kun immoo tasgabbiidhaan akka barattan isiin dandeessisa.
baasiin uffataa 35%-40 discount ta'uun isaa filannoo barattoota hedduuf sababa.
🏛️ Dameewwan Barnootaa Yuunivarsichaa:
Yuunivarsiitiin Diiree Dhawaa (2nd Generation) koollejjoota fi institiyuutiwwan gurguddoo armaan gadii qaba:
1. Institute of Technology (IoT)
↔️Architecture
↔️Chemical Engineering
↔️Civil Engineering
↔️Computer Science
↔️Construction Technology & Management
↔️Electrical & Computer Engineering
↔️Fashion Design
↔️Food Engineering
↔️Industrial Engineering
↔️Information Technolog
↔️Mechanical Engineering
↔️Software Engineering
↔️Surveying Engineering
↔️Textile Engineering
↕️Land & Real Property Valuation
2. College of Business & Economics (CBE)
↔️Accounting & Finance
↔️Banking & Finance
↔️Economics
↔️Logistics & Supply Chain,management
↔️ School of Management
↔️Marketing Management
↔️Public Administration & Development Management
3. School of Law Department of Law (LLB & LLM Programs
4. College of Natural & Computational Sciences (CNCS)
↔️Biology
↔️Chemistry
↔️Geology
↔️Mathematics
↔️Physics
↔️Sport Science
↔️Statistics
5. College of Social Sciences & Humanities (CSSH)Afan Oromo & Literature
↔️Amharic Language & Literature
↔️Civics & Ethical Studies
↔️English Language & Literature
↔️Geography & Environmental Studies
↔️History & Heritage Management
↔️Journalism & Communication
↔️Political science and International relations
↔️Psychology
↔️Sociology
↔️Somali Language & Literature
6. College of Medicine & Health Sciences (CMHS)
↔️Anesthesia
↔️Nursing
↔️Medical Laboratory Science
↔️Medicine (School of Medicine)
↔️Midwifery
↔️Nursing
↔️Psychiatric Nursing
🤝 Kophummaa Hin Qabdan! Addumaan (FOCUS DDUFELLOWSHIP) kan Afaan oromootiin Waaqeffatan harka ballisanii isin eegaa jiru!
Isin barattoota haaraa gara mooraa Yuniversiti Dire Dawaa seenuu feetan hundaaf, Tokkuummaan barattootaa lafa kana jiru(FOCUS DDU FELLOWSHIPiin) simannaa ho'aa, kabajaa fi obbolummaa guutuu qabu Isiniitti agarsiisuuf qophaa'eera. Bakka haaraa deemtanitti kophaa keessan akka hin taane, maatiin fi obboleeyyan keessan lafa kana jiran qopha'anii isin eegaa jiru!
Maarree Karaa nagaan akka dhuftan! Moora kana filannoo keessan akka taasifattan Hawwiif abdii keenya!
FOCUS DDU FELLOWSHIP