23/01/2023
Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu dhiisuun Hin Danda’amu!
👇
Guyyaa kaleessaa fedha Waaqayyoo ta’ee Consertiin tumsa Faarfataa Kabaa Fidoo Haala Baay’ee milkaa’ina Qabuun Waldaa Amantoota Oromoo Finfinnee (WAOF) Gullalleetti gaggeeffameera. Waa’ee Kabaa Waan na Ajaa’ibe tokkotu jira! Kabaan dhalootuma isaatii jalqabee nama Afaan hiikkatee Nama waliin Walii galee Yaadasaa ibsachuuf Rakkatu ture. Arrabnisaa Giingeedha. Nama kam waliin yoo haasa’u Muka rukutee, miila isaatiin lafa dhiitee jecha Tokkittii Afaan isaatii baafata! Yoo Akkas hin godhu ta’e jecha Tokko Afaanii baafachuu hin danda’u. Sababii kanaafis Mana barumsaatti Gaaffii barsiisaan gaafatu Deebisuuf kan rakkatu yoo ta’eyyuu Qormaata dhiyaatu Hunduma isaa Deebisuun daree barnootaa keessatti nama dursaa turedha, barnootatti Cimaa ta’uusaa irraan kan ka’e Kabaan carraa Barnootaa baay’ee argatee ture. Fknf Carraa Baraiisaa ta’uu, barnoota fayyaa barachuuf carraa argatus Haasa’ee nama waliin Walii galuu waan hin dandeenyeef Carraa kanarraa dhorkameera. Filannoo yeroo dhabu Hojii qonnaa hojjechuun Maatiisaa gargaaruu itti fufe. Kabaan Waamicha Hojii Waaqayyoo Hojjechuus Waan qabuuf Waldaa keessatti Faarfataa Cimaa fi Yeroo inni faarfatu Waaqayyo isaa wajjjn ta’ee Humna Jabaadhaan kan hojjetu, Faarfannaa isaatiin Hidhaa namootaa kan Hiikkatu ta’e! Egaan Kabaan Afaansaa Waaqayyoon Faarfachuuf qofa kan hiikame ta’uu mirkaneeffatee Faarfachuusaa ittuma fufe! Faarfannaasaa keessaa isa “isa giingee hiikee Fiingeetti debbisu” jedhee kan faarfates Kanumaafi. Har’as Kabaan Yeroo Faarfatu qofa Malee Yeroo Haasa’u Afaansaa hiikkatee hin dubbatu! Waaqayyoof safuudha Yeroo faarfatu Jecha Tokkollee hin Dogoggoru! Kanaafi kanan Waaqayyoon Dinqisiifachuu dhiisuun hin danda’amu jedhe!
Qabxiin koo inni ijoon 👇
Namoonni Beekumsa Biyya lafaatiin Cimoo ta’an, haasa’anii namoota Amansiifachuu kan danda’an, Falmii mo’achuu kan danda’an garuu Jecha Tokko dubbatanii Guddummaa Waaqayyoo ibsuuf kan rakkatan, Waaqayyoon Galateffachuuf jechi Afaanitti kan isaan marmu Namoota baay’eetu jiru! Yaa Firoota koo Dandeettii Dubbachuu Qabaachuuf Barumsaa biyya lafaa Baratanii, shaakala gara garaa gochuun in danda’ama! Waaqayyoon Galateeffachuun Garuu Hafuura qulqulluutiin danda’ama! Dubbii Baay’ee fi Abjuu baay’ee keessammoo wanta Waa’ee hin baafne baay’eetu jira👉🏿 Macaafa Lallabaa 5:7
Baay’ee haasa’uu Dadhabuun garuu Waaqayyoon Waaqeffachuu nama hin Dhorku! Faarfataa Kabaatti Wanti biyya lafaa Baay’een Hir’atus Kennaan Barabaraa tokko Waaqarraa isaaf Kennameera! Waaqayyo Haa ulfaatu!
Namoonni Tumsa Isaaf godhame irratti Hirmaattan Eebbifamaa, Tv’n Araaraa Hojii guddaa hojjettan! Gooftaan inni isin isaaf Hojjettan Jireenya Keessan Guddisee haa Eebbisu!