Ba'aal-Pheraazim

Ba'aal-Pheraazim Dhaloota dubbii Waaqayyoo isa jiraataatiin olchuu.

03/06/2026
08/16/2024

nama beekamaa wajjin beekamuuf fiiguu irra hojii sibeeksisu utuu hojjettee.

Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa Yesuus kun kan akka ilma koo kanaa isinitti tolee, kolfa dhugaa kolfitan isiniif haa...
01/07/2023

Ayyaanni Yaadannoo dhaloota Gooftaa Yesuus kun kan akka ilma koo kanaa isinitti tolee, kolfa dhugaa kolfitan isiniif haa ta'u!
Ayyaana itti karaa hundumaan ayyaanomnu hunduma keenyaaf haa ta'u!

Afferamtani Jirtu
02/21/2022

Afferamtani Jirtu

Affeeramtani jirtu!
02/21/2022

Affeeramtani jirtu!

02/11/2022

HUMNA DHIIFAMAA
Yoo dhiifamni hin jiraanne; ammas ganaa wal miina, ganaa wal caccabsina, ganaa wal hirra!Humna dhiifamaa nu barsiisuuf Yoseef fi Yesuus irraa dhoksaa guddaa barra. Yooseef raajota, lubootaa fi mootota bara Kakuu Moofaa jiraatan keessaa wanti adda godhu warra isa miidhaniif dhiifama gochuu isaati. Tajaajiltootni Kakuu Moofaa isa duras isa boodas turan gurguddoon diinota isaanii irratti ofii ijaa ba’anii, Waaqayyos akka ijaa ba’uuf kadhatan. Fakkeenyaaf Museen Israa’eliif ijaa ba’uuf nama Gibxii ajjeese(Bau 2:11-12), Eliyaas ijaa ba’uuf namoota baayyee fixe(1Mot 18:40) Qalbii diddiirrachiisuu irra fixuun ijaa ba’e, Ermiyaas Waaqayyoon ijaa naaf ba’i jedha(Erm 20:12) fi kkf. Yooseef garuu warra isa miidhan irratti ijaa hin baane; Yeroo isaan sodaatanittuu hin sodaatinaa jedheen(Uma 50:15-21). Namaaf dhiifama gochuun Yesuusiin fakkaachuudha. Warra akeeka lubbuu isaa baasuu akeekanitti lubbuu deebise. Dhiifama garaa irraa gochuu isaatiin Waaqayyo obboloota diina isatti ta'an harka isaatti kuffise. Dhiifma gochuun immoo garaa isa Kiristoos qabaachuudha.
ā€œYesuus garuu ā€˜Yaa abbaa waan godhan hin beekani’o isaaniif dhiisi! jedheā€(Luq 23:34). Yesuus warra hamma du’aatti isatti faradaniif warra isa ajjeesaniif araara godhee, araara kadhateef.
Dhiifama gochuun wanta Dhala namaatti ulfaatu yoo ta’e illee Yooseefii fi Yesuus irraa nama nama ajjeeseef illee dhiifama gochuun akka danda’amu barra. Dhiifamni kophaa isaa tajaajila guddaadha. Yooseefiif Yesuus warra isaan miidhan qofaaf utuu hin taane warra du’aaf isaan dararaa jiran utuu of duratti ilaalanii dhiifama godhaniif. Namni Kiristoosiin fakkaatu nama tajaajilu utuu hin taane nama utuu ijaa ba’uu danda’uu dhiifama gochuu danda’uudha.
Bara Keenya jireenya dhiifamaati hin amannetu tajaajilaa ta'ee iddoo aarsaa dhaabata, sabas geggeessa. Kanaaf Waldaa caccabsuun dhiifamni dhibuu isaa irraa kan maddeedha. Warri Waldaa geggeessanii fi nuyi tajaajiltoota jedhan baayyeen dibamneerra, isin dibna, isin dhiqna jechaa Zayitiif bishaan baatanii nama baachisan; xobbummaan Waldaa keessaa baasee bakkeetti Kan hambise humna dhiifamaa wallaaluudha. Waldaan Waldaa irraa cabsatee bahee sagale guddistuu gamaa gamanaa walitti galagalchee diina koo diina koo jedhee kan walitti Faarfannaa, raajummaa fi lallaba fakkeessee wal cagaduuf dhiifamatti amanuu dadhabuudha.
Yoo dhiifamatti amanne karaa nagaan mul'atan qaba jennee, dhuguma mul'atni addaa nuuf dhufnaan jibbaan utuu hin taane jaalalaan baanee Waldaa banuus dandeenya!
Gurguddoota keenya Kan xiqqeesse humna dhiifamaa wallaaluudha. Biyyi keenya umurii jiraannee argine hundatti jeequmsaan kan geggeeffamee namni mana isaa keessa illee nagaan jiraachuu hanga dadhabutti kan geesise dhiifama waliif gochuu dhiisuu fi maqaa dhiifamaan wal sobuudha. Namni ani duuka buutuu Kiristoos jedhu kamuu duraan dursee garaa Kiristoos qaba ture sana qabaachuutu dursa. Mee kottaa sagantaa dhiifamaa qabaannee nama gaddisiifnee fi nutti gadde dhiifama gaafannaa! Yoos dhuguma duuka buutuu Kiristoos fi tajaajilaa isa dhugaa taanaa!
==>Yaa jara keenyaa dhiifama gochuun nu keessa hin jiru yoo ta'e Waaqayyo nu wajjin hin jiru!
Ergaa kana share godhaa warra kaan illee qaqqabsiisaa!
Eebbifamaa
Taarraqaa Abarraa
Sioux Falls, USA

Address

Washington D.C., DC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ba'aal-Pheraazim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share