05/31/2026
¹ Isin warri biyya galaana gidduu keessa jiraattan na dhaggeeffadhaa! Sabni biyya fagoo jirtanis dhaga'aa! Garaa haadha koo keessa utuun jiruu Waaqayyo na waame, utuun hin dhalatinis maqaa na moggaase; ² inni dubbii afaan koo keessaa ba'u akka billaa qaramaa in godhe, gaaddisa harka isaatiinis na golboobe; akka xiyya qaramaa na godhe, mann'ee isaa keessas na kaa'ate. ³ Inni, "Yaa Israa'el, ati garbicha koo ti, ani siin ulfina nan argadha" anaan jedhe; ⁴ ani illee, "Akkasumaanan itti dadhabe, humna koos wanta waa'ee hin baafnetti nan baase" jedheen ture; dhugaa koo garuu Waaqayyo kootu anaaf baasa, gatii koos isatu anaaf kenna.
Rajiicha Isayas 49:1-4,