03/30/2025
Sagantaa Marii Paanaalii Mata Duree “Tajaajila Afaan Oromoo fi Tajaajiltoota Angafoota” jedhuun Baatii tokko dura kanneen Tajaajila Afaan Oromoo keessatti adda dureen qooda fudhachaa turan garuu ammoo lubbuun nu gidduu hin jirre kaasnee waa’ee Tajaajila isaanii fi guca isaan qabsiisaniin Tajaajilli kun bifa akka qabaatu taasisan irratti Kaasnee mari’achaa turreerra.
Seenaan hedduu isaaniis hedduu kan garaa Nama raasu akka ture Yaadi hirmaattotaa ni calaqqisiisa.
Har’as Kutaan Lammaffaa kan geggeeffame yoo ta’u bakka Abbootaa fi Obbolootni Angafootaa turanitti Hojii isaan hojjetanii darban kaasuun mariin paanaalii geggeeffameera. Marii kana irratti kan hirmaatan Qomoos Abbaa Aragaawwi Namoomsaa, Luba Badhaasaa Tolaa, Dn Daani’eel Kabaa, Luba Dr Bafiqaaduu Amantee fi kanneen biroon hirmaachuudhaan Seenaa ture kaasuun Mari’atameera.
Kaayyoon Marii kanaa Abbootaa fi Obboloota Irraanfataman Yaadachuun akkasumas Warren tajaajilarra jiran jajjabeessuu, Seenaa isaaniirraa dhalootni dhufu akka waa baratuuf gochuu irratti kan Xiyyeeffate ture. Mariin paanaalii kun kutaan itti aanu kan itti fufu ta’a.
Sagantaan Kun kan geggeeffame WDB tti kutaa Hordoffii Wiirtuulee biyya Alaa fi WDB Wiirtuu Ameerikaa Kaabaatiin. 03/30/2025