09/15/2026
Waaqayyo akka isaan halkanii fi guyyaa adeemuu danda'aniif, guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura adeemee karaa isaanitti argisiise, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaaniif ibse; akkasitti isaan in geggeesse*. Guyyaa utubaan duumessaa, halkan immoo utubaan ibiddaa fuula jaraa duraa hin dhabamne ture.
Seera Ba'uu 13:21-22
Hiika isaa: Waaqayyo saba Israaʼel kophaa isaanii hin dhiifne. Guyyaa duumessaan, halkan ibiddaan, isaan dura buʼee karaa isaan ittiin adeeman isaan geggeesse.