05/18/2025
π Daqiiqaa 1 Keessatti Wantoota Kanneen Godhuu Dandeessa
β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’
Daqiiqaa 1 keessatti maal gochuu akka dandeenyu beektuu? Mee ilaali, hojii xixiqqoo taβan, mindaa guddaa qaban:
β
1. Suuraa Faatihaa yeroo 5 qara'uu
Yeroo daqiiqaa 1 keessatti ni dandeenya.
Mindaan: 7000 mindaa argachuu ni dandeenya.
β
2. Suuraa Ikhlaasii (Qul Huwallahu Ahad) yeroo 15 dubbisuu
Yeroo xiqqoo keessatti Qur'aana Juuzaa 30 irraa harka 5 akka dubbifameetti galmaa'a.
β
3. Salawaata Nabiyyii Keenya Muhammadi (s.a.w) irratti yeroo 20 buusuu
Kana gochuun: Rabbiin salawaa 200 nuuf deebisa.
β
4. Yeroo 25 jechuun: "Subhanallah, walhamdulillah, walaa ilaaha illallah, wallahu Akbar"
Jechootni kunneen Rabbiin biratti irra jaalatamoo fi mindaa olaanaa qaban.
β
5. Yeroo 50 jechuun: "Subhaanallaahi wa bihamdih, Subhaanallaahil Aziim"
Jechoota arrabarratti salphoo taβan, garuu:
Madaala Rabbiin biratti ulfaataa fi
Jechoota Rabbiin jaalatu keessa jiran.
β
6. Yeroo 100 jechuun: "Astaghfirullah" (Araarama kadhachuu)
Istighfaara gochuun:
Araarama Rabbiin argachuuf
Jannata seenuuf
Qalbii qulqulleessuuf murteessaa dha.
β
7. Harka ol fuudhanii "Yaa Allah!" jechuu
Waaβee keenya Rabbiin kadhachuu, fedhii, rakkoo fi hawwii keenya sirnaan dhiheessuu.
πΏ Dabalataan: Wantoota Daqiiqaa 1 keessatti Hojii irra oolchuu dandeenyu
β
8. Yeroo 33 jechuun: "Laa hawla walaa quwwata illa billah"
Jecha Jannataa keessaa tokko.
Dhiphina keessaa ba'uuf, dandeettii fi humna Rabbi irraa qofa akka ta'e ni mul'isa.
β
9. Tafakkur β yaada gara Rabbii fuudhuu
Jireenya keenya, niβmoota, fi hin dhumne kan Rabbiin nuuf kennee ilaalchisee xiyyeeffannaa qalbii guutuu waliin yaaduu.
β
10. Du'aayi gabaabaa ol kaasuu
Fakkeenyaaf: βYaa Rabbii! Na araarami, na qajeelchi, qabeenya koo fi maatii koo na eebbisi.β
β
11. Nama tokko gammachiisuu
Jecha salphaa, βRabbi si haa araaramu!β ykn βJannata si haa argamsiisu!β
Gammachuu nama biraa banuun, rahmata Rabbi irraa hin fagaattu.
π Yaadadhu:
Obboleewwan Muslimaa, haala keessa jirru haa hubannu. Umrii keenya jechuun buβaa idaβama sekondii fi daqiiqaawwanii dha. Yoo kana seeraan itti fayyadamne, jireenya keenya keessatti buβaa fida.
π°οΈ Rabbiin guyyaa tokko keessatti sekondii 86,400 nuuf kennee jira.
Mee waan laakkawamee hin dhumne irraa sekondii 1 qofa fudhannee:
π£οΈ βALHAMDULILLAHβ β jechuun galata haa galchinuu!
π€²π½ Xumura irratti:
Mee barreeffama kana erga dubbistanii booda waliif share godhaa β obboleeyyan keenyas qooda haa fudhatan!
ALHAMDULILLAAH! RABBII KEENYA GALATAAN ISAA BAAYβEE!