04/10/2020
Madaan keessan deebi’ee hinfayya (Isaayaas 58:8)
Nagaan gooftaa keeenya yesuus kristoos inni sammu dhala namaan ol ta’ee hunduma keessanii wajjin haata’u.
Biyyi lafaa nuti keessa jiraannu kun ,baraa gara baraatti,guyyaadha gara guyyaatti madaanshee ballacha rakinniif baa’aan itti ulfaacha, jireenya gaffiin guutee wajjin wallansoo walqaba akka turttee fi akka jirtu ijaa keenya duraa dhokataa mitii. Sagaleen waaqayyo umaminni hundinuu rakina kessa akka jiru, furmaata rakina isaatifis ciniinsuu guddaa dhaan ijollee waaqayyoo eegata akka jiru nutti dubata.(Rome 8:19).
Harra dargagessi fi dargageettein, beekafi wallallan, ijoolleef naminni guddan ,warri biyyaa bulchan,Warri dhabille amantaa gageessan, warri dhaabbilee fayya kessa hojetaniif gaggeessan, inni barateef inni hinbarattin inni beekaaf inni wallaalaan walansoo hundee gaafii jireenya ( The fundamental quest of life) jalatti kufee akka jiru hin argina. Yaalii dhaaf dhama’insa dhalinama gaafi namaaf deebii kennu dhaaf guyyaadha gara gara guyyaatti godhu kan galateefachisu yoota’eyyuu , garuu madaa jireenya dhala namaa boosissaa jiruuf deebii guuttu kan kenne yookaan hundee rakina isaa bira ga’ee kan hiika kennneef hinjiru.
Waggaa kumalama fuula dura iyessus waaqata’ee utuu jiruu gaafii deebi dhabee fi jireenya hiika dhabef furmaata kennuudhaaf milisaa biyya lafaa kanana irra ajete.Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera” jedhe*.(yoohanis16:33).
Egaa waaqayyo dhalnama ba’aan itti ulfaatee,waraansi jireenya guyyaadha gara guyaatti iratti walgeedaruudhan madeesse kana caljedhee ilaaluu hin barbaanne. Deebii gaafi dhala nama fudhatee gara nama dhufe furmaata jireenya isarraa akka fudhataniifis waamicha godheef male.kan-dadhabddan,karra garaa gaara yaaltani gaafii lubbudhaaf foon keessanitiif deebii ga’aa kan dhabddan,ba’aan jireenya kanisinitti ulfaatte, nama isinirra fudhus kan-dhabddan, gara koo kotta ani gaafii jireeny keessanii isa baayyee olfagaatu, isa baayyee gaddheeratu, Issa baayyee baallatub eenyulle bira ga’ee deebisuu kan hin dandeenye kana siffan deebissa, sin boqochiissa, jedheetu waamicha utuu inni godhuu argina( Matt 11:28).
Madaa biyya lafaa madaa isaatii fayyise (Isaayaas 53:5).Abaarsaafi cubbu biyyi lafaa wallansoo ittin Walqabaa turtte fuudhee ofii isaaraa kaa’uu dhan, fanno gubbaa irratti raraafamuudhan raawatameera jedhe labsii birmadumma biyya lafaa Ishee garbummaa cubbuufi, garbummaa mootumma dukana jalaturtte raawatameera jechuudhan(it is finished) labsii bilisumma labsse. Dhala nama wagaa dheera dhaaf harkka garbumma cubuu, abaarssa fi huminna seexsana jala ture birmaduu baasu dhaan gaafi bara dheradhaaf deebii malee turetti deebii kenne.Inni kun biyya lafaa jeeqama jirtu kanaaf oduu gamachiisaa dha(good news).
Egaa gidduu kana dhiphina gooftaa keenya yessus kristoos yeroo yadanu.wan gurguddaa sadii qalbeefachuun garridha.
1. gaafiin dhala nama karaa gooftaa keenya yesuus kristoos deebi’argatera. Harra gaafii fooni, gaafii afuura kanqabddan yoo jiratan deebinsaa fanno kristoos jala jira
2. Seexanni moa’ameera. Diini keenya nuloluu danda’a garuu mo’a -maadha nu’i diina mo’amaa malee diina mo’aa hinqabinnu.seexanafi hojiin seexana warra dhiiga yesuusiin lamaffa dhalatan irratti aboo qabachuu hindanda’u
3. Afuurri sodaa ca’abe’eera. Sagaleen waaqayyo ergii yesuus du’aa ka’ee ergamoonni warra yihuudotaa sodaaatanii balabala cufatanii utuu taa’anii dhaqeetu nagga irratti labsse. Harra biyyi lafaa COVD-19 sodaachuudha manashee cufaatte jirtu irratti huminn ngaa kristoos( the power of the peace of Christ) olittiseenee afuura sodaa haacabssu.
Egaa Jaalatamo obbo lootako, yeroo dhiphina gooftaa keenya Iyesus kiristoos isa bara 2020 kana yaadannu, gaafii keenya hundumaaf kristoos deebii ta’uu isaa beenne, diinni amajaajiin inni nubalessuu barbaadu mo’amuusa hubannee, sodaa tokko malee afuura ngaadhaaf gamachuun guuteen waaqayyon dura akka turttan kadhata kooti.
Waaqayyo madaa biyya lafaa hinfayisa (Isaayaas 58:8).
Eebifama
Gudeta-pastor