15/05/2025
🔈AAGA DHAGAHAA🔈
''Faarfannaa Haaaraadhaan Waaqayyoon Faarfadhaa!!''
~ Isa42:10
✔️Ergaa missiiraachoo; Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti faarfattoota Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddicha fi Kolleejjiiwanii-YMMGK tiin kan qophaa'e Faarfannaawwan MKOTI Haaraa Sadii eebbisuuf qophiin hundi xumuramee isin eegaa jirra.
✝️ YMMGK (Xoofoo Sillaasee), bara 1997 irraa eegalee umurii isaa waggaa 20 keessatti hojiiwwan hedduu egeree mana kiristaanaaf wabii ta'an hojjechaa kan ture yoo ta'u, bara 2011 irraa kaasee karaa Channel Telegram 'Caffee Mooraa Jimmaa ()" tajaajila bal'aa kennaa kan ture; kana dura kitaabolee lama, ''Kiristaanummaa Gochaa'' fi "Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis fi Hojiiwwan Isaa" hiikuun kan maxxansiise, ammas akka fedhaa fi hayyama Waaqayyootti tajaajila haaraadhaan ergaa missiraachoo isiniif qabatee dhufee jira.
❗️Eebba Faarfannaawwanii❗️
⏰ Dilbata guyyaa 10/09/2017ALI guyyaa keessaa sa'aatii 07:00'tti
📍 Warreen qaamaan argamanii eebbisaniif Magaalaa Jimmaa, Galma kutaa lallaba Jimmaatti yoo ta'u warreen fagoo jirtaniif immoo karaa YouTube Miidiyaa Sootiriyaa nu eegaa.
⚜️ https://youtube.com/⚜️
✔️ Maarree isinis irratti argamuun akka itti eebbifamtaniif jaalala Gooftaan affeeramtanii jirtu.
Kan nu gargaare kan nu gargaaru kan nu qajeelchu Waaqayyo Uumaaf, deessuu haadha isaaf, Ulfaataa Fannoo isaaf galanni haa ta'u. Aameen
Koree Eebba Faaruu Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaa fi Koollejjiiwwanii Jimmaa.
Jimma, Itiyoophiyaa