Abjuu Dhugomee /Singer Sara Belay Muldhat

Abjuu Dhugomee /Singer Sara Belay Muldhat Ifaa kooti WANGEELI kudhamaa jireenyatti anaf

“Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf deebise.”  — Far. 18:20
28/12/2023

“Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf deebise.”
— Far. 18:20

Nagaa qaba ;-Wal qixxee hin biqilchituDacheen kun wal caalchiftiYeroof dadhabbii nyaatteTaajjabbiidhaan jiraattiGaruu, o...
19/10/2023

Nagaa qaba ;-
Wal qixxee hin biqilchitu
Dacheen kun wal caalchifti
Yeroof dadhabbii nyaatte
Taajjabbiidhaan jiraatti
Garuu, obsaan namaa
Inni of-ta’ee jiraatu
Quufeen deeffadha hin jedhu
Utuu ollaasaatti hir'atuu
Ta'us kan ta'uu hin qabne
Colleenis yoo durfamu
Kan gufate yoo cabe
Ajaa'iba hin jedhamu
Gaafii yaaliin milkaa'ee
Akka yaadan namaaf ta'a
Isa jiruuf fooyyeessuuf
Kan duraa gadis ni ta'a
Hin jirreen guutuu ta'ee
Gammachu wacaan guutu
Kan harka jireettiin badees
Ibidda gaddaa qaammatu
Milki toleessi yaaddannoof
Guyyaa dhalootaa kabajatu
Gadadamaan of jibbes
Maatii abaaraa jiraatu
Inni karoorri raawwii ta'eef
Boriif lafa bal'aa sararata
Inni har'a beela'e immoo
Kan qabu gurguree nyaata
Inni qabuu liqeesseetu
Dhalasaa wajjiin galfata
Guyyaa keessa tokkommoo
Kansaa dhabee maraata
Inni muuxannoo qabu
Of- fala, ofiin caafee himata
Inni guyyaan isaa dukkanaa
Sodaa turjumaanaaf hollata
Dureessis eegduu qaba
Keenyan cimaa fi dallaa
Lubbuu isaan qixa baatee
Namatu isaaf ala bula
Lama buluuf kaayyeeffannaan
Garaan namaa dabeessa
Fakkaraaf fakkartuu har’aas
Du'atu wal qixxeessa
Hin darba hin soba malee
Dhumni nama qilleensa
Daarii darbuun akka hafu
Yaadaan qabuun ba'eessa
Hundumaafiyyuu harka
Fokkuuf fokkisaan qubaa
Kana hundumaa keessaa
Kan dibame nagaa qaba
Suuraan ;-Hirpha Bahiru Banti.

“Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti" isaaniin jedhe.”  — Yoh. 9:5
19/10/2023

“Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti" isaaniin jedhe.”
— Yoh. 9:5

 ????Maal jaarraan akkasii?, bara fokkistuu Gurraanu ni dhageenya jennee hin yaadne ijaan argine. Bara dhufee darbu   je...
15/09/2023

????
Maal jaarraan akkasii?, bara fokkistuu Gurraanu ni dhageenya jennee hin yaadne ijaan argine.
Bara dhufee darbu jechuu qofaa tahe kan Saba koo, "eenyutuu du'ee?" gaafachuun hafee, "meeqatuu du'ee?" ta'e, nama jiruuf hin jirre iyyuu yoo barri kun darbe barra....

Kun Maaliif ta'e Garuu??? Barootaaf obsannee afaanis qabannee jijjiirama dhabne....
Yoo du'a ta'es kunoo Qe'ee ofiitti akkasiin Jumlaa qal*amanii du'uuni tutture maal du'a sodaature?

Kana Booda Gama kamiimuu Waan gochuu dandeenyu gochuun gahee keenya ba'achuun dirqama namummaati hin callisu, hin callisnu....Kanuma!
Wallaggi Biyyaaf, Addunyaaf Beektota hedduu fi qabeenya hedduu kan madaallii hin qabne gumaache,
Oromoonis Addunyaa kanarratti saba guddaa, beekaa fi dhiibbaa gurguddaa uumee jiraataa turee fi jiraataa jirudha, Maaliree badiin saba kanaa, yoo baayyate Walta'uu dhabnee Kan biraa eegganne,

Garraamummaan jiraannee waanuma barri darbu seenee utuu duunuu obsine....kanarra maaltu hafe maalis eegna.....Egaa Kunis Biyyaam🤔🤔🤔???😭😭😭
Yaa Waaqayyo Atis Ga'aa hin callisiin Ifa nu agarsiisi😭😭😭😭

↪️“Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif j...
10/09/2023

↪️“Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe.” — Filp. 2:10
↪️“That at the name of Jesus every knee should bow, of things in heaven, and things in earth, and things under the earth.”
—Phil. 2:10
↪️"በሰማይና በምድር ከምድርም በታች ያሉት ሁሉ በኢየሱስ ስም ይንበረከኩ ዘንድ።"
—ፊልጵ. 2፡10
"لكي يسجد لاسم يسوع كل ما في السماء وما على الأرض وما تحت الأرض."
—فيل. 2:10

↪️Galatatu Jira.   Far. Magarsaa Baqqalee fi Far. Raheel Tafarraa ↪️“yommus ani Waaqayyo gooftaan isaanii isaanii wajjin...
08/09/2023

↪️Galatatu Jira.
Far. Magarsaa Baqqalee fi Far. Raheel Tafarraa
↪️“yommus ani Waaqayyo gooftaan isaanii isaanii wajjin akkan jiru, manni Israa'elis ofii isaatii saba koo akka ta'e isaan in beeku; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.”
— His. 34:30
↪️Nagaan Kootuu nama jabaa nana❤️❤️🙏



↪️“Caaffata qulqullaa'aa keessatti, dhugaa ana isa jiraataa! Jilbi hundinuu anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuus ani ...
03/08/2023

↪️“Caaffata qulqullaa'aa keessatti, dhugaa ana isa jiraataa! Jilbi hundinuu anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuus ani Waaqayyo akkan ta'e beeksisuuf jiru' jedha gooftichi" kan jedhu caafameera.” ↪️Rom. 14:11
↪️“In the scriptures, I am the living one! For it is written, That every knee shall bow to me, and every tongue shall confess to God. ↪️ Rom. 14:11
↪️“በቅዱሳት መጻሕፍት ውስጥ፣ እኔ ሕያው ነኝ! ጉልበት ሁሉ ለእኔ ይንበረከካል ምላስም ሁሉ እግዚአብሔርን ያመሰግናል ተብሎ ተጽፎአልና። - ሮም. 14፡11
"في الكتب المقدسة ، أنا على قيد الحياة! لأنه مكتوب: كل ركبة تجثو لي ، وكل لسان يسبح الله. - روما. 14:11↪️

👇👇https://sariioro.com/wangelaa-kanaaf-ani/Karaafan ka'e AnooGaraaf luka hin butadhuGodokoo qaawwee jedheeSoba guuree hi...
16/05/2023

👇👇https://sariioro.com/wangelaa-kanaaf-ani/
Karaafan ka'e Anoo
Garaaf luka hin butadhu
Godokoo qaawwee jedhee
Soba guuree hin sutadhu
Olan galfadha malee
Dhugaatti karran cufaaree?
Abbootakoon dhaabatee
Narra ga'ee kufaaree?
Yooman Deemsa Egaleen
Galuukoo wal gaafatu
Ittuu fiiga miillikoo
Karaa ga'ee hin naafatu.
❤️❤️❤️
Soli nama eebbifamaa❤️
👇👇👇👇
https://sariioro.com/wangelaa-kanaaf-ani/

Coming soon ❤️Faarfatu jabduu waan dinqii dhuftee jirtii
13/05/2023

Coming soon ❤️
Faarfatu jabduu waan dinqii dhuftee jirtii

Nama waaqayyoo ol kaase eenyu gadi buusuu hin danda'u!  Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Raajii   Abbaa Mul’ataa Waldaa   fi T...
09/03/2023

Nama waaqayyoo ol kaase eenyu gadi buusuu hin danda'u!

Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Raajii Abbaa Mul’ataa Waldaa fi TV Araaraa 📺 Konkolaataa Miliyoona 23 baasu har’a badhaasan 🚘 🚘
Baayyee nama gammachiisa Waaqayyo dachaa isaan haa eebbisu ammayyuu deemsi itti fufa🤷🏽‍♂️

❤️“Ergichi, "Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne. Kunoo, ani b...
07/03/2023

❤️“Ergichi, "Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne. Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera.”
— Mul. 3:8

#


Akkas Ture.Magaalaa Mattuutti Deggersa uummta Booranaaf walitti qabaa utuu jiranii harmeen kun dhuftee dhaabbattee laphe...
04/03/2023

Akkas Ture.
Magaalaa Mattuutti Deggersa uummta Booranaaf walitti qabaa utuu jiranii harmeen kun dhuftee dhaabbattee laphee ishee qabattee ilaalte, imimmaantu ishee hundee boosse,Sabbata ishee hiiktee qarshii tokko fuutee hiixatte. kun nama ajaa’ibuu dhiisuu mala garuu Harmeen keenya kun nama gargaaru kan hin qabnee manadaraaf gabaa keessa deemtee na gargaaraa jettee kadhachuudhaa bultii ishee geggeeffatti. dhiifamaa wajjin Afaan baratameen (Kadhattuu)dha jechuudha. garuu waa’een jireenya iseetii utuu hin dhibin Saba isheetiif quuqamtee bultoo ishee har’aa ofitti hirristee hiixatte.
gaafa isheen boossee Qarshii kana hiixachuuf darbattu obboleessi keenya Abdii Oromoo suuraa kaasee social media isaa irratti maxxanse anaanis waan garaa na nyaataniif argee quunnamuun murteesse. guyyaa boorii bakka isaan jiran dhaqanii arganii akka wal na quunnamsiisan ijoolleen waadaa naaf seenaniiru.
egaa harmeen kun deggersa baayyee ishee barbaachisa kanuma Sababeeffachuudhaan karaa keessaas namoonni adaraa in gargaarraa barbaadii nuuf argi jechaa jirtan akkas godhaa!
1, Harmeen kun karaa nama dhuunfaas te’ee gareedhaan deggeramuu in qabdu, kallattii ittiin ishee argattan mijeessina maleessaa.
2, Deggersa kamiyyuu Account nama biraa ykn Accountn gareedhaan banamu hin barbaachisu kanuma dhuunfaa isaanii bansiifnee isin beeksisna.
3, Namni harmee kana deggeruu fedhu hanga danda’ametti kallattiidhaan Harmee kana waliin akka haasa’uuf haala mijeessina.

Harmee kanaaf dhaabbachuunimmoo waaqaaf dhaabbachuu waliin wal qixxeedha!

Harmeen keessan umurii dheeraa isiniif haa jiraattu.
Oromookoo baayyeen isin jaalladha.
Via Lidee Tokkee Goorii ❤️

Address

Byblos

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abjuu Dhugomee /Singer Sara Belay Muldhat posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Abjuu Dhugomee /Singer Sara Belay Muldhat:

Share