Basha Kasem

Basha Kasem BASHA KASEM

20/11/2024
27/12/2021

Anaaf isa duwwaatu beeka bu’aa ba’ii na wajjin deeme
Kanan hiriyaakoo dhoksu waan hundumaan isatti hime
Lafti an itti gatamee ture as miti baay’ee fagoodha
Akkamitti asiin na geesse Gooftaa ko kun naaf hibboodha

Waan baay’eedhaaf na gargaare inni an dursee si filadhee
Fokkuu baay’ee dhokfadheera fannookee da’oo godhaadhee
Duwwaa qodaakoo naaf guutte malee eegee nan taasifne
Mannikee waan hundaa qaba harka ormaa nan ilaalchifne
Malkaa baay’ee na ceesifte barruukee gubbaatti na baattee
Sichis nuffitee nan buuftu Gooftaa atoo garaa jabaattee

Haala ilaaltee nan dheessinee guyyaa rakkoof gidiraatti
An takkaa leeyya’ee hin beeku Gooftaa sitti waamamuutti
Aara galfii lafa onaa kan taliila namaaf yaasu
Sichi ergaan si mi’eeffadhee homtinuu sittii nan baasu

Dhaadannoo waan biraa hin qabu dhiiga keetu na fayyisee
Qaraaniyoon siif ragaadha waa’ee keetiif yoon callisee
Utuu ati wabii naan taanee gatii cubbuu maaltu baasaa
Madaa’uu keetiinan fayye oolmaa keetu garaa na raasa

Qabata kan biraa hin qabuu fayyuun koo sababii keefi
Haadhaaf abbaarra naaf caalta madaallii hin qabdu ati anaafi
Baroota keessatti hin turre fureen cubbuu kan of laatu
Naanoo jechatu na hanqatee maqaan kee naaf haa ulfaatu

Kan kee kuni baay’ee narra baay’atee gatiin oolma kee
Daangaa darbee sammuu kootiin ol ta’ee naaf gargaarsi kee
Gochaa keetu dandeettii koon ol ta’ee lafee koo nyaata
Yoon maal jedhe jecha kamiinan garaa si ciibsa laata

16/07/2021
29/06/2021

Address

Beirut

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Basha Kasem posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category