03/06/2026
🎬 Filmii fi diraamaa irraa of eegi. 😢👌
Obboleeytii tiyya qaalii… yeroo baay’ee sheeyxaanni nama gara zinaatti yeroo tokkoon hin geessu. Suuta suutaan nama geessa. 💔
Har’a filmii tokko akka bashannanaatti ilaalta…
Boruu qalbiin kee wanta sana jaalachuu jalqabdi. 😔
Filmii fi diraamaan yeroo hedduu:
❌ jaalala haraamaa ni bareecha
❌ dhiiraa fi dubartii walitti makuu ni salphisa
❌ qalbii keessatti fedhii badii kaasa
❌ Dhumarratti Zinaa salphisee garasitti nama kakaasa
Ati yeroo hunda waan akkanaa gaafa ilaalte:
📖 Qur’aana keessatti mi’aa dhabda
🤲 salaanni sitti ulfaata
🌙 zikrii irraa fagaata
😢 qalbiinis ni jabaatti
Sababni isaa iji kee haraama irratti banuun qalbii kee miidha. 💔
Rabbiin ol tahe akkana jedhe:
﴿قُل لِّلْمُؤْمِنِينَ يَغُضُّوا مِنْ أَبْصَارِهِمْ﴾ 🤍
“Ija isaanii haa gadi qabatan…”
Obboleeytii tiyya… 👀
Ija tikfachuun qalbii tikfachuudha. 🌸
Yeroo baay’ee zinaa guddaan:
📱 Bilbila irraa jalqaba
🎬 filmii irraa jalqaba
🎵 music irraa jalqaba
👀 ilaalcha ijaa irraa jalqaba
Namni yeroo hundaa filmii fi diraamaa keessa jiraatu, qalbiin isaa suuta suuta gara badiitti laaffatti. 😔
Kanaaf Dhaamsi koo, bakka filmii laaltu San:
🤍 Qur’aana kee qara’i
🤍 beekumsa shari’aa baradhu
🤍 zikrii heddummeeysi
🤍 media banuun dura Rabbi sodaadhu
Waan Rabbiif dhiifte hundaa Rabbiin waan caalu siif kenna beeki. 🌙
Yaa Rabbi qalbii keenya qulqulleessi… 🤲
Ija keenya haraama irraa tiiksi…
Waan zinatti nu geessu irraa nu fageeysi. 🤍
Aamiin Allahumma Aamiin 🌸
❤️ Facebook koo uggura jala jira waan taheef ergaan koo kun akka Shamarran muslimaa bira naaf dhaqabuuf godhi dalagadhu. Sababa ati share gooteen ergaan tun nama tokko fayyaduutu malaa. Galatoomi
✍️ Urji Sheikh Adnan page ....(___) University irraa ❤️ ゚