12/07/2026
🌫Adoolessa ➎ Baga Guyyaa yaadannoo wareegamummaa Phaawuloos fi Pheexiroosiin nagaan geessan!🙏
✍️Ayyaanni kun Mana Kiristaanaa keenya keessatti maqaa "Ayyaana Duuka bu'oota" ykn Urjiiwwan mana kiristaanaa jedhamuun waamama.
✍️Guyyaan isaa waggaa waggaan dhaabbatadha. Manni kiristaanaa keenya guyyaa kanaa ciminaa fi jabina duuka bu'oota kan Phaawuloos fi Pheexiroosiin kaasuun sirriitti ni barsiifti.
📌Qulqulluun Pheexiroos warra jalqaba Gooftaan isaa wajjin hojjechuuf filatame keessaa isa tokko ture .
📌Qulqulluu Phaawuloos immoo kudha lamaan keessas hin turre, gargaartota torbaatama keessaa illee hin turre, garuu Gooftaan kan isa filate dhuma irratti. Inni yeroo Iyyessus Kiristoos biyya lafa irra deddeebi'ee barsiisa ture isa hin hordofne. Waa'ee Kana innis akkas jedheera: 👉“Hundumaa booddee ana isa akka nama iddoo hin ga'in dhalateetti immoo mul'ateera.” — 1Qor. 15:8
👉 “Anoo ergamoota hundumaa irra xinnaa dha; waldaa Waaqayyoo waanan ari'adheefis, "Ergamaa" jedhamee waamamuudhaaf nama ta'u miti.
— 1Qor. 15:9 .
✅Namni tokko tajaajila keessatti tajaajilaa isa duraa(angafaa) ta’uu dhiisuu danda’a, haa ta'u garuu tajaajiltoota hunda caalaa cimaa ta’uu danda’a.
📌 Pheexiroos Betsaayidaa keessatti kan dhalate yoo ta’u, maatiin isaas Qifirnaahom (Kafr Nahum) keessa jiraatu turan.
📌 Phaawulos biyya Qiliqiyaa magaalaa Tarsos keessatti dhalate. Inni bara dargaggummaa isaatti harka barsiisota gurguddoo irraa barumsa amantii barachuuf gara Iyyerusaalem dhufe. 👉"Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhe, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali'el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har'aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture.”— HoE. 22:3
📌 Duuka bu'aan Pheexiroos nama gaa'ela qabu ture. Innis iyyessus Kiristoos haadha warraa isaa ho’a qaamaa irraa akka fayyise Wangeela keessatti eereera 👉Mat. 8: 14-15. Tajaajilaaf imala isaa keessatti haadha manaa isaa wajjin akka obboleettiitti naanna’aa ture 👉“Akka ergamoota warra kaanii, akka obboloota gooftaa, akka Keyfaas nuyi immoo niitii amante fuunee iddoo hundumaatti wajjin adeemuun nuuf hin ta'uu ree?” — 1Qor. 9:5
📌 Qulqulluun Phaawuloos garuu durbumman ture 👉“Ani illee namoonni hundinuu fuudhuu dhiisanii akka koo akka ta'an nan jaalladhan ture. Haa ta'u iyyuu malee, namni adduma addaan kennaa Waaqayyo isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa akkasii, inni kaanis kennaa akkasii qaba.”— 1Qor. 7:7
✅ Kun immoo Gooftaan nama hundumaa akka Pheexiroositti gaa'ela godhatanis ta'e akka Phaawuloositti durbummaadhan kan jiraatan tajaajila isaaf akka waamu nuuf mirkaneessa.
📌Qulqulluu Pheexiroos jireenya isaa Kiristoosiin wajjiin jaalala, ofitti amanamummaa fi amantiidhaan jalqabe.
📌Qulqulluu Phaawuloos garuu diinummaadhaan, mana kiristaanaa fi namoota Kiristoosiin duukaa bu'aan hundumaa ari'achuudhaan jireenya isaa jalqabee. Waaqayyo karaa Damaasqoo irratti yeroo isa qunnamu "Saa'ol Saa'ol maaliif na ari'atta?" jedhee ceepha'uudhaan haasawa Isaa isa waliin jalqabe. 👉“Lafa dha'ees sagalee, "Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?" jedhuun dhaga'e.” — HoE. 9:4
📌 Qulqulluun Pheexiroos nama salphaa, nama qurxummii qabu ture .👉 iyyessus Kirstoos ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu deddeebi'uu obbolaa lamaan, Simoon isa Phexros jedhamuu fi Indriiyaas obboleessa isaa kiyyoo isaanii bishaanitti darbachuutti jiru iyyuu arge; isaan qurxummi-qabduu turan.”— Mat. 4:18 . Qulqulluu Pheexiroos waa'ee isaa fi waa'ee qulqulluu Yohaannis, "namoota hin barannee fi kan hin beekamne akka ta'an" heerameera. 👉“Warri yaa'ii sanaas Phexrosii fi Yohannis ija jabinaan akka dubbatan yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta'an hubatanii, in dinqifatan; haa ta'u iyyuu malee, jarreen kun iyyessus wajjin akka turan isaaniif gale.”— HoE. 4:13
📌 Qulqulluun Phaawuloos Yuunivarsiitii Tarsesitti nama barateedha, miila Gamali’eel jalatti guddate ; Nama aadaa isaa beekuu fi kitaabota hedduu dubbisuudhaan beekamu ture.
✅Kunis immoo Waaqayyo mootummaa isaatiif nama hundumaa, beekaa fi wallaalaa walqixa akka qacaru nutti agarsiisa. Isaanif wanti guddaan hojii ayyaana isaatiif meeshaa faayidaa qabu ta'uudha.
✍️📌 Lamaanuu Yihudoota tura👉“Dhaladhee gaafa saddeetaffaan dhagna qabadhe; sanyii Israa'el, gosa Beniyaamin keessaan dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo Ibroota waan ta'aniifis ani Ibricha makaa hin qabnee dha; karaa seera eeguu immoo ani warra Fariisotaa keessaa tokko.”— Filp. 3:5
✍️ 📌Lamaanuu Gooftaan waamamaniiru. ✨Pheexiroos "qurxummii qaba waan ta'eef kiyyoo isaa galaanatti osoo darbatuu Kiristoos akkana isaan jedhe: Ana duukaa bu'i, "Na duukaa bu'aa! Anis nama kan walitti qabdan isin nan godhadha!" isaaniin jedhe," 👉Mat. 4: 18- 20
✨Gooftaan Phaawuloosin akkas jedhe
"Utuu adeemuus Damaasqootti dhi'aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa'e. Lafa dha'ees sagalee, "Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?" jedhuun dhaga'e. 👉HoD 9: 1--4, Gooftaan immoo karaa Ananiyaan isa waame. Qulqulluun Phaawuloos waa'ee kanaa akkas jedheera: "Waaqayyo inni gadameessa haadha koo irraatii kaasee na fo'ate, ayyaana isaatiinis na waamatutti nan gammadde! Yeroo ofii jaallatettis warra saba isaa hin ta'in gidduutti isuma wangeela godhee akkan lallabuuf, ilma isaa kana yommuu anatti mul'ise, ani duraan dursee mareedhaaf gara nama foon uffatee hin dhaqne; gara warra na dura ergamoota ta'aniittis Yerusaalemitti ol hin baane, garuu biyya Arabaa dhaqee Damaasqootti nan deebi'e. 👉Gal. 1: 15-17.
✍️📌Lamaanuu du'aa kaasaniiru
✍️📌Lamaanuu afaan haaraa dubbataniiru
Qulq. Pheexiroos guyyaa Pheenxeqoosxee afaanota adda addaa akka dubbate ifaadha, sababiin isaas Hafuurri Gooftaa isa irratti waan dhufeef. Qulqulluun Phaawuloosis ergaa isaa warra Qorontoosiif barreesse keessatti akkas jedheera: 👉“Ani hunduma keessan caalaatti afaan hin beekamneen waanan dubbadhuuf, Waaqayyoon nan galateeffadha.”— 1Qor. 14:18 jedha.
✍️📌Tokkoon tokkoon isaanii humna hafuura qulqulluu kennuu qabu turan.
✍️📌 Lamaanuu raajii hojjetaniru.
Waa'ee Qulqullu Phaawuloos akkas jedhamee ture: 👉“Waaqayyo dinqii takkaa hin beekamin harka Phaawulosiin in raawwata ture.— HoE. 19:11
✍️📌Lamaaan isaaniyyu lallabaa fi barsiisaa turan, tajaajila irrattis carraaqqii godhaniiru.
🔊📖Guyyaa Pheenxeqosxee irraa eegalee Pheexiroos mana qulqullummaa keessaa fi alatti barsiisaa, lallabaa, du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dhugaa ba’aa tureera. iyerusaalem, saamariyaafi Galiilaatti lallabeera 👉HoD 9: 22,31 Damaasqoo irraa gara Qeesariyaatti deemun barsiiseera, achittis Qorneeliyoosii fi warra isa waliin turan gorsee cuupheera . Akkasumas Yihudoota Bittinnaa'aatti lallabeera, ergaas isaaniif ergeera👉 "Ani Phexros ergamaan iyyessus Kristoos kana caafuu koo ti. Haa ga'u gara warra fo'amanii, isaanis warra biyyaa baafamanii kutaa biyya Phonxositti, Galaatiyaatti, Qaphadooqiyaatti, Asiyaatti akkasumas Bitiiniyaatti tamsa'anii jiranii.”
— 1Phe. 1:1
🔊📖Qulqulluun Phaawuloosis "Duuka bu'oota) hunda caalaa baay'ee hojjeteera" 👉“Amma garuu ayyaana Waaqayyootiin ani ergamaa ta'eera, ayyaanni inni anaaf kennes utuu dhimma hin baasin hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera; ana utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.”— 1Qor. 15:10
✍️📌Lamaanuu gonfoo wareegamummaa argataniiru.
✍️📌 Lamaan isaanii bara 67 Dh.K.B.tti harka Neeroo Qeesaariin wareegaman. Qulqulluun Pheexiroos mataa isaa gadi galfamee yoo fannifamu, Qulqulluun Phaawuloos immoo billaadhaan mataa irraa murame.
Eebbi wareegamummaa qulqulluu Phaawuloos fi Pheexiroosiin nura haa bulu🙏 Amen Amen Amen.