BMY Church Batu Worship Team

BMY Church Batu Worship Team Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from BMY Church Batu Worship Team, Religious organisation, Batu, East shewa Zone, Ziway.

📖 “God is spirit, and his worshipers must worship in the Spirit and in truth.” — John 4:24
Join us as we dive into Scripture, share reflections, and encourage one another to live lives that glorify God daily.

17/10/2025

KOO
Garee Dura Buutota Waaqeffannaa(Worship team) waldaa kiristiyaanaa hundaaf:-
Akkataan waaqeeffachuu fi waaqeeffannaa gaggeessuu waldaadhaa waldaatti,namaa namatti garaa garummaa xiqqoo kan qabu yoo ta'e iyyuu kan waaqeeffamuu Waaqayyoo tokkicha waan ta'eef namoonni waaqeeffachiistan naamusa waaqeeffannaa sirrii ta'e qabaachuutu irraa jira.Kanaafuu qabxii armaan gadii kana osoo hojirraa olchiitanii jedheen yaada.
1.Yeroo dheeraa namoota hin dhaabbachiisina.
Kunis namoonni akka isin hin nuffineef isin gargaara.Dabalees namoonni haala garaagaraatiin yeroo dheeraa dhaabbachuu hin dandeenye jiraachuu danda'u.
2.Waltajjii irratti farfaannaa saba hin shaakalsiisina.
Kana jechuun farfannaa sabni sun hin beeknee fudhattani gara waltajjiitti hin ba'ina!
Kana yoo gootan sintuu waaqeeffachaa jira malee saba sana miti.
Kanaafuu faarsaa sabni beekuun waaqeeffachiisa.
3.Waltajjii irraa dhaabbattanii odeessuu fi sagalee meeshaa ol kaasuu dhiisaa.
Yeroo tokko tokkoo sagaleen meeshaa sagalee keessaan waan caaluuf wanta isin dubbattan dhaga'uun rakkisaadha.
4.Erga farfaachiistanii booda walga'ii sana dhiistanii hin ba'ina.
Taa'aatii saba wajjiin dubbii baradha!
Yoo barachuu baattan eessaa fiddanii farfattuu?
Farfannaan dubbii sagalee Waaqayyoo keessa jira.
5.Sochii ulfina Waaqayyoo hin mul'isnee fi hiika hin qabne hin mul'isiina.
6.Hafuura waaqeeffannaa dhugaa keessa namoota hin baasina.
Wanti yeroo baay'ee mul'atuu farfannaa tokko jalqabani erga namoonni of kennanii sirritti farfachuutti galani dafani faarsaa jijjiirruudhaan namoota bitacheessuudha.Kun immoo hafuurri waaqeeffannaa namoota akka dhaamuu(baduu) taasisa.
7.Farfannaan keessaan humna akka godhatuuf kadhadha.
Yoo akkas ta'e sabaan gad jedha,ol jedha,utaala jechuu isin hin barbaachiisuu.
Hafuurri qulqulluun ofii isaatii sabni akka hiikamee waaqeeffatu ni gargaara.
8.Sirritti shaakalaati waltajjiitti ba'a.
9.Daqiiqa isiniif kennamee qofatti fayyadamaa

“Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata;”  — Fak. 18:22Lama ta...
04/12/2021

“Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata;”
— Fak. 18:22
Lama ta'aa ciisaa sadii ta'aa ka'aa
Waliin arrii filadhaa

30/01/2020

" Waaqayyo karaa jireenya namaa yoo jaallate, diinonni isaa iyyuu isaa wajjin nagaatti akka jiraatan in godha."
(Macaafa Fakkeenyaa 16: 7)

" Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'ee...
22/09/2019

" Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada."
(Yohannis 4: 23)

Address

Batu, East Shewa Zone
Ziway

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when BMY Church Batu Worship Team posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share