Waldaa Duuka Bu'ootaa Wirtuu Walisoo

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wirtuu Walisoo Wangeelatti hin leeyya'uu

Obboleessa keenya F/taa Dn Mirkanaa Biraanuu fi Durbee Sister Kumeeshi Tasfayee baga guyyaa gammachuu keessan geessan.Wa...
25/01/2026

Obboleessa keenya F/taa Dn Mirkanaa Biraanuu fi Durbee Sister Kumeeshi Tasfayee baga guyyaa gammachuu keessan geessan.
Waldaan duuka bu'oota wiirtuu Sh/Ki/Lixaa akka miillan lafa dhaabbatu obboloota gahee guddaa taphachaa turan keessan isaan hangaafaa kan ta'an obboloonnii keenya guyyaa har'aa gaa'ela isaanii akka sirna mana kiristaanaattin yeroo raawwatan arguun keenya gammachuu guddaatu nutti dhagahama.

Horaa Bulaa Deebanaa 🥰🙏

Sagantaa Hundeeffama WDB waggaan 14ffaa kadhanna Abbootaatin eegaleera
23/11/2025

Sagantaa Hundeeffama WDB waggaan 14ffaa kadhanna Abbootaatin eegaleera

Sadaasa 𝟙𝟚 💥🥰Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel  Baga ayyaana waggaa yaadannoo hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'ee...
20/11/2025

Sadaasa 𝟙𝟚 💥🥰
Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel
Baga ayyaana waggaa yaadannoo hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eeliin isin gahe!
✍️ “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” (Dan 12:1)
✍️Hiikaan jecha Mikaa’eeli jedhu, “kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuudha. Ergamaa qulqulluu Mikaa’eel, ergamoota jiran hundumaaf hangafa ta’ee kan muudameedha.
✍️ Ergamaan kun kan Luba Iyyaasuu gargaare (Iyyaasu 5:13), kan Israa’eloota yemmuu Misraadhaa gara Kana’aanitti imalan masakaa/gaggeessaa ture dha.
✍️ Ergamaan kunis, naannoo warra Amooriyaanotaa kuma saddeettama ajjeesuun, Hizqiyaasin kan gargaaredha (Isa 37:36).
✍️ Raajaan Daani’eelis, waa’ee ergamaa kanaa dubbateera akkas jedhee; “Kunoo warreen hangafoota jajjaboo keessaa tokko, Mikaa’eeliin na gargaaruuf dhufe (Dan. 10:13).
✍️ Akkasumas, “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” jedhamee barraa’eera (Dan 12:1).
✍️ Ergaa Yihuudaa irrattis (Yihudaa lakk.9), hangafti ergamootaa Mikaa’eel garuu, yemmuu Diyaabiloos waliin wal mormu; waa’ee foon Musee yemmuu dubbatu “Gooftaan si haa ifatu” jedhe malee; jecha arrabsoo dubbachuuf hin feene jedhee, waa’ee obsa qabeessummaa ergamaa kanaa dhugaa baheera.
✍️“Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7) Kanaaf, samiiwwan ergamootni jiran hunduma irratti, ergamoota hundaaf hangafa ta’ee muudamuu ergamaa kanaa, Sadaasa 12 manni kiristaana keenyaa ni yaadatti.
✍️Guyyaa kanas, bifa loltuutiin Ilma Nawee Iyyaasutti kan muldhateedha Iyyaasuu (5:13). Israa’eloota masakee baasuun kana’aanitti galchuu isaas,guyyaa itti yaadatamuudha (Ba’u 14:15).
Araarsummaa fi eegumsi ergamaa qulqulluu Mikaa`el nu waliin haa ta`u.
Ayyaana gaarii!

Oduu SimbirtuuWaldaan Duuka Bu'ootaa Barsiisota Duuka Bu'ootaa leenjii addaa Waqtii Gannaa leenjisaa ture 200 eebbise.TV...
31/08/2025

Oduu Simbirtuu
Waldaan Duuka Bu'ootaa Barsiisota Duuka Bu'ootaa leenjii addaa Waqtii Gannaa leenjisaa ture 200 eebbise.

TV Sagalee DHugaa, Hagayya 25/2017 Finfinnee

Waldaan Duuka Bu'ootaa barsiisota duuka bu'ootaa guyyoota 45niif miseensota isaa 200 ol Godinaalee Oromiyaa mara irraa dhufanii leenji'aa turan guyyaa har'a bakka hoggaantoonniifi miseensonni waldichaa wiirtuulee adda addaa dhufan argamanitti sirna ho'aan eebbiseera.

Tajaajila wangeelaa uummata baadiyyaafi magaalaa biraan ga'uuf humni nama barateefi leenji'ee hoolota Waaqayyoo barsiisuun karaa qajeelchuun dirqama barbaachisaa waan ta'eef, leenjiin barsiisota duuka bu'ootaatiif bara kana karaa addaa kennamaa ture xumuramee guyyaa har'aa haala miidhagaa ta'een eebbiseera.

Waldaan Duuka Bu'ootaa baroota darban keessatti hanqinaaleefi rakkoolee tajaajila mana kiristaanaa furuuf walitti aansee marsaa 6ffaaf barsiisota duuka bu'ootaa leenjisaa tureera.

Kan bara kana kan baroota darban irraa adda kan taasisuu leenjii duuka bu'ummaa kun leenjii Bonaafi Gannaan marsaa lamaan kennuufi sirna leenjii addaa qopheesse hojiirra oolchusaati.

Sirni eebba barsiisota duuka bu'ootaa kunis kan haalotaafi duudhaa mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo eegee waan raawwatameef leenjifamtoonniifi hirmaattoonni eebbichaa irratti argaman yaada isaanii TV Sagalee DHugaatti himaniiru.

Sirna eebba kana irrattis barsiisonni duuka bu'ootaa leenji'anii tajaajila mana kiristaanaaf imaanaa waldichiifi manni kiristaanaa itti kennite jaalalaaf kasoominaan ba'uu akka raawwatan waadaa seenaniiru.

Dabalataanis leenjifamtootaafi qooda fudhattoota milkaa’inaa leenjiifi eebba barsiisota duuka bu'ootaa kanaaf ga'ee isaan irraa eegamu nuffii tokko malee raawwataniifi beekamtiifi waraqaan ragaa kennameeraaf.

Walumaa galatti WDB bakka ka'umsaa irraa eegalee hanga galma hojii isaa yayyabatee imalaa jiruutti fiixaan baasuufi lubbuu ilmaan namootaa mootummaa Waaqayyoo dhalchisuu keessatti jaalalaafi kasoomina duuka bu'oonni Gooftaa isaaniirraa baratan faana bu'uun tokkummaan tajaajila mana kiristaanaa qaqqabummaa taasisuuf namni hundumtuu ga'ee amantaa isaan irraa eegamu ba'u qaba jechuun dhaamsa miseensota isaa golee arfan irraa sirna eebbbafi yaa'ii waliigalaa 14ffaa irratti argaman irratti adaraa jedheera.

TV Sagalee Dhugaa

30/08/2025

Hagayya 𝟚4 💥❤️
Baga guyyaa yaadannoo boqonnaa Qulqulluu Abbaa Takleetin isin gahe Ortoo Koo.
Eebbif sugni isaa nurra haa bulu 🙏

15/07/2025

Address

Woliso

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Duuka Bu'ootaa Wirtuu Walisoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share