09/05/2026
Caamsa 1
Caamsaa 1
Dhalachuu Dubroo Maariyaam.
“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Namoonni (amantaan) tokko tokko, haadha Waaqayyoo Dubroo Maariyaamii,waan caalatti kabajan isaanitti fakkaatee, isheen sanyii namaa miti, humnaa olitti (human Aariyaamiiti) jedhu. Isheen garuu sanyii namaati kan argamtes hidda Daawit irraayi. Kitaabni Qulqulluunis kanuma raga baha. Haaluma kanan:
• “Kunoo firri kee Elsaabex” jedhamuun ishee (Luq 1:35).
• Gooftaan kan fudhate (uffate) foon Abirahaam tahuu isaa (Ibroota 2:16).
• Hiddi dhaloota Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos yemmuu lakkaawwamu sanyii namootaa keessatti lakkaawwamuu isaa (Maat. 1:1). Kan jedhan hundinuu kan ibsan isheen gosa namaa tahuu isheeti. Abbootni amantaa Ortodooksii Tawaahidoo garuu sadarkaa qulqullummaa (olaantummaa qulqullummaa) ishee yoo ibsan obboleettii ergamoota jedhanii waamaniiru.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fooniin dubroo Maariyaam irraa akka dhalate ilaaleerra. Kunis hidda dhalootaa maqaa abbootaatiin caqasame irraa kan hubannudha.
Dhaloota dubroo Maariyaam jalqaba irraa yemmuu ilaalluu, seenaa nama ajaa’ibu fi kan adda ta’e arganna. Teektaa fi Batriqaa kan jedhaman haadha warraa fi abbaa warraatu ture. Namoonni kuni dubroo Maariyaamiif gara duubatti dhaloota jahaffaa turan. Warra baay’ee sooressaa kuni hafe hin jedhamnee turan. Qabeenya guddaa haa qabaatan malee dhala dhabuudhaan yeroo dheeraadhaaf gaddaa fi Waaqayyotti booyaa turan. Baay’ina qabeenya isaanii irraa kan ka’e sa’aa fi qotiyyoo isaanii gaanfa irratti warqii hidhaniif ture. Akkasumaan gaddanii osoo jiran guyyaa tokko abjuu nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Abjuun isaanis jabbii adiin yoo mooraa isaanitii baatu, jabbiin sunis jabbii wal fakkaatu dhalaa deemuudhaan jahaffaa irratti garuu yoo addeessa dhaltuu fi adeessi kuni ammoo torbaffaa irratti yoo biiftuu dhaltu argan. Iccitii abjuu kanaas baruudhaaf nama abjuu hiikuu beeku bira deemuudhaan abjuu isaanii itti himatan. Namni abjuu hiiku sunis “daa’ima ni deessu, jabbileen fakkenya daa’immaniiti, dhaloota jahaffaa irratti kan addeessa agartan garuu kan hanga ammaa olitti dhalatan irraa, daa’ima namaa hunda kan caalu ni deessu, iccitiin biiftuu sana garuu anaaf hin ibsamne, tarii raaja yookaan mootii tahinaa laata?” jedheen. Isaanis waa’ee biiftuu sana ‘yeroon haa hiiku’ jedhanii gara mana isaanitti galan. Kana booda dhala ni argatan, maqaa daa’ima dhalattes He’emaan jedhaniin, hiikni isaas “wareega koo argadheera, naaf dhaqqabeera” jechuudha. He’eman Derden, Derden immoo Toonaa, Toonan Siikaariin, Siikaar Heermeellaa, Heermeellaan ammoo Haannaa deesse. Haannan ammoo Iyyaaqeemiitti heerumte. Garuu dhala dhabuun Teektaa fi Batriqaa irra gahaa ture sun deebi’e Haannaa fi Iyyaaqeem irraas gahe. Isaanis dhala dhaban.
Daa’ima dhabuu isaaniitiinis gadda guddaatu itti dhagahamaa jiraachaa turan. Dhala dhabuu isaaniitiin ilaalcha badaa namoota irraa isaan irra gahaa ture keessa tokko akka fakkeenyaatti yoo ilaalle guyyaa tokko gara mana qulqullummaa kennaa kennuuf yoo deeman, lubni mana qulqullummaa sun “Isin immoo Waaqayyo cubbuu keessaniin mitii kan dhala isin dhoowwate?” jechuudhaan kennaa isaanii harkaa fudhachuu dide. Kanaanis baay’ee gaddaa turan.
Guyyaa tokko muka jala taa’anii yoo bullaallan ijoollee isaanii wajjin taphatan Haannan agartee “Yaa Waaq kan bullaallaa kanaaf dhala kennite anaaf dhala na dhoowwattee ani uumamni koo dhagaa irraatii laata?” jettee gadditee boossee kadhatte. Achumaanis “maaloo yaa Waaq yoo ilmoo nuuf kennite dhiira tahu qotee nuuf haa laatuu hin jennu, dubaras yoo taate, bishaan waraabdee, qoraan cabsitee akka nuuf ergamtu hin barbaannu; mana kee keessatti akk guddattu siif kennina jedhanii Waaqayyoon kadhatan. Sana booda Waaqayyo kadhannaa isaanii ni dhagahe, Haannanis ergamaa Waaqayyootiin missiraachoon itti himame. Ni ulfooftes.
Yeroo Haannan ulfa turtettis ajaa’ibni gara garaa raawwatameera. Haannan adaadaa Barseebaa jedhamtu qabdi turte. Adaadaan ishee kunis ija tokko qofa qabdi ture. “Yaa Hanna Waaqayyo si yaadateera natti fakkaata harmi keetis gurrachaa’eera, hidhiin kees goggogeera” jettee garaa Haannaa yoo qaqabduttu ijji ishee ifeefii jira. (Hiikkaa Galata Maariyaam)
Dabalatanis mucaan eessuma ishee tokkotu du’ee osoo bo’aafii jirtuu yemmuu siree reeffi isaa irra jiru qabattee boosutti, gaaddidduun ishees reeffa irra bu’e. Gurbichis ol ka’ee “Nagaan siif haa tahu, haadha lafaa fi samii kan uumee” jedhee dhugaa baheera. (Hiikkaa Galata Maariyaam)
Kanarraa kan ka’e Yihudoonni itti hinaafutti ka’an. Kuni osoo gadameessa keessa jirtu, akkana kan godhe guyyaa dhalatte akkam nu godha laata? Kanaan dura sanyiin isaanii Daawit fi Solomoon, waggaa 40 40 nu bitanii darbaniiru; kan dhalachuuf jiru kun immoo akkam nu godhinna laata?” jedhanii itti hinaafutti ka’an.
Tulluu Libaanositti Dhalachuu Maariyaam
Yihudoonni waan itti hinaafaniif Haannaan gara gaara (Tulluu) Libaanositti jalaa baqatte. Achumaanis Haannan gaara Libaanos irratti Dubroo Maariyaamii deesse. Dhaloota ishee kanas Ogumma qabeessi Solomon ilmi Daawit akkas jedhee faarfateeraaf:
“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)
Yemmuu Haannan gaara Libaanositti deessus namoonni Haannaa beekan gara Tulluu Libaanositti ishee gaafachuuf waan nyaatamu hidhatanii (qabatanii) gaaricha irra ol bahuun gaafataniiru. Kanaaf hanga hardhaatti kunoo gocha sana yadachuudhaanf Caamsaa bultii tokkotti alatti bunni ni danfa, mulluun ni affeelama, Daabboonis ni caba, sirni gara garaa dhalachuu Dubroo Maariyaam nama yaadachisanis ni adeemsifama.
Egaa dhalachuun ishee Addaammii fi sanyii isaa hundaaf fayyina fi abdii ture. Aabbaa Hiriyaaqos; monokseen galateeffannaa(Qiddaasee) Maariyaamii barreesse, “Yaa Maariyaam Addaam yeroo jeennata keessaa ari’ametti abdiin isaa sidha” jedheeera. Yemmuu abboommii Waaqayyo diiganitti, Waaqayyo, “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galeefi waan tureef, waadaa kana Addaam,Waaqayyo eenyurraa dhalatee akka isaa fi sanyii isaa fayyisu ni hawwa, ni abdatas ture. Kana qofa osoo hin taanee Aabbaa Hiriyaaqos fakkeenya hedduun fakkeesse Dubroo Qulqulleettii Maariyaam ni galateeffata. Biqiltuu Jaannata kan keessaa fi alaan dalleeffamtee, burqaan boolla bishaanii si dha” jedheen. Kunis cufamtee kan chaappeefamte jechuudhaan kan Qulqulluu Efreem dubbate faana wal fakkaata. Isheen haadha wareegamtootaati, duuka bu’ootaafis kabaja kan taate, ergamootaafis obboleetti dha, qulqulluummaa isaaniitiin fakkeefamti waan taheef.