wwwmy Damoo sibuu siree

  • Home
  • wwwmy Damoo sibuu siree

wwwmy Damoo sibuu siree Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from wwwmy Damoo sibuu siree, Church, .

Namni yaadasaa Karaa Qajeelaa ta'een ibsachuu danda'u yaada haa kennu.Faarfannaa jechuun maal jechuudha?Sirba jechuun ho...
16/05/2023

Namni yaadasaa Karaa Qajeelaa ta'een ibsachuu danda'u yaada haa kennu.
Faarfannaa jechuun maal jechuudha?
Sirba jechuun hoo?
Faarfannaa fi Sirbi akkamitti fi maaliin wal Fakkaate?

Wow! Torbeen Kun torbee Oromooti.Wangeelli Saba Hundumaaf!Tibba kana Akka mana Amantaa kiristaanaa Ortodoksiitti Sabni O...
29/01/2023

Wow! Torbeen Kun torbee Oromooti.

Wangeelli Saba Hundumaaf!

Tibba kana Akka mana Amantaa kiristaanaa Ortodoksiitti Sabni Oromoo Afaan Waaqayyo isaaf kenneen Uumaasaa Waaqayyoon Galateeffachuu akka Danda’utti Sinodosii Mataasaa Danda’e Kan Saba keenya gidduutti Hojii Boonsaa ta’e tokko Hundeeffateera!
Akkasuma Akka Amantii Protestantiittis Sabni keenya Waan Guddaa tokko Argateera! Oromo Bible society’n garee Kitaaba Qulqulluu Afaan keenyaan Barreessee torbee itti Gurri keenya Aaga dhaga’edha! Waldaan keenya Of danda’eera! Kun Gammachuu Guddaadha! Kaayyoon Onesmoos Nasib fi Asteer Gannoo faa Fiixaan ba’eera. Waaqayyo Hamma Dhumaatti Saba Keenya Wajjin haa Ta’u.
Guddaan Waaqa!
Wangeelli Saba Hundumaaf!

CIDHA GUDDAA ~Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo (Oromo Bible Society) OBiS dhiyeenya hundaa’e. Erga hundaa’ee asi ergama ...
25/01/2023

CIDHA GUDDAA
~
Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo (Oromo Bible Society) OBiS dhiyeenya hundaa’e. Erga hundaa’ee asi ergama guddaa qabatee jiru isa jalqabaa raawwii bareedaadhaan goolabeera. Ergamni jalqabaa kun Macaafa Qulqulluu baay’inaa fi qulqullina isaa eeeggate afaan keenyaan saba keenya qaqqabsiisuudha. “Kana dura Macaafni Qulqulluun afaan keenyaan nu dhaqqabaa hin turree?” gaaffiin jettu ka’uu malti!

Kana dura Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoon maxxansee rabsaa kan ture Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa (Ethiopia Bible Society) dha. Waldaan kun kana dura Macaafa Qulqulluu afaan keenyaan maxxansee yeroo rabsaa turetti baay’inaa fi qulqullina barbaadamuun akkanni saba keenya bira hin geenyeef dhiibbaa siyaasaa hamaa geggeessaa ture. Kana qofaa miti, hiikaa macaafichaa irratti illee rakkoon mul’ataa tureera. Akkasumas qulqullina isaa irratti xiyyeeffannaa kennuu dhabuu irraa kan ka’e dogoggorri qubee bakka baay’eetti mul’ataa ture.

Amma garuu Waldaan Macaafa Qulqulluu Oromoo - OBiS rakkoo kana hundeen furee jira. Kana dura Macaafni Qulqulluun Itoophiyaa keessatti maxxanfamaa ture gatiin maxxansa tokko isaa $2-3 darbee hin beeku. Kan amma afaan keenyaan OBiS maxxanse garuu qulqullina sadarkaa idil-addunyaa kan eeggateefii gatiin maxxansa tokkoo $6 dha. Kan maxxanfames biyya Kooriyaa Kibbaatti yoo ta’u, sadarkaa maxxansa Macaafa Qulqulluu biyyaa Ameerikaatiini. Kun saba keenya Oromoof aaga guddaadha.

Oromoon, Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo jabeeffachuu qaba kan jennu kanaafi. Sichittis hojii bal’aa hojjechuuf sagantaa hedduu harkaa qaba.

Dilbata fuula keenya dura jiru Amajji, 29/2023 kana immoo maxxansa kanatu galma Bar-Kumeetti eebbifama. Eebba kanaa irraatti Raajii Masarat Taayyee fi Faarfattoonni keenya nu tajaajiluuf qophiitti jiru.

Kanaaf Oromoon bakka jirtanii eebba maxxansa kanaa irratti argamuun obboloota keenya kanneen hojii kana fiixaan baasuuf ifaajaa turanii fi Waldaa kanaan, isiniif jirraa jechuun hojii itti aanuuf akka onnachiiftan jaalala Gooftaan isin gaafanna!

Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu dhiisuun Hin Danda’amu!👇Guyyaa kaleessaa fedha Waaqayyoo ta’ee Consertiin tumsa Faarfataa...
23/01/2023

Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu dhiisuun Hin Danda’amu!
👇
Guyyaa kaleessaa fedha Waaqayyoo ta’ee Consertiin tumsa Faarfataa Kabaa Fidoo Haala Baay’ee milkaa’ina Qabuun Waldaa Amantoota Oromoo Finfinnee (WAOF) Gullalleetti gaggeeffameera. Waa’ee Kabaa Waan na Ajaa’ibe tokkotu jira! Kabaan dhalootuma isaatii jalqabee nama Afaan hiikkatee Nama waliin Walii galee Yaadasaa ibsachuuf Rakkatu ture. Arrabnisaa Giingeedha. Nama kam waliin yoo haasa’u Muka rukutee, miila isaatiin lafa dhiitee jecha Tokkittii Afaan isaatii baafata! Yoo Akkas hin godhu ta’e jecha Tokko Afaanii baafachuu hin danda’u. Sababii kanaafis Mana barumsaatti Gaaffii barsiisaan gaafatu Deebisuuf kan rakkatu yoo ta’eyyuu Qormaata dhiyaatu Hunduma isaa Deebisuun daree barnootaa keessatti nama dursaa turedha, barnootatti Cimaa ta’uusaa irraan kan ka’e Kabaan carraa Barnootaa baay’ee argatee ture. Fknf Carraa Baraiisaa ta’uu, barnoota fayyaa barachuuf carraa argatus Haasa’ee nama waliin Walii galuu waan hin dandeenyeef Carraa kanarraa dhorkameera. Filannoo yeroo dhabu Hojii qonnaa hojjechuun Maatiisaa gargaaruu itti fufe. Kabaan Waamicha Hojii Waaqayyoo Hojjechuus Waan qabuuf Waldaa keessatti Faarfataa Cimaa fi Yeroo inni faarfatu Waaqayyo isaa wajjjn ta’ee Humna Jabaadhaan kan hojjetu, Faarfannaa isaatiin Hidhaa namootaa kan Hiikkatu ta’e! Egaan Kabaan Afaansaa Waaqayyoon Faarfachuuf qofa kan hiikame ta’uu mirkaneeffatee Faarfachuusaa ittuma fufe! Faarfannaasaa keessaa isa “isa giingee hiikee Fiingeetti debbisu” jedhee kan faarfates Kanumaafi. Har’as Kabaan Yeroo Faarfatu qofa Malee Yeroo Haasa’u Afaansaa hiikkatee hin dubbatu! Waaqayyoof safuudha Yeroo faarfatu Jecha Tokkollee hin Dogoggoru! Kanaafi kanan Waaqayyoon Dinqisiifachuu dhiisuun hin danda’amu jedhe!
Qabxiin koo inni ijoon 👇
Namoonni Beekumsa Biyya lafaatiin Cimoo ta’an, haasa’anii namoota Amansiifachuu kan danda’an, Falmii mo’achuu kan danda’an garuu Jecha Tokko dubbatanii Guddummaa Waaqayyoo ibsuuf kan rakkatan, Waaqayyoon Galateffachuuf jechi Afaanitti kan isaan marmu Namoota baay’eetu jiru! Yaa Firoota koo Dandeettii Dubbachuu Qabaachuuf Barumsaa biyya lafaa Baratanii, shaakala gara garaa gochuun in danda’ama! Waaqayyoon Galateeffachuun Garuu Hafuura qulqulluutiin danda’ama! Dubbii Baay’ee fi Abjuu baay’ee keessammoo wanta Waa’ee hin baafne baay’eetu jira👉🏿 Macaafa Lallabaa 5:7
Baay’ee haasa’uu Dadhabuun garuu Waaqayyoon Waaqeffachuu nama hin Dhorku! Faarfataa Kabaatti Wanti biyya lafaa Baay’een Hir’atus Kennaan Barabaraa tokko Waaqarraa isaaf Kennameera! Waaqayyo Haa ulfaatu!
Namoonni Tumsa Isaaf godhame irratti Hirmaattan Eebbifamaa, Tv’n Araaraa Hojii guddaa hojjettan! Gooftaan inni isin isaaf Hojjettan Jireenya Keessan Guddisee haa Eebbisu!

17/01/2023

Nagaan Waaqayyoo Hunduma keessaniif haa ta’u. Baga gara Fuula Facebook waldaa Keenya waldaa makaana Yesuus Damoo dhuftan jechaa kaayyoon keenya Hojii Waaqayyo isa jiraataa Hojjechuu fi Hojjechuu qofadha. “Nuyi garuu Kiristoos isa fannifame in Lallabna” 1Qor 1:23
Isinis nu waliin Gooftaa akka tajaajiltan jaalala Waaqayyoon isin afeerreerra!

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when wwwmy Damoo sibuu siree posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship?

Share