10/09/2025
Ergaa Baga Geessanii Pirezedaantii Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa Irraa Ayyaana Waggaa Haaraa Bara 2018 Ilaalchisee Amantootaaf, Sabaa fi Sab-lammoota Biyyattii Hundaaf Darbe.
Maqaa Abbaatti, Kan Ilmaatti, Kan Hafuura Qulqulluutti Waaqayyo Tokkoo; Ameen !
Gooftaatti kan jaallatamtan uummata biyyaa keenyaa, biyya alaa fi biyyaa ambaa kan jiraattan, akkasumas immo amantoota Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus hundaaf;
Bakka jirtan hundumaatti Ayyaannii fi Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baayyatu!
Abban Farsaa Daawiit akkas jedha “Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan teessoo kee irra jirta, seenaan kees dhalootaa amma dhalootaatti in yaadatama” jedha. Akkasumasa lakk. 25-27 irratti “Bara duriitti ati hundee lafaa in keesse, bantiiwwan waaqaas hojii harka keetii ti. Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataaa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu, Ati garuu isuma sana, waggonni kees dhuma hinqaban!” Jechuudhaan Waaqayyo hundumaa dabarsee bara baraan akka inni jiraatuu fi uumaa waan hundumaa ta’uu isaa dubbata. Raajichi Ermiyaasis “Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan in moota, teessoon kees dhalootaa hamma dhalootaatti in jiraata” jedha. (Far. Erm. 5:19)
Egaa bara 2017 keessa kan turanii fi barichaa wajjin kan darban waantootni baayyeen yoo jiraatan illee nuti akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti hafnee jiraannee bara 2018 simachuudhaaf qophaa’aa kan jirru eegumsa Waaqayyo Gooftaan macaa nuuf godhe irraa kan ka’ee dha. Kanaaf isa waan hundumaa keessatti nu gargaare Waqayyoo keenyaaf galatni haa ta’u jechaa Maqaa Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaatii fi maqaa kootiin baga nagaan waggaa haaraa bara 2018 geessan jedheen gammachuu koo isiniif ibsa.
Itti aansee, barri 2017 xumura gaariidhaan goolabame, bakkalchi ifaa ba’ee, boruun ganamaa odduu gammachiisaadhaan baqqaqe. Akkuma hundumtuu hordofaa jiru, kuttannoo uummata biyya-keeynaatii fi geggessummaa xiiqii gaariidhaan guutameen jalqamee inni waggoota dheeraadhaaf eegamaa ture hidhaan laga Abbayyaa xumuramee eebbifamuu daanda’uun isaa bara 2018 itt ceene kana kan duraanii caalaa abdiidhaa fi fuula ifaadhaan akka simannu nu godheera. Uummata biyyattii maraa fi, Mootummaa biyyatti hundumaan baga gammaddan, baga waliin gammanne jechuun jaalladha. Projectin akka adduynaatti illee iddoo guddaatti ilaalamu kuni tokkummaa fi fedhii waliin guddhachuu uummata keenyaatiif mallattoo dha, mallatto tokkuumaatiif fi kutannootis.
Kanumaan wal-qabsiifnee gaarummaa Waaqayyo biyya kanaaf oolee fi carraa guddinaa nu fuula dura diriiree jiru kan waliin akka biyyaatti dhandhamachuuf ga’ee guuddaan hunduma irraa eegama. Caalaadhumatti, nageenyi iddoo oli-aanaa qaba gatii ta’eef bakka adda addaatti wal-falmiin waraanaan geggeefamaa jiru hundumtuu akka dhaabbatu, qamoliin kana keessatti hirmaataa jiran hundumtuu lola dhaabanii gara maree nagaa fi jireenya nagaatti akka deebi’anii fi waldaan keenya akkuma duraanii waamicha gooti.
Kabajamtoota jaallatamoo ummata biyya kenyaa fi Amantootni keenya hundumti keessan;
Barri 2017 darbeera; deebi’ees hin dhufu. Barri 2018 immoo bara haaraa ta’ee bakka bu’ee dhufaa jira. Kanaaf gara bara haaraatti darbuu keenya dura akka dhuunfaatti, akka maatiitti, akka hawaasaatti, akka dhaabbilee Amantiitti, akka biyyaa fi akka uummataatti yeroo jiraanuu fi yeroo hojjennu adeemsi keenya attam ture? jennee haala ittiin deemaa turree fi raawwii hojii keenya isa darbee dhaabannee xiinxaluutu nu barbaachisa jedheen yaada. Dadhabbii fi jabina keenya isa darbe gargar baasuudhaan hir’inaa keenya sirreeffannee; jabina keenya immoo cimsinee qabachuudhaan bara 2018 tti mul’ataa haaraan hojjennee jireenya ofii keenyaa fi lammiilee keenyaa irratti jijjiiramni gaariin akka dhufuuf ga’ee nu irraa eegamuu ba’uun nu barbaachisa.