Qaroo ulamaa'ii

Qaroo ulamaa'ii Dhugaa filadhu

28/03/2022

Ofeegannoo Atattamaan WBO Shiira PP kana of egadha !!!

Diinni ijjibbaata xumuraarra waan jiruuf WBO miidhuuf tooftaa jijjiree dhufaa jira.
1.Waan nyaata WBOf ergu fakkesse reshina summessani WBO tti erguu.
2.Bakkewwan WBO dandiirratti sakattayinsa geggessanitti Meeshaale irratti feyaani reshina summawa jala gochuun yeroo WBO tarkaanfi fudhatu sobani harkatti dhiisani baqachuun WBO miidhuu yaaluuf qophii xumurani akka jiranidha.
-Kanaaf WBO kallatti mararra jirtan tooftaa diina kana beektani akka of eegganno cimsita isinin Jenna.

14/02/2022

WANTI SHAN GARA WAA SHANII NAMA GEESSITI !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: Ijji Gara Zinaa Nama Geessiti
2: Bololli Gara Sheenaa Nama Geessa

3: Imala Heddummeessuun Gara Beekkumsaa Nama Geessiti

4: Waan Xiqqoo Rabbiin Siif Kenne Irratti Quufuun Gara Jaalala Rabbii Nama Geessiti

5: Mormii Heddummeessuun Gara Waldhabbii Nama Geessiti

• Yaa Rabbi Ija Teenya Zinaa Irraa Tiissi
• Yaa Rabbi Bolola Hamaa Nurraa Qabi
• Yaa Rabbi Wal Dhabaa fii Waa Dhaba Nurraa Qabi

• Yaa Rabbi Warra imaltuu Kheeyrii Heddummeessu Nu Taasisi

• Yaa Rabbi Warra xiqqo ati kenniteef irratti quufu Nu godhi

Barreeffama Kana Dubbisaa Share Waliif Godhaa.

09/01/2022

Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatameetu caala!

Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa’umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsituutu bu’aa guddaa siif qaba!

Namni sabbata godhatanii mudhitti hidhatan, Bofa namatti ta’ee nama Idda!

Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta’eef, icciitii yeroo jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa haasahuun
wallaalummaadha!

Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu!

Jaalalli dhugaa furtuu jireenyaati!

Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti!

Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin gaafatamu!

Dhiira qawweef hin jilbiiffanneetu, jaalala dhugaatiif jilbiiffata!

Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane kaayyoo keetiif dursa kenni

Waan garte fi waan laalte hubachuu yaali maaliif yoo jatte sigargaara waanta.eef!!!!!!

Obboleessa Keetifis Dabarsi.

Address

Awasa
Shashemene
1234

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qaroo ulamaa'ii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share