11/09/2025
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Dhalli namaa martii fi miseensotni WDB biyya keessaaf biyya alaa xumura bara 2017 fi jalqaba Bara 2018 Baga Geessan
Abboonni mana kiristaanaas baroonni darban hundi jijjiirama yeroo kaaleendaraa qofa miti, waamicha gara jijjiiramaatti, gaabbitti fi galataatti dabalataan nuuf kennamaniidha malee jedhanii nu barsiisaniiru.
Utubaa fi ifni mana kiristaanaa qulqulluu Phaawuloos akkana jedhe. “ Guyyoonni hamootadhahoo bara labsaa” Efe. 5:16
Barri Haaraan Gaabbitti nu waama.
Kitaabni jireenyaa guddichi “ Guyyaan gooftaa garuu akka hattuutti ni dhufa. Guyyaa sana samiiwwan sagalee guddaadhaan darbu. Uumamni samiis hoo’insa guddaadhaan ni baqa. Laftis, kan ishee irratti raawwatame hundis ni gubata.
Kun hundumti akkanatti kan baqee badu yoo ta’e; dhufaatii guyyaa Waaqayyoo eegaa fi ariifachiisaa jiruu Qulqulluudhaan, Waaqayyos fakkaachuudhaan akkamitti eegutu isin barbaachisa?
Waa’ee guyyaa sanaaf samiiwwan gubatanii baqu. Uumamni samiis hoo’insa gubaa guddadhaan wal gadhiisu.
Haa ta’u malee gaarummaan kan keessa jiraatu samii haaraa fi lafa haaraa akkuma jecha abdii isaatti ni eegna.” (2Phex. 3:10-13)
Samii fi lafa haaraa qofatu nama dhaalchisa.
Q. Efreem inni Sooriyaa,
“Blessed is the one who begins the year with prayer, … Namni eebbifamaan nama bara haaraa kadhannaadhaan eegalu. Nama guyyaa jalqaba bara haaraa imimmaan gaabbitiin mallatteessee jalqabu. Firii jalqabaa itti fufeen waggaa guutuu jireenya qulqullummaa jiraachuu danda’aatii. “ jedha.
Ilaa, akkuma Israa’eloonni mataa oomisha isaanii, mataa hangafa isaanii Waaqayyoof laatan, nutis mataa bara nuuf dabalame guyyaa jalqabaa Waaqayyoof laachuuf waamamneerra. Akka Israa’elootaa garuu firii midhaanii miti; laphee tolu malee.
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Bara 2018 Baga Geessan

St. John Chrysostom
“As the year passes, so does our life. Let’s not live carelessly, but remember that each day brings us nearer to the judgement.” Akkuma waggoonni darbanitti jireenyi keenyas darba. Mee koottaa, Cavalli’snee dhuma akkasumaan jiraachuu haa dhiisnu. Garuu, tokkoo tokkoon guyyoota bara nuuf kennamanii gara murtii Waaqayyootti nu dhiyeessa akka deeman haa yaadanu jedhee nu gorseera. Dhugaadha, akkuma Umriin keenya barri Waaqayyo nuuf liqeesse fiigu, du’a keenyatti fiigna. Inni immoo guyyaa fuula
Waaqayyoo murtiidhaaf dhaabbannuudha. Kanaafuu, guyyaan akkasumaan dabarsinu guyyaa murtii Waaqayyoof dhimmamuu
Yeroo Galata Galchuu fi Abdiiti.
Qulqulluu Phaawuloos, “Waan hundumaaf galateeffadha. Kun fedhii Waaqayyo karaa Iyyasuus isiniif qabuudha.” Jedhe.
1Tas. 5:19
St. Gregory Of Nazianzus
Let’s begin the year with God. …
Mee koottaa bara Waaqayyo wajjiin haa eegallu. Isa Abbaa baraa fi bara barummaa wajjiin. Koottaa mataa yeroo fi sa’aatii keenyaa Waaqayyoof haa laannu. Jalqaba yeroo keenyaa Waaqayyo isa jalqabaa fi xumura ta’eef haa keenninu. “
Awugisxinoos illee, yeroo keessa otoo jiraanu, bara barummaatti waamamneerra. Guyyaadhaa guyyaatti gara jireenya isa hin dabarreeetti waan deemnuuf lubbuu keenyaaf haa dhimmamnu.
Gooftaan nu haa gargaaru. Baga Geessan! Bara Araaraa nuuf haa taasisu. Ameen!
Goolabamte!