21/03/2026
WKWWMYI'tti Tartiiba Kabaja Ayyaana Dargaggootaa kan Bara 2018ALI
(Bitootessa 21-27, 2018ALI)
• Wiixata/Dafinoo, Bitootessa 21, 2018ALI: Soomaa fi Kadhataan (tajaajila hundagaleessa Waldaa Kiristaanaatiif: tajaajila hojii misiyoonii Wangeelaa biyya keessaa fi biyya alaatiif, hojiilee misoomaa fi hawaasummaatiif, waa'ee haala yeroo biyaatii fi guutuu addunyaatiifi kkf)
• Kibxata/Facaasaa, Bitootessa 22, 2018ALI: Hojii Qulqullinaa fi Eegumsa Naannootiin (Naannoo waldaa amantootaa, naannoo jiraannutti, mandaroota fi magaalotatti...)
• Roobii, Bitootessa 23, 2018ALI: Qophiilee fi Dorgommiiwwan Ispoortii Garagaraatiin (sosochii qaamaa, kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, fiigicha, harkisa funyoo fi kkf...)
• Kamisa, Bitootessa 24, 2018ALI: Qophiiwwan Og-barruu fi Aartii garagaraatiin (Faarfannaa, walaloo, diraamaa, tapha gaggabaabaa, gaaffii fi deebii, wal-dorgommii fakkii fi kkf...)
• Jimaata, Bitootessa 25, 2018ALI: Duula Tajaajija Wangeela Labsuutiin (naannoo keessa jiraannutti, mandarootaa fi magaalotatti, miidiyaa hawaasaatiin fi kkf'n Wangeela labsuudhaan)
• Sanbata Duraa/Xiqqaa: Bitootessa 26, 2018ALI: Konfiraansa hundagaleessaa fi galii walitta qabuudhaan (tajaajila dargaggootaa sadarkaa sadarkaadhaan jiru deeggaruudhaaf),
• Dilbata/Sanbata Guddaa Bitootessa 27, 2018ALI: Konfiraansa hundagaleessaa fi xumura ayyaanichaa
Milkaa'aa Nuuf Haa Ta'u!
''Ayyaanni Gooftaa Yesuus isin wajjiin haa ta'u!'' 1Qor. 16:23
EECMY Youth Ministry
https://t.me/eecmyyouthministry