07/01/2021
🎅🎅🎅KENNAA GUDDAA WAAQAYYOO ABBAAN NUUF KENNAME🎅🎅🎅
Waaqayyoo gooftaa keenya gaariidha. gaarummaan Isaas bara baraan waan jiraatuuf Isaaf galata galcha. “Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee, "Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha.”
— Bau. 34:6“Waaqayyo gaarii dha, qajeelaa dhas, kanaafis cubbamootatti karicha in argisiisa. “Inni warra gadadamoo wanta qajeelaa ta'een in geggeessa, karaa isaas isaan in barsiisa.”
— Far. 25:9. Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaa bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!”
— Far. 107:1“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.isa9:6”“
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.
¹² Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu" isaaniin jedhe. Yesuus fayyisaa waan ta'eef cubbuurraa isaan adda baaneerra📑. Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima" jedhe.”
— Luq. 15:10Luq. 2 amen Ameen dhalateera mootin