04/11/2025
🗣✍️Sammu kiristoosif booji'ame‼️
🔴Sammuun humna jireenya keenyaati.
Yaadi garaa hin haarofne waaqayyoon beeku hin danda'u.
“Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira.”
— Qol. 2:3
🔴Yaadi garaa madda jireenyaati.
Sammuun namaa bakka itti waaqayyof abboomamu, bitamu dha.
“wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!”
— Fak. 4:23
🔴Namni eenyummaan isaa keessa isaati. badhaadhummaan, eebbi, ulfinni, aangoon isa keessaa madda.
“Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira!”
— Qol. 3:10
🔴Yaadni hin jijjramne waaqayyoon beeku hin danda'u. Waaqayyoon beekun jijjirama yaadaa agarsisa.
🔴Seexanni yoo iddoo isin biraa akka hin qabaanne yoo barbaaddan sagalee waaqayyon guutamaa.
🔴Kiristummaan jireenya of keessaa hin qabne waaqayyoon fakkaatani jiraachuf nama rakkisa.
🔴Waaqayyooti maxaneera kan nuti jennu dubbii sagalee waaqayyoo waliin hariroo yoo qabaatedha.
“Egaa maal godhi jedha ree? "Dubbichi sitti dhi'oo dha; afaan kee keessa, garaa kee keessas jira" jedha; dubbichis dubbii amantii isa nuyi lallabnuu dha.”
— Rom. 10:8
🔴Namni karaa ilma waaqayyoo qajeellummaan isaaf kennameera.
🔴Addunyaan hafuuraa communication barbaada.
Namni hin dubbannee homaa hin argatu. Humni kan dubbachu keessa dha.
"Mind's the source of light."
“Alaa kan namatti galu tokko illee danda'ee xuraa'aa nama hin godhu, wanti yaada garaa namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha.”
— Mar. 7:15
🔴Namni yaadaan biyya lafaa isa faalamaa, cubbudhaan guutamaa kana keessaa ba'u ni dandeessu.
“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.”
— Yoh. 16:33
"Biyya lafaa mo'ameen hin mo'amu"