31/05/2026
gahii
(2Xim 3 )
------------
1 Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!
2 Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u.
3 Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban,
4 warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta'uuf jiru.
5 Akka bakkeedhaan mul'atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu!
6 Isaan keessaa kaan mana namaa lixanii dubartoota dadhaboo warra cubbuun irra tuulamee, kajeellaa garaa garaatiin asii fi achi oofaman in wallaalchisu.
7 Dubartoonni kun yeroo hundumaa in baru; garuu dhugaa beekuu bira ga'uu matumaa hin danda'an.
8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambres, Museedhaan morman, jarreen sammuun isaanii bade karaa, amantii isaanii qoramanii hin ilaalamin kunis akkasuma dhugaadhaan in mormu.
9 Garuu akkuma gowwummaan jarreen sana lamaanii irratti beekame, kan isaan kanaas nama hundumaa biratti beekamuuf waan jiruuf, fagoo hin ga'an.