Faana Milkii

Faana Milkii 1QOR 1:23
“Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna;

04/10/2025

Faarffannaa kanaa�����

03/10/2025

Faarffannaa kanaa🥰

  😢"Nama jaalladhu malee hin amaniin!"Mucaa qaama miidhama kana yeroo darbee obboloonni keenya gartuun ATIS NAMA Charity...
22/05/2024

😢

"Nama jaalladhu malee hin amaniin!"

Mucaa qaama miidhama kana yeroo darbee obboloonni keenya gartuun ATIS NAMA Charity heeddu Itti dadhabani gargaaranii jireenya isaa daandii irraa kaasuudhaan gara jireenya nama tokkotti fidanii Jiru.

Akkasuma mucaa cinaa isaatti argamtu kana waliin gaa'ela isaallee dhaabbatee miidiyaa kana irratti hundumti keenyaa ilaallee 'aadha jennee gammadaafii turre. Isheenis torbee tokko qofa waliin jiraatte bilbila isaaf qarshii isaa waan inni kadhatee walitti kuufate sassaabdee fudhattee baddee jedhan.

Gadda Onnee nama cabsu😭😭Amanuutu namatti ulfaata mucaan kun   Lamessa jedhamti barattuu University Asossa waggaa 4ffaati...
15/05/2024

Gadda Onnee nama cabsu😭😭
Amanuutu namatti ulfaata mucaan kun Lamessa jedhamti barattuu University Asossa waggaa 4ffaati ganama har'aa harka namaan waraanamte lubbuun ishee darbe Gaddaa laphee namaa cabsuu. waan jechaa namaa dhabsiisa dhugaa lubbuu isheef iddoo boqonnaa maatii isheef jajjabinaa hawwina 😭😭

👉  🤣 1-Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.2-Kooriyaa kaabaa keess...
15/05/2024

👉 🤣
1-Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.

2-Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

3-Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

4-Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

5-Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta’e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

6-Konkolaataa ykn computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

7-Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.

8-Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa’u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru

9-Dhiirri tokko durba waliin waa’ee jaalalaa kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa’ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

10-Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

11-Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda’amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta’e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.
12-Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

13-Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara M/B yeroo ergu taa’umsa kennuun dirqama.

14-Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

15-Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda’a.
16-Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

17-Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

18-Raadiyoo biyyattii sagalee hiri’suu malee dhaamsuun dhorkaadha.

ajaa'iba!!

Nama gaddisiisa. Hinbaata malee galuukee hinbeektu😭Biyyi lafaa kun garuu akkasumaan  nama dhamaasti. Hedduun gadde! konk...
10/05/2024

Nama gaddisiisa.
Hinbaata malee galuukee hinbeektu😭

Biyyi lafaa kun garuu akkasumaan nama dhamaasti.
Hedduun gadde!
konkolaachisaa Oda bus dhan Osoo finfinnee irraa Gara Mandii deemaa jiruu karaaatti cabe konkolaachisaanis achumatti dhaabee Nama sirreessuuf waammata ta'us Namni sirreessuuf sun dafee dhufuu dida, innis uummata kana daandirra hin bulchu jedhee Ofii sirreessuuf utuu yaaluu konkolaataa jalaa meeshaan cabee akkasitti morma irratti kufee lubbuusaa baase!

Maatiif firoottan isaa waaqni haa jajjabeessu!

Goolii eegaa kilaba River Gee kan ta'e Humphrey Grugbaye jedhama. Akka LibSports+ jedhutti, Goolii eegaa seenaa National...
08/05/2024

Goolii eegaa kilaba River Gee kan ta'e Humphrey Grugbaye jedhama. Akka LibSports+ jedhutti, Goolii eegaa seenaa National Vounty Sports keessatti goolii eegaa jalqabaa counties addaa 3 waliin waancaa kan injifate ta'uun galmaa'eera. Taphataan kun gaafa tapni eegalu Bible isaa fudhatee galuun dhungatee bakka goolii isaa kaawwata. Anaaf maddi milkaa'unsa koo Bible (Macaafa Qulqullluu) dha jedha.

Dhugaadha! Maddi milkaa'ina keenyaa Wangeela!
Yesuus Gooftaa dha🙏😍😍

Guyyaa dheengaddaa (dilbata) darbe ture Ameerikaa kutaa biyya Pennslyvania jedhamutti pastariin maqaa isaa Glenn Germany...
07/05/2024

Guyyaa dheengaddaa (dilbata) darbe ture Ameerikaa kutaa biyya Pennslyvania jedhamutti pastariin maqaa isaa Glenn Germany jedhamu otuu lallaba irra jiruu, dargaggeessi tokko meeshaa waraanaa (shuguxii) itti dhukaasuuf yaala. Garuu meshaan isaa hojjechuufii dide. Kana gidduutti daaqanooniin tokko fiigee dargaggeessa kana harka irratti qaba. Wal'asoon meeqaan booda hojiin seexanaa kun fashalaa'e. Waaqayyoo akkasiin hojjettoota isaa oolfata! Yesuus Gooftaadha🙏

Tajaajilaan kunis homaa hin taane, hinumayyuu dargaggeessa lubbuu isaa baasuuf ka'e kanaaf dhiifama godheefii waan isa barbaachisu hundaan akka isa gargaaru waadaa galeefi. 🙏🥰🥰

Suuraan kun jaarraa 19ffaa keessa ALA naannawa bara1889tti kaafame. Inni tokko Abdallaa jedhama. Musliima yoo tahu qaro ...
07/05/2024

Suuraan kun jaarraa 19ffaa keessa ALA naannawa bara1889tti kaafame. Inni tokko Abdallaa jedhama. Musliima yoo tahu qaro dhabeessa. Inni kaan immoo samar jedhama. Mudhii gadi naafa yoo ta'u, amantaansa kiristaana.

Daandiiwwan Damaasqoo keessa yoo deemaan Abdallaan kan miila qabu, Samar kan miila hin qabne baatee deema. Abdallaan arguu waan hin dandeenyeef Samiir dugda irra taa'ee karaa agarsiisaa. Karaa kanaan karaa sanaan deemi jedhan. Mana tokko keessa jiraatuu bakka tokko hojjetu.

Haala kanaan, rakkina jireenyaa isaan mudatee, walgargaaraa umrii dheeraa jiraatan. Lameenuu umriin dullooman. Hanga hiriyyoonni isaanii tokkollee hin hafnetti.

Dhumarratti garuu gaafa samar du'u, Abdallaan manatti hafe. Manaa bahuun itti ulfaate. Torban hiriyaan isaa du'eetti gadda guddaa booda innis addunyaa kanarraa boqote. Seenaan namoota lamaan kana bifa tiyaatiraan waltajjii adda addaatiin dhiyaatee jira.

Namni nama waan ta'eef waliin jiraata. Garaagarummaan amantii ollummaa gaarii fi jireenya gaarii hin dhorku.

Namni tokko tokkuma. Garuu yeroo lama ta'u garuu baay'eedha. Namni kophaa isaa hir'uudha. Garuu yeroo lama ta'u hamma danda'ametti hir'ina walii guuta.

Addunyaa kun bakka itti wal gargaarree, wal hirkifnee cehuu qabnu malee, wal sakaallee, wal jibbinee itti wal kuffifnu tahuu hin qabu.

Kanan dubbiserraa natti tollaan isiniif qoode😍

Ijoo dubbii tahuuf namni waan hin goone hin qabu.Artistiin kun Guyyaa kaleessa jechuunis Guyyaa Faasikaa irratti Uffata ...
06/05/2024

Ijoo dubbii tahuuf namni waan hin goone hin qabu.
Artistiin kun Guyyaa kaleessa jechuunis Guyyaa Faasikaa irratti Uffata kana fakkaatuun Bifa laphee ishee irratti godhattee as baateetti..
Waan nama dhibu guyyaan kaleessaa guyyaa Angafni seexanaa itti Mo'ame dha. Guyyaan kun guyyaa Yesuus aangoo du'aa mo'ee ka'edha.
Isheen garuu laphee ishee irratti fudhattee as baate.waan nama ajaayibu Artistiin kun Maatii kiristaanotaa keessaa dhalatte.
Sammuu keenya waaqayyo garbummaa hafuura akkasii jalaa haa bilisoomsu.

Address

Nekemte
Nek'emte
1000

Telephone

+251949061957

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Faana Milkii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Faana Milkii:

Share